Dr Diimaan Nagawo ADO irraa Abbaa Duulaa DhDUO Wajjin Du’agahii Taa’e!

Onkoloolessa 20, 2014 | Oromedia.Net

 Ittaanaa Dura Taa’aa ODF kan ta’e Dr Diimaa Nagoo gabaasa dhimma isaa ilaalchisee bahe irratti hedduu akka aare beekame.

(Bitaa irraa gara mirgaatti) Abbaa Duulaa fi Diimaa
(Bitaa irraa gara mirgaatti) Abbaa Duulaa fi Diimaa
Maddi keenya akka gabaasetti, Dr Diimaan Abbaa Doolaa waliin du’agahii amaatii isaa, Aadda Tsehaay Tolasaa, taa’e waa’ee isaa ilaalchisee gaabsaan himamaa jiru hedduu akka isa aarse dubbate.
Suuraan qabatamaan nu gahe akka addeessuttis, Dr Diimaan Abbaa Duulaa waliin taaée sirna gaddaa irratti  argamuu isaa kan mulísuudha.
“Diimaan hidhameera jedhaa odeesssaa, silaa asuma keessaa baatanii soba odeessituu,”jedhee yeroo dheekkamsaan dubbatus dhagaámeera.
Dr Diimaan, sirna awwaalchaa booda, ODF galmeessisuuf gara boordii Filannoo Wayyaanee deemus haaldureen dhiyaateef amma illee paarticha galmeeffamuuf danqaan akka dura jiru addeessa.
Haalduree yeroo ammaa dhiyaate keesaa gariin, ODF maaliin akka ABO irraa adda ta’e barreeffamaa fi waltajjiitti akka ibsu kan gafatuudha. Kanuma waliin, Alaabaa ABO dhiisuu, Heera Itoophiyaa ifaan ifatti fudhachuu, lola balaaleffachuu fi caasaa ABO irraa adda taée ifaan ijaaramuu isaa kan mirkaneessu gabaasaa akka galchu gaafatamuu isaa odeessi nu gahe ni addeessa.

No comments:

Post a Comment