SOCHIIN OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA ! HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU!!! [Kutaa 2ffaa]

Onkoloolessa 14, 2014 | SEENAA Y.G(2005)

Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa

Sochiin Oromoo, Fincila Diddaa Gabrummaa Bara 2014 Biyya keessatti gaggeeffamen wal-qabatee gaggeeffame, Sochii Oromoon taasisuu dada’u keessaa hangam ta’a jedhanii tilmaamu irra, waan inni nu akeeku irraa barachuutu dansaadha jedhee mata duree kana filadhe malee, falmaa Diddaa Gabrummaa waggaa 100 olii hanqisuuf akka hin taane, naaf hubattu jedheen amana. Seenaa Qabsoo Oromoo Jalqabaa hanga Bilisummaatti jiru yeroon itti katabnuu fi seenaaf keenyu ni dhufa. Hojii guddaan, yeroo sana asi butuuf hojjachuudha. Sochii itti jirru kana yeroo hundaa madaaluun dansaadha. Madaalliin kun gama lamaan ta’uu danda’a.

  1. Humna qabaachuu qabnu ykn baayyina keenyaan, beekumsa keenyaan, dandeettii lammiilee keenyaan, kkfn wal-gitaa?
  2. Humna diinaa nu dura dhaabbatee jiruun. Gama kanaan yennaa ilaalluu, tarii waa hedduu nu akeeku danda’a. hangam hojjachuun akka nu irraa eegamuus nu akeeka. Sochiin jiru garuu rakkoo fi danqaalee keessa ofi illee dabalatee jiru keessa taree kan hojjatame waan ta’eef, waan nu akeeku qaba. odoo yaadaa fi qalbiin keenya gama tokko jiraatee woo? jennee akka of gaafannus nu akeeka……humna Boonsaa hojii iccittii bobaa diinaa jala taa’anii ykn bakka biraas taa’anii hojjatan, Hojiin qofaa akka irra aannu kan nu mirkaneessan qabaachuu keenyas nu akeeka. Kun dhugumatti kan itti boonnuudha. Seenaa kanas yeroon itti faarsinu ni dhufa. Amma garuu yeroo isaa miti. hojjachuu, falmuu, xiiqeffachuu, gumaa ba’uuf halkanii guyyaa hojjachuu qofaatu furmaata ta’uu nu akeeka. Qabsaa’oonni kaleessa haqa Ummata isaaniif manaa ba’an, duuchaamatti diinaan olitti isaan abaaruun illee sabummaa irraa ka’amee akka akka hin taane nu akeeka. Ijoollee dhalootaan qaroo ta’an, ABO dhaga’uu irra taranii ijaan arganii hin beekne wareegama Boonsaa akkasii Bilisummaaf kafalaa jiraniin, “Bilisummaa Ummata keenyaa nuutiyyuu ijaan arguu dhiisuu dandeenya” jedhenii miidiyaa of harkaa qabaniin tamsaasuun sirri akka hin taane nu akeeka. Sochiin Oromoo Bara 2014 waan nu akeeku qabaan waa hedduudha. “Haasaa 1,000,000 irra, gocha 1 tu Bilisummaatti dhihoodha” kanan jedheef kanaafi.
Kutaa 2ffaatti deebina.
BARA 2014 SOCHIILEE HOJII CAALAAF NU KAKAASUU DANDA’AN :
  • Fincila Diddaa Gabrummaa Barattootaa fi Dargaggootaa Biyya keessaa
  • Hawaasa Oromoo Biyya keessaa ijoollee cinaa hiriiruu,
  • Hawaasa Oromoo Biyya alaa deeggarsaa fi ajjeechaa morme hiriira qindoome gaggeessuu,
  • Qabsaa’oonni Ilaalchaan tokko ta’an ABO jabaa gadi dhaabuuf murteessu
  • Midiyaalee walabaa (Intarneetaanis) dhimma Ummata isaanii irratti hojjataa jiran,
  • Dhaabbileen, Waldaaleen gargaarsaa fi Amantii dhimma Oromoo irratti hiriiruu eegaluu,
  • Baqattootaaf birmannaa taaisfame,
  • Aadaa, Seenaa fi Oromiyaa beeksisuuf sochiilee taasifaman,
  • Ayyaana Irreechaa 2014 irratti Sochii Biyya keessaa fi alatti gaggeeffame,
  1. Fincila Diddaa Gabrummaa 2014 fi Hawaasa Oromoo Biyya alaa 
Qindoominni Hiriira Deeggarsaa fi miidhaa Ummata keenya addatti ijoollee irra ga’ee addunyaatti beeksiisu irratti hojjatame, Nama boonsa. Humna qabaachuu qabnu keessaa amma tokkon ykn wareegama nuuti baasu qabnu keessaa ka’umsaaf kan ta’uun, dhimmi  keenya sadarkaa Senaatarooraatti akka irratti mari’atamu taasifnee jirra. Biyyoonni fi dhaabbileen edila addunyaa adda addaa ajandaa akka taasifatan taasifnee jirra. Sochiin taasifame kun waa hedduu nu akeekee jira. Lammiileen Oromoo Biyya alaa dhimma Ummata isaanii addunyaatti beeksisuuf carraan qaban bal’aadha. Ummati Biyya keessaa sirna guyyaa saafaa Taankiin Nama irra deemu, Gogaa Namaa quncisee nama adabu keessa jiraatanii wareegama baasaa jiranii, Bilisummaa isaan wareegamaniif nuufis qorichaa maaltu nu irraa eegama? jedahnii sochiin eegalan itti fufu qaban. Haala ijoolleen falmaa keessatti gaggeessaa jiranii fi haala Biyya alaa Kanaanis of madaaluu barbaachisa.

Dhimma Ummata keenyaa irratti wal bira dhaabbachuu danda’u irra tarree, waliin Asfaaltii irra teenye beelaan of adabnee aantummaa Ummata keenyaa mirkaneessinee jirra. Jireenya Biyya alaa Ulfaataa sana keessatti yeroo ofiillee wareeganii Ummata ofiif dubbachuun waan salphaa akka hin taane beekamaa. Jiraachuun ammoo waan hundaa dursa waan ta’eef. Kanas ta’uu yaadaa fi gaaffii ummata ofii akka fedhanitti bakka dhiheessuun danda’amutti hangam hojjannee? jennee akka of gaafannu kan nu akeeku tokko sochii 2014 kanadha. Biyya alaa kana keessatti akka yaada ofii ka’anii hiriira ba’uun ykn waan yaadan gaggeeffachuun rakko. Akka sochii 2014 kanaa garuu qindeeffannaan waggaa guutuu sagalee Ummata keenyaa eessattu dhageesisuun akka danda’amu nu akeeka. Yeroo Ajjeefamuu fi hidhamuu Ummata keenyaa qofaa odoo hin taanee,yeroo hundaa miidhaa ummata keenya irra ga’u dhageesisuu akkamiin dandeenya? jedhanii mari’achuu fi hojiitti hiikuun fardiidha.

Qabsoo jechuun Miseensa dhaabaa irratti qofaa kan gatamu osoo hin taanee, Hawaasa Biyya keessaa fi alaa kan ilaallatu ta’uu qabatamaatti arginee jirra.kana caalaatti akka dhaabaattis, akka Kominiitittis, akka Waldaalee Amantiittis, Akka waldaalee Gargaarsaattis, kkf wal gargaaruun, waliin dhaabbachuun hangam dhageetti akka namatti horu hubanneerra. Kana irra dhaabbatanii akeekkachuun kan nama qalbii qabuuti. Isaan asittis waan qindoomiinaan deemaa jiran argaa jirra. Faranjiinis warra takkaa ho’anii deebi’anii qabbanaa’an jettee, gaafa nuuti iyyannee isin dhageenye jechaa amma nuuti deebinee iyyannutti akka nu hin eegne fi, jarri kun dhugaa qabu jettee kaka’umsa isaanii irraa ajandaa isaanii hanga taasisanitti hojjachuuf, dabareen hiriirrii fi sochiin adda addaa akka taasifamu danda’u waan baranneef itti fufun barbaachisaadha.

“Wal dhaggeeffachuu fi waliif birmachuun aadaa keenya keessatti jiru, garuu nu harkaa bade nutti deebi’uuf nu suufachaa jiru kanaaf balbala bananii simachuun hedduu nu gargaara. Waan adda itti ta’anii beekanii, waan irratti waliif galan irratti hojjachuun, Dimokiraasiin nuuf aadaa dha isa jennuu nu dhugeessa. yeroo gaddaa fi rakkoo adda ba’uu mannaa, yeroo gammachuu adda faca’uu wayya. Gammachuu waloo keessaa yoo dhabanillee dhuunfaatti nama biraa hin hafu. Gaddi garuu Ummata waliin yoo ta’e Nama jabeessa. Yoo qophaa ta’an garuu Nama cabsa.” Kun falaasama Oromooti. Barumsi hammayyaa nu fuutee baddee kan dagatame. Kanaaf Hawaasi Biyya alaa Sochiin taasisu humnoota alaattis iyyachuuf, Ummata Biyya keessaaf hamilee ta’utti amannee, yoo xiqqaate waan Ummata Biyya keessaa Boonsu irratti hojjachuun baroodha. Diinaa Ummata keenya miidhaa Ulfaataa irraan ga’aa jiru irratti hojjachaa, waan keessa ofii tolfachaa deemuun murteessaadha. Qindoominni socii Hawaasa Oromoo Biyya alaa kana caalaa jabaatee dhageetti Ummata keenyaa akka ol kaasee addunyaa irra nu dhaabu hin shakku.
  1. Mooraa Qabsoo Oromoo Irroomsuu :-
Barri 2014 Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti waan ittin ibsamu hedduu. Waan hundi yeroo isaa malee akka hin taanee, Maanguddoonni Oromoo barnooti hammayyaa hin booressine gadi jabeessanii dubbatu. Dhugumatti miidhaan Ummata irra ga’u jabaataa wayita deemu fi waan nuuti keessa jirru ilaallee waa hedduu dubbachuu malla. Waa hedduus hawwina ta’a. waanuma halkan tokkotti waa hundaa jijjiirru nutti fakkaatee, waan fagoo nu hin tarkaanfachiifne keessa seennee Maraammartoo siyaasaan kufana ta’a. waan ana qofaaf dubbiin galte goonee Xiinxala hedduus tarrifna ta’a. Addunyaan, amma Miidiyaama yeroos keessa teenya dubbannu yk amma waraqaa irratti katabaa jirru geessi jennee waan boruu deebi’ee mataa gadi nu qabsiisuu haasa’uus dandeenya.kkf.

Kun hundi yeroo isaa malee yoo ta’ee isuma akka har’a teenye of taajjabaa jirru hordofsiisa. Har’a dhalli Oromoo bakka jirutti of ilaalaa jira jedheen amana. Dhugaan eessa akka jirus caalaatti adda baafachaa jira. Dirree siyaasaa keessatti of ilaaluun hedduu barbaachisaadha. Odoo hin hojjannee fi hin falmannee Bilisummaan hin jiru. kan hojjatee fi dhama’u Bilisummaa yoo gaafate irraa bareeda. Kan wareegama waa maraa baasuu Bilisummaan maa fagaattee? jedhee yoo komate irraa bareeda. Kan Umurii guutuu xiinxalaaf taa’e garuu, guyyuu yoo komataa olee bulu qaama irra na hin yaa’u. 

Ummati keenya kana adda baafachuun dansaadha. Adeemsi Siyaasaa Mana Ijaaramu tokkon fakkeeffama malee, yeroo inni jaraamee dhumuun wal bira hin qabamu. Mana tokko hundee isaa ijaaruu kaasee, waan mana isa taasisuu fi jabiina qabu ilaalanii siyaasaaf fakkeenya taasifachuun ni danda’ama. Garuu hundee isaa torban tokkotti, gidaara isaa, achi kkf herreeganii waggaatti yk baatii ammanaatti jedhamee herreegamu, Adeemsa qabsoo fi siyaasaa akkasiin lafa keewwachuun rakkoodha. Akkasitti yaaduun hedduu nu dhamaaseera. Firiin muka tokko yeroo isaa malee akka bilchaatu hawwinee, hundee isaatii yoo murree kan yaadine ni argannaa? ykn firiin sun haa bilchaatu jennee Bishaan guyyaa guutuu itti guurreef, xaa’oo humnaa olii itti dhangalaasneef bilchaachuu firii Sanaa ni ariifachiifnaa?

Amma yeroon isaa ga’ee ABO jabaa gadi dhaabuu irra ga’ameera. Kun Ummataaf Abdii ol aanaadha. Itti baha isaa argachuuf ammallee yeroo nu gaafata. Kun haala keessa jirru irrattis hundaa’a. kana irra waan jabaas dhaga’uu dandeenya. Waan keessa dabarree nuuf barnoota guddaadha. Humni akkasitti yaadu yeroo keessa dhufa. dhawaataan argama. Calalamee kan akka sibiilaa jabaatu hanga argamutti, yeroo gaafata. Warri Addunyaan nu harka jirti jedhan Biyya waggaa 40 booda dhuunfachuu barbaadaniif, itti duulanii dhaloota yaada isaanii qabu keessatti dhalchaa fi guddisaa jiran. Yeroo guddatan iskoolaar shippii barnootaa jedhanii ofitti fudhatanii barsiisanii akka Biyya bulchu taasisanii waan fedhan hojjatan . fkn……

Biyyi Iskotilaand jedhamtu waggaa 300 booda Biritaaniyaa jalaa ba’uuf hiree murteeffannaaf dhihaattee waan ishee mudate agarree jirra. Isaan tarii waggaa amma kana sabboonummaa isaanii Ummata keessa tursuu yaalaa turan ta’a. Ingiliziin garuu dubbiin garamitti akka deemu waan beektuf, karaa waan kana danqitu irratti hojjachaa turte. Addatti Dingdee gama hundaa jiru tu’atanii dhiibbaa har’aa kana raawwatan. Kanaaf waan hin yaadamne arguu dandeenye.warri dhibee wal fakkaataa qabanis keessaan waa hedduu dalagan. Addunyaa akkasii keessa jirra .(shira kana hawwuu ykn bilisummaa dhabuu jaraa deeggaru koo miti) shirri akkasiis nu irratti raawwatamu mala.nuutis akkas fageessinee yaaduun dansaadha. Mooraan Qabsoo YK Qabsaa’oonni walitti dhufuu qofaa irratti hojjachuun ga’aa natti hin fakkaatu. Hegaree keenya ijaaruu irrattis gorsaa fi yaada laachufiitu dansaadha. Waan har’a arginu fi nu miidhe kana dhaloota itti aanu keessatti akka hin umamneetti akkamiin gadi isaan dhaabnaa jedhanii yaaduun bilchina .Biyyoonni hedduun sagantaan siyaasa isaanii waggaa 20-25ttii akkas goona jedhanii akeekkatu. Yoo kun yaadamuu jalqabee waan har’aa irratti wal qabuun dhibee Nagaan waliin tarkaanfachuutu eegalama jedheen yaada.

Waan har’a irra geenye jirru tuffachuun, qeeqa akka baallee indaaqqoo salphatuun saaduun,kkf eessaanu nu hin ga’an. Halgaa gammachiisuu danda’a. miidhama Ummata keenyatti jabeessuus danda’a. ABO jabaa nuuti hawwinu Ummataaf kan labsu, Nama Jabaadha. Qabsaa’oota jabaadha. Hojii jabaadha. Wareegama jabaadha. Keessa tikifachuudha. Waan hundaa hojiin irra aanuu keenyadha. Diina irraa keessaa fi alaan of irraa ittisuu yoo dandeenyedha. Rakkoon kaleessaa nutti hin deebitu jennee warra yaada kana dhugeessaa jiran waan maraan yoo waliin dhaabbanneedha. Kun haqa. Kun hundi odoo hin taanee yk gochuuf odoo hin murannee hawwuun hawwuumadha. ABOn Jabaachuun Ummati jabaachuudha. Qabsoo walii galaa Ummati keenya itti jiruufis hundeedha. Hundee qabsoo keenyaa jabeeffachaa, sochii Bara 2014 bifa gara garaan itti fufuun murteessaadha.
Gama kaaniin, fedhii Ummata ofii ialaallatanii dantaa ofii nama hollachiiftu of keessaa baasanii , Qabsoo Ummata ofii tarkaanfachiisuun, kakuu jaallanii dhugeessuu ta’aa jedheen yaada. Gaddaa fi miidhaa keessa taa’aanii dantaa dhuunfaa dhaggeeffachuun sirri natti hin fakkaatu. Waan hunda dura wareegama Biyya keessaaf bakka laachuutu gaariidha. siyaasa addunyaa keessatti, saba tokko keessaa miti, Biyyumti bara baraaf diina wal taasifate hin jiru. yoo barbaachisees, wal irraa fagaachuun keenya lola addunyaatu itti jirtuun tokko miti. taa’aanii yoo yaadan iyyu, kun akkamiin ta’ee ? jedhanii kan nama gaabbisiisuudha. Ilaalchuma tokkotu bakka lama dhaabbate. Yeroo ammanaa fudhachuu isaattuu gaabbuu qabna. yoo bara baraaf wal lolu ykn wal jibbuu ta’es, wayyaanee faa’a waliin malee, obbolaan lama ……hin tolu.

Mooraa Qabsoo walii galaa keessatti tasgabbii Uumanii waliin socha’uun murteessaadha. Kana Umuuf, sochii bara 2014 caalaa akka taasifnu hin shakku. Hundumtu waan ummata kanaaf tolu qofa irratti odoo hojjatee fi waan nu booressu irraa odoo dhaabbatee, Tokkomuun ykn Gamtoomuun Oromoo waggoota nu hin eegsiisu ta’a. Halagaan sadarkaa dantaa isaaf jedhee wal dhabee nu miidhaa jira. Kufaatii keenya irratti mana waloo ijaarrachuuf yaadan. Nuuti ammoo lola isa dhumaan wal dhamaafna. Kana dhaabnaan karaan eegalame milkiin akka xumurru hin shakku.
  1. Miidiyaalee dhimma Oromoo irratti hojjataa jiranilaalchisee:-
Kutaa 3ffaan itti fufa
HORAA BULAA !!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment