Maal haa baasuuf dhama raasuu?

Bitootessa 27, 2015 | Abdii Boruu Irraa

Akkuma beekamu MQBO keessatti tasgabbiin dhibuun ilmaan oromoo hedduu yaachisaa turuun isaa hundafuu ifaa dha. Kun ammoo namootuma amma ofii salphatanii Oromoo salphisaa jiran  irraa ti. Gaaffii akkamitti, maal godhanii eessatti jettu sana ammaaf seenaaf dhiisutu gaarii dha. Gochaan Habashotaa kun barumsa nuuf haa tahu jechuuf ,ilmaan namaa ti ni yadna waan taheef kan darbes yaadannee, kan tahaa jirus ilaallee, kan fuula duraas xiinxaluun waan nu rakkisu natti hin fakkatu. Kanaaf waanni kun akka tahu durumaanuu dubbachaa waan turreef amma nu dinquu fi diina dhiifnee wal irraa wacuun fulmaata natti hin fakkatu. Garuu gochaan diinaa inni ammaa kun jarmiyoota Orommoo alaa keessa jiraniif ergaa jabaa ykn dhaamsa guddaa dha.

Hogganooti ODF kun gariin isanii warra Ethiopiummaan summawanii dha waan taheef yaada kana hin fudhatan jedheen yaada. Sababiin isaas habashooti seenaa  isanii keessatti karaa nagaa tahanii rakkoo furuu akka hin dandeenye isanumatu nutti himaa ture waan taheef, isaan walii isaniittu  barcuma ykn aangoo ajechaan malee karaa nagaa waliif dabarsanii hin beekan  kun ammoo nama seenaa impa’irattii beekuuf waan haraa miti.
Kan biraan ammoo waanuma akka nama indaqqoo mana keessaa ari’uutti arihimaniif jecha waggaa dheeraaf MQBO diigaa turun godaannisa ilmaan Oromoo keessa hin baane tahee hafa. kana senaan hin dagatu.”Loon Abbaan gaafa cabse hormi ammoo ija jaamsaa jedha oromoon yammu makmaaku ”Kanaaf akkan yaadutti warri akkasitti yaadan kun akkuma isheen jette akka nama tokkootti galuutu isaniif furmaata. Sababnni isaa Ethiopia  karaa demokiraasii ykn olaantummaa Oromoon ijaaramtu agarra jedhanii abjochuun  hanqaaquu bofaa irra ilmoo gugee eeguu dha.
Warri haalli kun utuu hin galiniif waan  kana jala ya’aa turan ammoo osoo yeroo itti hin kennin Dhaaba isanitti deebi’anii MQBO gabbisuun of tasgabbeessanii harka wal qabchuun karaa diinni kun  ittin jilbenfattee oromoo waliin haasoftu ykn biyya ofii irraa baatu mijeessuu innis innis fincila uummataa, karaa diplomaasii, siyaasaa qeerroo jabeessuu fi karaa waraana ti.
Rakkoon oromoo inni guddaan tokko dhiifama wal gaafachuu fi badii fudhatanii wal fudhaciisuu dha fudhachuu karaa wayyabi fedhu irra deemuu dadhabuu dha. kan nama aja’ibu yoo jiraate arrabi diina dhiifama gaafatu akkamitti walii isaaf dhiisuun itti ulfaata yoo dhugaan kan saba ofiif yaadan tahe?  Beekaas tahe osoo hin beekin dagoggoraa fi badii saba ofii irratti hojjetaniif osoo dhiifama hin gaafatin yoo darban godaannisa seenaa tahee hafa. Lafa irrattis tahe Rabbi biratti gochaa abaaramaa dha. Kan badii fi dogogora ofii amananii fudhachuun beekaa nama taasisa beekaa dha. Sababnni isaas kan hojjetutu dogoggora waan taheef.
Ammaaf yaadi koo kanuma Galatoomaa.

No comments:

Post a Comment