YAA OROMOO XIIQEFFADHAA KA'AA !!!

Amajjii 27, 2015 | Boruu Barraaqaa

Kaleessa Maammoo Mazammir fannisanii ummata itti yaasanii agarsiisuun jiilchuu kajeelan. Janaraal Taaddasaa Birruu fi Hayiluu Raaggaasaa aduu saafaan rashananii qabsoo irraa ummata ittiin jiilchuuf carraaqan. Har'as Laggasaa Wagii, Katamaa Wubatuu fi kan biroo ifatti ajjeesanii ummta itti yaasanii 'yoo diddan kunoo akkas isin goona' jechaa jiru. Xiiqiin xiiqii dhalchuu qaba. Akkuma gootichi Taaddee Birruu jedhe, ''YAA OROMOO XIIQEFFADHAA KA'AA, YOO XIIQIIN ISIN QABUU DIDE AANNAN KEESSANITTI BARBAREE NAQADHAA DHUGAA!!!''

No comments:

Post a Comment