Aadde Tsahaay Tolasaa (1930-2014) waggaa 84tti Boqotan.

Onkololeessa 15, 2014 | Oromedia.net

Haadha warraa Qeesi Guddinaa Tomsaa ka turan Aadde Tsahaay Tolasaa wagga 84tti addunyaa kana irraa boqotan.

Aadde Tsahaay Tolasaa dhukkubsatanii otuu Hoospitaala Land Mark jedhamutti waldhaanamaa jiranii Onkoloolessa 12, 2014 Oromiyaa/Finfinneetti addunyaa kana irraa du’aan boqatan.

Adde Tsahaay bara Dargii keessa abbaa manaa isaanii murtii faashistummaa Dargiin kan dhaban caala iyyuu waggoota 10ni oliif mana hidhaa keessatti dararaa turuun isaanii kan beekamuudha.


Sabboontuu, gargaaruu fi jajjabeessituu hiyyeessa kan turan Aadde Tsehay Tolasaa Abbaa warraa isaanii Qees Guddinaa Tumsaa sababa Oromummaatiin kan dhaban taúu seenaan ni addeessa.

Add Tsahaay, Garaa laafettii, fi arjaa kan turan Aadde Tsehay, bara jireenya isanaii keessdatti harka qalleeyyii hedduu nyaachisuu, daara baasuu fi waldhaansisuun hojii boonsaa bara baraan ittiin yaadataman hojjatanii akak jiran seenaan isanaii raga baha.

Haadha Ijoollee Afurii kan tahan Aadde Tsehay Tolasaa waggaa 84-tti Onkoloolessa 12, 2014 du’aan boqatan.

Qabsoo Bilismmaa ummata Oromoo keessatti qoodni isaanii guddaa taúu kan ibse Addi Bilisummaa Oromoo ibsa isaa keessatti, du’aan boqotuu Aadde Tsehay Tolasaatti gadda cimaa itti dhagahame ibsee jira.

No comments:

Post a Comment