"Oromoo Ta’u Baadhuus Waa’een Oromoo Waa’ee Kooti"

Onkoloolessa 15, 2014 | VOA Afaan Oromoo | Jaallannee Gammadaa Irraa

Gazexxessaa fi barreessaa kan ta’e Obbo Tasfaayee Gebre Aab dhiyeenya kana kitaaba haaraa barreessuun magaalaa Waashingtan Dii Sii keessatti eebbisisanii jiru.

Seenaa Oromoo barreessuun kan beekamuu Obbo Tasfaayeen oromoo ta’u baadhuus isaan giddutti dhaladhee waaniin guddadheef Seenaa isaanis kan kooti.Nan beeka kanaafis nan barreessas jedhu.

Haga ammaatti kitaaboota torba qophaa isaa isa saddettaffaa garu namoota waliin gamtaan barreessuu isaa kan ibse Obbo Tasfaayeen waa’een Oromoo dhaloota amma jiruun barreeffamee kan hin dhumne ta’us gama koon barreessuu ittiin fufa jedha.

Kitaaba barreessuun mirga, bitanii dubbisuunis mirga garuu maaliif barreesite jechuun mormuun qaroomaa fi ammayyummaa baraa irraa fagaachuu agarsiisa jedha.

Badii yeroo dheeraa dura ta’e barreessanii dhaloota har’a dubbisisuun uummata walitti buusuu dha kanneen jedhan yoo jiraatan iyyuu jedha Obbo Tasfaayeen gochi rawwatame gaariis ta’e hamaa seenaa waan ta’eef barreeffamuu qaba jedha.

Seenaa hog-barruu Itiyoophiyaa keessatti iddoon Oromoof kenname sadarkaa ijoo irra kan hin turre ta’uu ibsee an garuu faallaa sanaa waanin godheef kanneen isaan mufachiise ni jiru jedha.

Dhiyeenya kana maanguddoota Oromoo Washington DC fi naannoo ishee jiraniin sirna moggaasaa geggeeffameen maqaa Gadaa Gebre Ab jedhamu kennameefii jira.


Gaaffii fi deebii geggeeffame caqasaa

No comments:

Post a Comment