Barattooti Oromoo Mooraalee Yuuniversitii Adda Addaa Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufan.

Bitootessa 14, 2015 | Gabaasa Qeerroo

Mooraalee barnootaa Yuuniversitii Oromiyaa keessattu guyyaa har’aa gaaffiin adda addaa ka’ee akka jiru odeessi Qeerroo yuuniversitiilee irraa nu gahaa jira. wal duraa duubaan odeessa Qeerroo nugahee jiru irraa:
  1. Wallaggaa Yuuniversitii
Halkan edaa Bitootessa 13,2015 naannoo sa’a 6:00 irratti barattootni sabboontotni Oromoo gufuu qabsoo Oromoo kan tahan, ilmaan Oromoo irratti yerood heeraa ajjechaa kan raawwatan “ Gantuu, Hattuu, Saamtuu, Maxxantuu fi Basaastuu kan tahan, dhiiga ilmaan Oromoo kan xuuxaa jiran bakka jiranitti jireenya isaanii balleessuudhaaf tarkaanfii jabaa isaan irratti fudhachuu qabna” kan jedhu barruun mooraa yuuniversitii Wallaggaa keessatti sabboontota barattoota oromootiin maxxanfamee kan bule yoo tahu list barattoota hojii hamaa kana irratti bobbahanii sabboontota barattoota Oromoo mooraa kanaan tarkaanfiin irratti fudhatamuuf akeekame nama 23 waliin maqaa isaanii guutummaa waliin kan maxxanfamee bulee fi battaluma sanatti caasaa mootummaa mooraa sanatti argamaniin waraqaan maxxanfame kun kan buqqa’e tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
  1. Haroma yaa Yuuniversiitti:
Akka odeessa Qeerroo mooraa yuuniversitii kana irraa addeessutti barattootni dhimma barnootaan kan wal qabate har’a gaaffii kaasanii jiru,kunis qindoomina Qeerroo mooraatin tahuu isaa odeessi kan ibsuudha, akka ibsa gabaasichaatti barattootni muummee barnoota Ogeessa Fayyaa Bineensotaa baratan waggaa 1ffaan gaaffii isaan kaasanii jiran gosa muummee barnootaa kanaan kanaan dura barattoota eebbifamanii jiran hanga ammaatti hojii irratti kan hin bobbaane waan taheef barbaachisummaan isaa maalii? Kanaafuu kutaan barnootaa kun cufamee muummee barnoota biraa seenna jechuudhaan barumsa dhaabanii akka jiran odeessi kun ibsa. Kanumaan wal qabatee muummee barnoota kana irratti kan hojjetan bulchiinsi, osoo barattanii gaaffii kaasuutu fudhatama qaba malee akkamiin barumsa dhaabdu jechuun mufannaa fi aariidhaan mootummaatti gabaasa olgochuu fi barattoota muummee barnoota kana irratti bulchiinsi moorichaa tarkanfii fudhachuuf kan deemu sochii taasisuu kan eegalee, barattootni muummee biroon akka walii galaatti barattoota kana deggeruudhaan cina dhaabbatanii fincila dhimma kanaan wal qabate finiinsuu irratti argamanii akka jiran gabaasni qeerroo nugahaa jiru addeessa.
  1. Walloo Yuuniversitii, Mooraa Dasseetti
Dhimma filannoon kan wal qabate irratti, kunis taajjabonni filannoo mooraa sanaa martinuu barattoota Oromoo qofaadha, kan tahuu qabus akka kanatti kan murtaa’e kanaafis taajjabdoota kana filachuudhaaf dirqama Afaan Oromoon dubbachuu fi gaggeessuu qabna kan jedhamuun yoo tahu akkuma isaatti afaan Oromoo kan hin dhageenye afaan amaaraatti hiikuudhaan sagantaan filannoo sun kan gaggeeffame taajjabdoota barattootni 14 kan filamaniidha, isaan keessaa namni 3 miseensa Qeerroo akka tahe odeessi Qeerroo nugahe kan ibsuudha. Kanumaan Afaan Oromoo irraa kan hafe afaan biraaniyyuu dubbatamuu hin qabu nuti oromiyaa keessa kan jiraannu jechudhaan barattootni Oromoo sochii taasisaniin mootummaan wayyaanee inni aadaa fi afaan Oromoo balleesuuf dhama’u barattoota kana dura dhaabbachuu fi taajjabdoota filaman keessaa shakkii qaban miseensi Qeerroo jiraachuun isaa filannoo mooraa kanatti gaggeeffamu laamshessuu danda’u kan jedhu qorannoo fi marii peresedantii moorichaan mariin guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan oole tahuu isaa odeeffannoon nugahee jira.
  1. Waldaya Yuuniversitii
Akka mooraa kanaatti fincilli addaa barattoota Oromoon kan qabsiifamaa jiruudha, odeessi achirraa yeroodhaa yerootti nu qaqqabaa jiru torbee kana guutuu dhimma barnootaan kan wal qabateedha. Kunis 1ffaa qormaata seemisteeraa irratti barataa dhalootaan Oromoo tahe qorumsa irra osoo jiranii telfoonni isaa iyyuudhaan quunnamtii biraa goote ykns gargaarsa barataa biraadhaaf goote kan jedhamuun barataan kun barumsaan sadarkaa guddaa kan tahe barataa waggaa 3ffaa barsiisaa tigree tokkoon kan irratti mallatteeffameen barataan kun mooraadhaa ariyame, kanumaan wal qabsiisanii barattootni Oromoo wal gurmeessuun qorumsa irra osoo jiranii gaaffii kaasuun barataan kun yakka tokkollee hin qabu kan jedhu dhiyeessan, kanumaan xiyyeeffannoon barattoota Oromoo kan eegaleen barattoota ciccimoo waggaa 1ffaa irraa kaasanii hanga waggaa 3ffaatti barumsa isaaanii incomplete gochuudhaan guyyoota muraasa dura barattootni Oromoo qofti 1200 ol tahan mooraa gadhiisanii gara maatitti galani jiru, barattootni Oromoo moorattis hafan yeroo ammaa kanumaan fincilli ka’ee kan jiruudha, barattootni Oromoo mooraa gadhiisan haa deebi’an tahuu baannaan barataan kamiyyuu barachuun irra hin jiraatu jechudhaan gaaffiin itti fufee kan jiruudha, inni 2ffaan moorama kanatti barattootni muummee bulchiinsa lafaa jedhamu baratan waggaa 1ffaadhaa hanga 3ffaatti, muummee barnootaa kanaan kan eebbifaman miindaan isaaniif kennamaa turee armaan dura 4,000 ture yeroo dhiyoo asitti miindaan isaanii gara 1700 gadi siqe, kana mootummaatu faayidaa dhuunfaa isaatiif miindaa isaanii kana godhe jechuudhaan barattootni kun har’a Bitootessa 13 barumsa dhaabuu odeessi ibsa. Muummee barnootaa Ingineering irraa addaa tahu hin qabu kan jedhuun akkasuma yuuniversitiilee kanneen akka Bahardar fi Haromayyaa keessattis gaaffiin kana fakkaatu kan itti fufee jiruudha.

Yuuniversitiilee kanneen akkaa Mattuu, Bulee Horaa, Wallaggaa, Amboo, Finfinnee fi Adaamaa keessattis sochiin Qeerroo kan eegalee fi barattootni barumsa dhaabuun gaaffii mirgaa kaasuun kan itti fufeedha.

No comments:

Post a Comment