SEENAA GABAABAA GARBII BULTOO: GUDDICHA QARREE QACAMAA

Muddee 02, 2014 | Ayyaantuu news Irraa kan fudhatame

Tuuluun Qacamaa Anaa Meettaa Roobii magaalatti anichaa Shinoorraa fageenya K.M 10 hincaalleerratti argama. Tulluun kuni roga sad’in gammoojjin yoo marfamu karaa baha biiftuu baddaan daangeffama. Namni tulluu sana kore gara lixa biiftutti gammoojjii laga Mogooriifi laga Urga’aa hanag Abbayyaa (Mormor) gahutti arguu danda’a. Ka’ins koo joograafii lafa kanaa ibsuuf miti. Waayee maatii waggaa dhibba tokko dura Salaaee ka’ee tulluu sana jala qubatee seenaa guddaa qabuu waanan beeku isini qooduufani.


Maatin kuni maatii nama Abbaa Bultoo jedhamuun beekkamuuti. Maqaan dhuunfaa Abbaa Bultoo Suufee jedham. Namni garuu maqaa kabajaa Abbaa Bultoo jedhu kana qofaan waan waamuuf maqaan Suufee jedhu kuni namoota hedduu biratti hinbeekkamu. Otoo ilmi saanii Bultoo Suufee jedhamee waammamuu baatee maqaa kana har’a beekuun rakkisaa ta’a ture.


Abbaan Bultoo (Suufeen) bara kam Salaalee ka’ee maaliif Meetaa keessa Tulluu Qacamaa jala akka qubatef lafa san eenyu kenneefii akka qubachiisee wanti beekame hinjiru. Namni kuni Ayyaantuu (qaalluu) beekkamaa Ayyaana “Abbaa Daakaa” jedhamuu baatu (dalagudha). Guddina ( ulfina) ayaanichaa ibsuuf jiraattonni naannoo sanaa “Guddicha Qarree Qacamaa” jechuun waamu. Ayyaani kuni yoo bu’u “Daalacha Bosee” jedhee akka of waamus namoonni itti dhiyaatanii argan nidubbatu. Namoonni itti bulan yoo wal jibbann( wal lolan) ittin wal abaaruu, wal maganu, yoo wal jaalatani wal galateeffatan ammoo ittin wal eebbisu.

Erguma nuti dhaqqabnee’u Oromoon Salaalee kaasee hanga Bachoo-Warabitti itti amana, itti bulaa, ijoollee saa itti hammachiifataa, yoo wal miidhe itti dhiyeeffataa, kan miidhes kan miidhames dhiyaatanii dhimma saanii himachuun, haagii baafatanii murteen kennamaafi. Eenyumtuu Abbaa Daakaa fuuldura dhaabbatee waan hinsobneef murtee waaraatu (ultimate justice) kennama. Kan wal ajjeeseerree achitti gumaa walii baasa. Kan murtee kennu Abbaa Daakaa ykn qaalluu sanaa miti. Ayyaanni yoo bu’u jarri dhiyaatanii akka dhugaa dubbatan seerratee gara shanacha qee isaa (jaarsolii seera caffee beekanitu) dhimmicha gadi fageenyaan qoratee murtee kenna. Murtiin suni niraga’a.

Ulfina Ayaana kanaa Dabtaraan Amaaraa Dabra Libaanositti qinee saanii barsiisu beekkaamaa kan ture Alaqaa Xibabu jedhamu akkas jedhee qineen weeddiseef jedhee namni achitti baratee bareessaa kanatti himee ture.
“OOO! Abbaa Daakaa
Amlaaka Salaalee Wa Kuyyuu
Antewu tiqattil wa tihaayyuu”. Jedhee weeddise jedhe
Keessa beekessi kuni, yoo hiikamu akkas jechuu ta’a
“ Yaa Abbaa Daakaa
Waaqa Salaalef Kuyyuu
Sumatu ajjeesaa,
sumatu fayyisaa”. Jechuudha.(waayee qaalluu kanaa warri amantii Waaqeffanna oto qoratanii waan hedduu baruun nidandama jedheen amana).
Gara Abbaa Bultootti yoo deebinu namni kuni galchaa ayyaanaa galu hedduu waan guuraniif biyya sanii sooressaa horiin saani (beeladoonni qaban) lakkoofsan hinbeekamne ture jedhama. Lafas bal’inaan akka qaban dubbatama. Qabeenyaan sanni yoo ka’u akka salphaatti horiin akka harkaa hinbaanees wajjin himama. Waayee kanarratti seenaan hojjatan tokko biyyasitti akka mammaaksatti ummata keessatti yaadannoo saanii ta’ee jiraata. Seenichi akkasi “ gaaf tokko doolcheen takka (ishii farankaa lamaa jechuudha) harkaa buutee kaabii dallaa keessa seente jedhama. Abbaan Bultoo Otoo qabeenyaa lakkaawwamee hindhumne sana hunda qabanuu doolchee sana tuffatanii hindhiifnee, kaabii sana diigsisanii baasan” jedhama.

Naa hubadhaa waan ka’eef hin jalqabnee. Suufeen akkuma maqaan ibsutti ilma Bultoo jedhamu qabu. Ijoollee biraa qabaachuu saanii wanti dhagahamus wanti maqaan mul’ates hinjiru. Erga Suufeen boqotanii “Guddichi Qarree Qacamaa” Bultoorratti bu’e maqaan “Guddicha Bultoo Suufee” jedhamu moggaafameef jedhama. Bultoon Ayyaanicha kunuunsaa qabeenyaa qabeenyaa irratti kuusaa galma Ayyaanaa Macca keessa iddoo Kilbee jedhamutti, Bacho keessa lafa Kooraa jedhamutti Meettaa keessa iddoo hedduutti babal’isee ijaaruun Ijoolles horatee naga’aan biyya tajaajilaa oto jiruu Xaaliyaanin biyya weerarte. Bultooniifi Hayyoonni Meettaa hedduun weerara sana waan fudhachuu didaniif walitti qabdee hiitee Ejaree buusuun achitti gara jabinaan qaltee awwaalte jedhama.
Bultoon ijoolle 6, dhiira shaniifi dubara takka dhalfatee ture. Isaanis:
  • Garbii Bultoo
  • Hundee Bultoo
  • Walee Bultoo
  • Shaashii Bultoo (dubartii)
  • Irkoo Bultoo
  • Raggaasaa Bultoo jedhamu.
Akkuma olitti ibsameetti abba saanii waraanni Xaaliyaanii ajjeesnan yeroo sana gayeessa kan turan Garbiifi Hundeen gumaa abbaa saanii baasuuf waraana ijaarratanii bosonatti galani. Waraana cimaa ijaarratanii loltuu Xaaliniin falmuutti bobban jedhama. Maanguddoonni waliin turan gootummaa Hundee baayyisanii dinqisiifatu. Wanti sodaa jedhamu isa keessatti hinhuummamnee jedu. Rasaasni waan isa ajjeesuu waan itti hinfakkaaneef dhukaasa yoo dhaga’e itti fiigaa ture jedu.

Guyyaa tokko loltuu Xaaliyaanii itti duultee waraana Hundeetti dhukaasa bantee jedhu. Hundeen battalumatti dhukaasa itti banee kan fuuldura deemtu yoo kukuffisu kuun fardeen yaaphattee deemtu garagalffattee baqattee jedu. Innis waraana saa qabatee duuban  dhukaasaan muddee jedhu. Otuma baqattuu lafa Birbirsi hurrumni (tuuta’ee) itti marge Birbirsa Irreechaa jedhamuun beekkamu keessa seentee jedhu. Birbirsa hurruma sana keessa Birbirsi gadi gomboobee dalga marge jiraa loltuu Xaaliiyaanii kessaa inni tokko fardi fudhatee yoo Birbirsa sana jala darbuu yaalu Birbirsichi kokkee dha’ee fardarraa gombisuun battalumatti ajjeesee jedhu.

Birbirsoonni biraa ciramanii yoo dhuman Birbirsi irreechaa ammayyuu oso hintuqamin jira. Isaan keessaa Birbirsi Xaaliyaannicha ajjeese dallaan itti ijaaramee seenaan kuni taappllaa irratti barreeffamee itti maxxanfamee ture. Har’a waan irra jiru barreessan kuni quba hinqabu. Birbirisi Irreechaa akkuma maqaan ibsutti iddoo daandiin guddaan itti wal qaxxaamuuruu waan ta’eefi huumaan Birbirsoota saniis ulfina qabeessa waan ta’eef Oromoon achiin darbu jalatti irreeffatunmalee hindarbu.

Hundeen yeroo hedduu gorfamus didee loltuu fuuldura bahee otuma loluu akka wareegamee maanguddoonni waliin turan yeroo hunda gaddaan kaasu. Goonni akka saa hindhalanneesi gara fuulduraas hindhalatuu jedhu. Gootummaan isaa garuu yeroo malee akka ajjeechisiise dubbatu.
Garbiin umriinis waan caaluuf gootummaa qabaaturree akka Hundee rasaasatti hinfiigu turee jedhu. Hunda caalaa Garbiin akka balaan irra hingeenye shoora guddaa taphachaa kan turte niiti isaa Ababaa Balaachewu akka turte himu maanguddoonni. Ababaa Balaachewu dubartii dhalootan lammii Amaaraa taateedha. Ababaan Garbii wajjin bosonatti galtee lola inni qooda irraa fudhate hundumaa keessattu akka qooda fudhachaa turte himama. Ababaan Garbii of duubatti ittistee ishiin fuuldura bahuun akka dhukaasaa turte dubbatu maanguddooni waliin turan. Ababaan umrinis akka Garbii caalaa bilchaatte himamaa ture. Akka carraa ta’ee Garbiinis Hundeenis oto ilmoo hinhuummatin waan darbaniif maqaan saanii irraanfatamaa jira.

Garbiin hanga Xaaliyaanin biyyaa ari’amutti lolaa turee bara H/ Sillaaseen bqarraa deebi’u akkuma gootota/arbanyoota/ kaanii innis loltuu saa hiriirsee Finfinnee seene. Finfinneettis lafti qubsumaa Kolfeetti kennameefi loltuu saa wajjin achi qubate. H/Sillaaseen mootummaa isaa deebisee ijaaruuf namoota yoo filatu Garbii ministeera Ittisaa taasisuuf kaadhimatee akka ture himama. Yaa ta’u malee nafxanyoonni kanatti aaran battalatti Garbii summi nyaachisanii akka ajjeesan dubbatama.
Loltoonni isaas kannisa mootii dhabede ta’anii faca’ani harka duwwaa gara mana saanitti deebi’uf dirqamani. Wareegamni baasan suni hundi galata tokko malee hafee. Niitin isaa ababaan garuu waan Amaara taateef “arbanyaa” jedhamtee laftiif nishaaniin gootummaa kenneemeefi qananiin jiraachaa turte. Guyyaa injifannoo Xaaliyaaniis yoo kabajan nafxanyoota arbanyoota jedhamanii hiriiran wajjin hiriirtee hanga gaafa dabartuutti kabajaan irratti argamaa turte. Oromoonni wareegama guddaa kaffalanii turan namni as buutee saani yaadateyyuu hinturre.
Loltoota Garbii keessaa namoota muraasa qubaan lakkaawwaman:
  • Bayeecha Dabalee
  • Ayyaalaa Guddataa
  • Tulluu Bultoo
  • Dabuushee Saraxoo loltuu garbii ciccimoo kan bareessan kuni daa’imummaa keesa qaaman beekuudha.
Seenaa Kabbadaa Bizuneshi yoon barreessu humni Kabbadaafi Humni Garbii walitti bu’aa akka turan tuqeen ture. Kabbadaa wajjin qaaman wal argee haasa’uu koos tuqeen ture. Haasa’a sanarratti Kabbadaan gosa koofi naannoo dhaloota kooti nagaafatee itti himnaan loltoota kannin olitti tuqaman keessaa Ayyaalaa Guddataafii Tulluu Bultoo beektaa jedhee nagaafate. Beekuu koo itti himnaan loltoota Garbii keessaa kan nu ijibbaachisan namoota kana lamaani jedhee gootummaa jara lamaanii ragaa bahe. Akkas jedhe “jarreen lamaanuu gaggabaaboo waan ta’aniif gichaa jala seenani lafa qabannaan namni achi isaan buqqisu hinjiru”jedhe.

Jarreen maqaa dhaye keessa Bayeechi Dabalee Oromoo gaaltama, magaala bareedaa yoo ta’u hanga gaafa du’utitti rifeensa mataa saa akkuma bara shiftummaa saatti goofaree filataa ture. Bayeechi hanga gaafa du’utti yoo qotatu malee qawween gateettirraa zinnaarrii mudhiraa bu’e bu’ee hinbeeku.
Dabuushe Sarraxoo nama diimaa bareeda Araba fakkaatu yoo ta’u nama dheeras gabaas hinjedhamne ijjannoo bareedaa qabuudha. Dabuusheen maatin isaa lafa hinqaban fakkaataa “ciisanyaa” ta’ee jiraachuu saatu beekkaama. Akkuma namoota naannoo qonnaan jiraataa ta’us ogummaa addaa baratee mukkeen akka Gaattiraaf Birbirsaa jigsee soqee (soofee) baqaqsee xaa’wulaatti baasuun gurgurachaa itti jiraachaa ture. Namoonni bara shiftummaa isaa beekan namni kabajaa guddaa qabu suni gadi deebi’ee yoo gudeelcha gangalchu yoo argan akkas jedhanii ittin sirbani:
“Moo yaa giddi
Dabuusheen gangalche gindii” jedhani ittin sirbani.
Seenan kuni yoo ka’u namni seenaa kana keessaa hafuu hinqabne tokko nama Saggaa Abbaa Hortuu jedhamuudha. Saggaan sablammi kam keessaa akka bahefi akkamitti akka dhufe barreessan kuni beekuu baatuyyuu sablammoota naannoo Kibbaa keessaa akka dhufe nibeekkama. Namni kuni loltoota Garbii keessaa nama Garbiitti aanee argamuufi nama Garbii caalaa soddaatamu akka ture himama. Saggaan nama Maacoo duulee galeefi lola Maacoorratti matreyyeesa dhukaasuu baratee waan galeef ogummaa addaa qabu kanaaf loltoota jiran keessaa olaantummaa argate jedhama.

Dubbii dubbitu kaasa jeduu miti. Bara dargiin “goolii diimaa” jedhee barattoota biyyatti gara jabinaan lafarraa duguugee reeffa karaarraatti gatu sana akka tasaa maanguddoo fira kooti finfinnee keessa jiraatu tokko gaafachuun mana maanguddichaa dhaqe. Maanguddoon kuni gochaa sanatti hedduu garaan gubachaa turee. “ilma koo”naan jedhe “barana kan bushaayee ilma namaafi timaatimaadha. Timaatimi namni bitu dhabamee tortoree karaarratti gatu, ilma namaas kunoo akkuma timaatimii tortoree sana ajjeesanii reeffa karaarratti gatu, Waaqatuu yeroon na gaggeessuu didee umrii nadheeressee gara jabina ilmi namaa ilma namaarratti hojjatu kana na agarsiisee”. Jedheet gara jabina Saggaan bara Xaaliyaanii raawwachaa turefii dhumarratti waan irra gahe waan Mangistuun hojjachaa jiruuf dhuma saatin wal qabsiisee naa seenesse.

“Bara Xaaliyaanii Saggaa Abbaa Hortuu Garbii caalaa biyya moo’e. Yoo inni sangaa fardaatin deemu shiftaan jala jigu tuuta akannisaa fakkata. Biyya nisaamsisaa, nigarafsiisaa, kan itti hammates ni ajeesaa ykn ni ajjeechisiisa, baayyisee ummata Meetaa dararee turee” jedhe.

“Booda ummanni akkas jedhee sirba itti baafatee”jedhe. “Lagni ol yaa’u farraa, yaa Bargaa siin hinjennee’ Garbis yoo moote farraa, yaa Saggaa siin hinjennee, Yaa Saggaa Abbaa Hortuu,
Wanni Garbaa galgala hintoltuu. jedhanii ittin sirbanii” jedhe. Saggan gochaa isaa waan beekuuf erga Garbiin du’e loltoonni kuun yoo biyyatti deebi’anii jiruu saanii itti fufan inni biyyatti hindeebine. Finfinneedhuma keessa Kolfee jiraachaa turee amma kunoo dullumni qabatee Kolfee taa’e isaa kadhatuun argeen sirba ummanni Meettaa itti sirbe sana nayaadachisee. Garbichi amma nama fixu kunis akkuma Saggaa galgalli isaa hintoluu eegi, anirree dhaqabuu baadhu ati hinargitaa” naanjedhe maanguddoon kuni. Maanguddichi akkuma raage galgala Mangistu oso hinargin darbee. Ani garuu raagni isaa suni akka dhugaa taate miidhagseen ragaa baha. Kan isa ammaas arguuf teenyaa walumaan yaa eegnu.

(Lagni Bargaa laga Anaa Ada’aa bargaa magaalaa Incinni gara baha biiftuuti ka’ee gara bahaatti yaa’uun oto Hoolota hinga’in gara kibba lixaatti fuula garagalfatee Ijareefii Mattaala jidduu hulluuquun Bachotti gadii yaa’un Laga Awaasitti walda’udha. Olyaa’a kan jedhameef laggeen aanaa Ada’aa Bargaa fii Meettaa Roobi keessa jiran hundumtu madda Bargaa gara baha biiftuti ka’anii gara lixa biiftutti yaa’uun laga Mogoritti waan walda’aniifii teessumni lafaa Bargaa keessa yaa’us ijaan yoo laalan waan asii olee fakkatuuf Bargaa laga olee yaa’u jedhamee beekkama. Akka foggisootis ilaallama. Hundumaafu aanan Ada’aa Bargaa maqaa kan argatte Maqaa gosa Ada’aa fii laga Bargaa kanarraa akka ta’e hubachuun gaariidha.)

Egaa seena kuni waan qormaatarrti hundaa’e oto hinta’in waanuman daa’immummaa keessa maangoddotarra dhaga’ee bara dheeraa kana sammuu keessatti nahafen isinii qoodaa jira malee beekumsa gadi fagoo qabaadhee miti.

Gara seenaa Garbiitti yoo deebinu maqaan isaa akka hinirraanfatamne mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa yeroo jalqabaatiif magaalaa shinoo keessatti ijaarramee maqaa isaatin akka waammammu ummataan murtaa’ee ittin waammamaa jira.

Yaat’au malee wareegama baaseen yoo madaallu gahaa miti. Maqaan Hundee Bultoo fii gootota biroo lola sanarratti wareegaman kuuwwanii akkuma irraanfatametti hafuun issa waan garaa nama nyaatuudha. Hundumaafuu dhalataan Oromoo hundi itti yaadee gara fuulduraa Garbii Bultoo, Hundee Bultoo, Kabbadaa Bizunesh fii gaatota isaan addatti qabatanii diina biyya saanirra qubate biyyarraa buqqisuuf falmaa turanii wareegamaniifi kan lubbuun jiraatani injifannoo qabsoo saanii dhaqabanirree Oromoo ta’u saanirraa kan ka’e mootummaa habashaatirraa waa tokko oto hinargatin umrii saanii fixanii darban maraafuu lafa daannoo diinaa taatee tajaajilaa turte sana gubbaatti siidaan yaadannoo ijaarrameefi seenaan saaniis hanga danda’ame qoratamee barreeffamuun dhaloota dhufuuf oto darbee nus abbootii keenya gootota kabajuu keenyaaf gahee keenya akka baaneetti nutti dhagahama.

Waayee Ayyaanichaattan isin deebisa. Ayyaanichi ilmaan Bultoo hafan keessaa Waleerratti bu’e. Waleen galma abbootin saa ijaaran babal’isee, qabeenyaa qabeenyarratti tuulee hojjachaa ture. Yeroo Irreechaa kanaan walqabatee yaadannoon natti dhufu tokko nijira. Innis kabajaa Irreechaa qaalluu kanaan adeemsifamuudha. Barreessan kuni ijaan dhaqee arguu baatuus namoonnii hedduminaan dhaqanii qooda irraa fudhatan akka odeessaa turanitti namoonnii kuma hedduun kabajaa Irreechaa kanarratti argama jedhu. Waleenis sangaa fardaa sooramee humnaa’e yaaphatee ummata kumaatamaan hordofamee gara malkaa laga Waleensutti qajeelaa jedhu. Achittis akkuma seera Oromootti eebbifatamee irreeffachuun faaruu adda addaa dhageessisaa gara manaatti yoo deebi’an fardi Waleen yaaphatu nifagaa jedu. Achiis gara manaatti yoo deebi’an namni wajjin bahe suni hundi mana seenee nyaataf dhugaatii qopha’e argachuu waan hindandeenyef Booka gadibaasanii goongatti naquuf jedhan. Namni alatti hafe gadi jedhee goongaa sana keessaa Booka sana dhugee galaa jedhu. Kuni egaa qabeenyaa isaa agarsiisuuf akka ture dubbatama. Waleen haala kanaan qananiin oto jiraatu akkuma tasa dhukubsatee duma bara kudhasagal shantamoota keessaa addunyaa kanarraa darbe.

Akkuma inni boqoteen ayyaanni ilma isaa Moosisaa daa’ima waggoota kurnoota keessa ture irratti bu’e jedhamee oto hinturin innis akkuma abbaa saa Addunyaa kanarraa darbe. Ergasii hadha warraa walee-intala ayyaantu Mccaa nama Hurrisoo Qinqini jedhamuun beekkamuu kan turte  biyyi Haadha Xajjuu jedhee waamu irratti bu’e. Haati Xajjuu bara dargii qaalluu ta’u shii qfaan hidhamtee hiraarfamuun ala galmoonni ayyaanaa irraa diigamani akka hindalagne dhoorkamtee turte. Haata’u malee garuu bakka jirtutti sirna hundumaa akka raawwachaa turte dhoksaan nihimamaa ture. Bara jalqaba sagaltamootaa yroo dargiin diinagdee walmakaa labsu ishiinis ifatti hojii shiitti deebitee galmoota diigamanis qarqaarsa biyyaatin ijaarrattee hanga gaafa boqottuutti dalagaa turuu shitu beekkama. Ergasii waan jiru barreessaan kuni quba hinqabu.

FUNYAKEEWWATA

Nafxanyoonni bara Xaaliyaanii sana aanaa Meetaa Roobi keessa jiraachaa turan gurmaa’ufii tokko ta’anii sochoo’u Oromoo san yoo argan haloo nu ba’u jedhanii sodaa guddaa keessa galani turan jedhama. Sodaatanii hinbaqannee mala malatan. Hayyoota gosaa sossobatanii jifuu guuttachuun horii qalanii gosa keessa jiraatanitti funyaan keewwatani turan jedhu maanguddoonni. Halagaan tokko gosa tokkotti funyaan keewwate jechuun miseenasa gosa sanaa ta’e jechuudha. Gosti funyaan itti keewwate suni akkuma miseensa saba saatti fudhatee waan hundumarrattuu waliin dhaabbata jechuudha. Funya keewwatni kuni yoo ajjeese gumaa baasaaf, yoo ajeefame gumaa isaa baasisaa jechuudha.

Garuu Xaaliyaaniin badee Mootin saanii deebinaan muddama keessa darbansana irraanfatanii deebi’anii Oromoo kooraa malaee yaabuutti ka’ani. Barri bakka tokko hinteessuu ninaannoftii bara dargiin kufu seenan ofirra deebite (history repeats it self) jedhuu mitiree. Akkas ta’e. ABOn iddoo hundumattuu waajira banatee dabballoonni gandoota Oromoo keessa yaa’anii afaan saaniitin yoo barsiisu jalqaban jarri ammas muddamni suni itti deebite. Sirna funyaan-keewwachuu san halkanii guyyaa itti fufani. Hayyootii gosaafi abbootii gadaa sossobachuun nafxanyoonni jiran martinu gosoota keessa jiraatanitti ykn gosa keessaa cimaadha jedhanii yaadanitti funyaan keewwatan.
Haalli akka jalqabamtetti hinturree ABOn chaartara keessaa bahe. Gaafas isaaniis muddama keessaa bahanii maanguddoonni saanirree oto hinhafin OPDO tti nammanii nama ABO deggera, ykn yaada Oromumaa qaba jedhanii beekan saaxilanii OPDO tti kennuun hiisisaafii garafsiisaa turanii har’as ittuma jiru. Boru yoo Oromoof bar’ie (waan hafuu miti) waan isaan ta’an ni argina.

GALATOOMAA !!!!
OROMIYAAN NIBILISOOMTI !!!!

No comments:

Post a Comment