Shira Lukkeelee fi Gooftoota isaani

Bitootessa 18, 2015 | Galmee Dhugaa Irraa | Source: Ayyaantuu.com
opdo_members

Yeroo dabre bobbaa ergamtoonni Wayyaanee biyyoota adda addaa keessatti maqaa Cidha Daispora gaggeesuu laalchisee fi maqaa adda addaan Oromoota biyya alagaa/alaa keessa qubatan sobuuf gageessaa turan irratti mataduree kanaan waa jachuu fi itti fufaaniis dhimma kana hordofee saaxiluu irratti akkan waa jadhu dhaamuun kiyya ni yaadatama.

Barruun tuniis tan xiiyyeeffatu itti fufa lukkeelee Wayyaanee saaxiluu fi koreelee bakkoota adda addatti dhaabbatan laalchisee taha. Akkumaan yeroo dabre tuqetti koreeleen lukkeeleen dhaabde tun hujjii itti fuftee qajeelfamni adda addaas dabraa fi jira.
Xalayaa akka qajeelfamatti Gurraandhala, 2015 kana koree dhaaf dabarte na gahee dubbisee jira. Qajeelfama sana dubbisee akkan hubadhetti ammayyuu kufiitii fi salphina oromoota Diyaasporaa dhaan isaan irra gahe irraa kan baratan hin fakkaatu. Hundaafuu keessa buunee qajeelfama sana takka takkaan naaluun ykn xiinxaluu yeroon waan nuuf hin kennineef qabxilee takka takka keessaa fuduun laaluuf tattaafadha. Bifa kanaan jalqaba irratti waan seensa tarree 4ffaa jalatti tuquma haalaallu. Innis akkana jedha:
“Diyaaspooraan keenya olola maseena humnootn faalla misooma fi nageenya biyya/ummata keenya ta’anii fi  mankaraasitootaa (Extremist) muraasa  ta’an afarsaniin akka hin burjaajofne waa’ee sochii biyya isaa irratti odeefannoo sirrii fi wayitawaa ta’e akka argatu waltajjiiwwan adda addaa biyyoota gara garaatti umuun mariin baldhaaf bu’a qabeessa ta’e komunitii Oromoo wojjiin hooggantoota olaanoo Oromoo mootummaa federalawaa fi naannichaatiin gaggeefamee jira.”
Humnooni faallaa misoomaa tahan kana, isaan jachuu baatanillee guutumatti humnoota akkuma gaafa Minilik “Maqnat” jachuun Oromoo lafa isaarraa buqaasani nafxanyootaaf hiraa turanitti ammas maqaa “Misooma” jedhamuun nafxanuyoonni haarooyni Oromoo lafarraa buqaasaa fi saamaa jiraachu humnoota itti damaqe tahuun beekkamaa dha. Odeefannoo sirrii fi Wayitaawaa tahe kennu kan jedhan ammo yeroodhuma dhihoo keessatti Oromoonni biyya alaa jiratan osba isaani qabatamaan saaxilee waaroo salphinaa uwwisuun waan deebisan dhabani eegee isaani luka jidduu galfachuun baqachiisee dha. Shira lafa Oromoo abbooti qabeenyaaf gurguruu fi qircachuuf isaan deemsisaa jiran Oromoon hundi ni beeyti. Kana malees naannoolee qabeenya guddaa irraa argachuu dandeenya jedhani tilmaaman, sadarkaa duratti dhuunfaa Mootummaa Federala jalatti galchuuf karoorfatani Ilmaan Oromoo nannoo sana qubatan qa’ee akkaakilee isaanirraa buqisaa jiraachuu fi daangaa bababl’ifachuun buqaasuuf karoorfatani akka jiran dhugaa lukkeeleen isaani arra dhooysuu hin dandeenye.
Qajeelfama baafamee ergame kanarraa akka hubannutti, jarri kun kijjiba/dhara itti hin saalfanne oofaa jiraachuu isaani ti. Waltajjiiwwan adda addaa kan biyyoota gara garaa keessatti gaggeefachuuf yaalan irratti salphina kana hin jedhamne irra gahee otuu jiru Marii bu’a qabeessa tahe “komunitii Oromoo wojjiin hooggantootni olaanoo mootummaa federalawaa fi naannichaatiin gaggeefamee” kan jedhan qabxiixuma olitti qajeelfama ergame irraa fuune irraa akka hubannutti hammam takka mootummaan isaan ergite tun dhara irratti utubamte ifaan ifatti garsiisa. Kanneen Hawaasa Oromoo isaan jedhanii waamani fi nuun waliin marii gaggeefatan jedhan garaan bultoota qubaan lakkaawwaman malee akka hin jirre nu hundinuu ni beeyna. Kana maleees, Hawaasa oromoo dubbisuu dhiisii dhokatani saboota biro fi kanneen ayyaan laallatuu tahan qofa waliin haasawani akka deemanii fi Hawaasni oromoo bakka isaan dhaqan hundatti waaroo salphinaa isaan uffisuun akka gaggeese beekkamaa tahee osoo jiru bifa kanaan of shiheessuun isaani waanuma raajjii tokko – silaafuu ergamtoota waanuma dubadhaa jedhani eergaman dubbatuu malee gaaffii gaafamteefu deebisaa hin qabne irraa maaltu eeggama?
Qophiin “Kabaja Ayyaana Torban Diyaaspooraa Oromiyaa Marsaa Tokkoffaa, bara  2007’’ jalatti, karoora hirmaannaa Diyaaspoora sadarkaa olaanatti ceesisu” maqaa jedhuun qophiin itti jiran kuni Ummata gochaa gara jabina mootummaa gooleesitu Wayyaanee hiddaan buqisuuf golee oromiyaa hunda keessatti qabsaawaa jiru, Qeerroo mootummaa sanana qalamaa fi daftara qofaan dura dhaabbattee lubbuu itti guraarsaa jirtu hamilee tuquuf kan tilmaamame fakkaata. Disporaan isaan himatan kanneen jireenyuma wayyaa barbaaduuf maqaa Qabsaaoowta QBO tiin wareegaman dhawatani sobaan ala kana jiraatan yoo tahe malee; Oromoonni biyya alaa kana jiran dhibantaan sagaltami sagal (99%) kanuma roorroo (saamicha, hidhaa fi Ajjeechaa) isaani irraa baqate biyya alaa kana jiru. Duuba eenyu sobudhaaf akka waan Hawaasni Oromoo sadoo fi hujjiif biyyaa bahee godhanii dhiheessuu barbaadu. Kuniis raajjii dha.
Hirmaannaa Dayaaspooraa sadarkaa ol’aanatti Ceesisuuf kan jedhu ammoo – waan dabaati. Kanneen tanaan dura sobamani biyya dhaqanii waa invest goona jedhanuu hedduun kisaarani, hedduun ammoo waan isaan ummata keenya irratti godhaa jiran qaamaan argani fi haddoodiin sabummaa itti dhagayame warra dhiisani hujjii isaanitti deebi’an tahuu isaa iccitii gabayaa/magaalaa irratti bahee tahee beekkama. Bobbaa kanaafi karoora isaani kana xiinxala gara birootiin yoo laalle ammoo, Filmaata amma deemsifamuuf qophaawaa fi muddamanii oliifi gad kaachaa jiran kanaaf, akkuma tanaan duratti ummata keenya sobuufi maqaa OPDO dhaan aangoo irratti rarra’uuf kan bukkeessaa jiran akka tahe beekkamaa dha.
Kana malees yeroo ammaa OPDO akka dhaaba Oromoo fakkeessani dhimma itti bahaa jiran osoo beekkamaa tahee jiru fi osoo hunda argaa jiranuu kanneen Impire kana ni Dimokraateesina jedhanii oliif gadi kaachaa iraniis numa jiru kan jedhuus yaadadhe. Kun hundi Ummata keenya kan QBO dhaaf muratee jiruu fi WBO diinaan kokkee walqabaa jiru irratti dhiibbaa godhuu fi nama afanfaajeessuu irratti dhiibbaa inni qabu maali yaaddoo jedhuun liqimfame. Dhugumatti yeroo ammaa Sabboonoonni oromoo fi walumaa galatti Ummanni oromoo kanneen akka ODF ifaan ifaan arguu ni dadhaban natti waan hin fakkaanneefiis xiqo abdiin natti horame  Hundaafuu, sochiin amma Impire tana jiraachisuuf godhamu, sabboonoota oromoon fashaluu akka qabuti ykn fashalsuuf dhalli oromoo hundi hojjachuun murteessaa dha.
Eegaa faaga irraa osoon hin bahiin, xalayaan Lukkeelee isaaniif ergamte tana gadi buunee yoo xiinxalle, qabxii 4ffaa jalattri “Qabiyyeewwan Kabaja Ayyaanichaa” jachuun waa hedduu tarrifti. Achi keessaa wanni hubatamu garuu, Sagantaan Kabaja Ayyaana Torban Diyaaspooraa Oromiyaa bara 2007 kana irratti ala kanaa namoota 3000 ol akka qooda fudhatan hawwaa jiraachuu isaani ti. Kana malees lukkeelee isaaniin sobuuf baasii geejjibaa osoo gatii tokko itti hin baasiin akka kennamuu fi buufata xayyaa irraa eegalee hamma bakka bultiti akka simannaan haala oowwaa taheen akka raawatamuu dha. Geejjiba horii itti hin baafne (free) hiranillee ayyaan-laallatoonni kuma sadii achirratti argamuu yoo dandayan waan nama dinqu taha. Akkan ani heeragutti garuu tilmaamni isaani akkuma yeroo bobbaa gaggeefatan sanitti saboota biroo fi kashlabbee bubuutu walitti qabatani maqaa Oromoon qabeenya Oromoo irratti balleessuun bashannansiisuuf achi geessuu dha.
Lakkoofsuma afur kana jalatti kan na kofalchiise tokko yooniin isiniif qoode, qophii spoortii fi Seminaara erga tarrisan booda Guyyaa Exibiishiinii Misoomaa kan jedhu tu jira. Mee amma dhugumatti kanneen isaan maqaa tarrisan kanaatu dorgommi Spoortii maqaa Diyaaspooraan seena !!!!!!!!  Ammas kofluu kiyya osoo hin dhaabiin “Dhakaa Bu’uuraa dhaabuu” kan jedhu arge. Magan, dhakaa bu’uraa akkuma Tigray keessatti dhaabani sana baanu moo maali kan jedhu yaadutti seene. Boda akkan hubadhetti dhakaan kun Dayaspooraaf akka tahe naaf gale. Duuba warra biyyaa ariineetu deebi’e kan jedhu dhagaa kanarratti yoo bocan malee maal jachuuf deemu kan jedhu gaaffii biro ti. Wayyaanee fi Eergamtoonni isaani kun namaan sobuu fi dhara dhugaa fakkeessuuf wanni isaan hin goone akka hin jirre hubadhullee kun kan faaga irraa bahe tahuu isaa arkee ammas kofla kiyya itti fufe. Dhagaa bu’ureefama isaanii tu bara meeqaatam oromiyaa keessatti jaaramne jachaa kan nama sobaa turan amma Tigrayitti keessatti jaaramne jedhanii kan dhaaban booda kana ammo maal godhuuf deeman kan jedhullee yaadadhee, jara kanarraa dhugaa maaltu eeggamaa na dinqa jedhee kofla kiyya dhaabee dubbisutti deeb’e.
Ammas guyyaa biqiltuu (Green Economy) kan jedhu argee yeroon koflu namni na bira ture tokko maal taate hamma naan jachuu gahe. Jarri kun waanuma namni biyyota Economy dhaan guddate jedhan dhageeyfatani kana dubatu moo maali? isa jedhutu natti dhufe. Kanuma osoon yaaduu  daggala dhiheenya kana Wayyaaneen gubaa jirtu faa yaadadhee jarri kun Green Economy jachuunu maal akka tahe beekuu kan jedhuus mataa kiyya keessa naanneesse. Dinqiin isaani silaa hin dhumtuu kanas bira kutuu yaale.  Haatahu malee, waatu ija na butee tarii kan isaan Green Economy jedhaniin kun akkuma isaan lafa kaayaniti yoo tahe namoota Dayspoora irraa ni dhufan jedhanii yaadaniif Green Economy tokko tokko itti kennuuf deeman jachuu dha, malee Green Economy dhugaa Sanaa miti, maqaa fudhataniituma akkas jedhu kan jedhu irraa hubadhe. Kun bashannana (entertainment) gaarii dha, hamma tokko kofle jedheen bira tare –  waan dabaa. Mee document sana keesatti akkuma jedhanitti armaan gaditti laalaa.
Carraa kanaan Paarkiiwwan Magariisaa Filataman Magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti Maqaa Diyaaspooraa Oromiyatiin ’Paarkiin Magariisaa Diyaaspooraa Oromiyaa’’ Kan Mooggaafamu ta’a. Paarkoonni Moggaafaman kun abbummaan Diyaaspooraan Oromiyaa fudhatee Kan eeguu, kan misoomsu fi Kan kunuunsu ta’a”
Kan biraa Guyyaan kabaja Ayyaana Torban Diyaaspooraa jedhame yaadame kun, Adooleesa 27-Hagayya 03 bara 2007tti jachuunTorban Tokkoof kabajuuf kan deemu kana milkeessuuf  dirqama jalee isaaniitiif kenname tarrisa. Akkan dirqama bakkoota biraas argetti maquma koree nannootu jijjiirame malee, hujjiin akka raawwataniif akka dirqamani itti kenname ykn Sagantaan Raawwii isaani wal fakkaata. Hundaafuu, xiiyyeefannaan kiyya naannoo tokko qofa irratti waan taheef kaan itti deebina. Ammaaf, naannoon irratti iyyeefachuu barbaaduu keessaa akka koree naannoo jedhamani naannoo Scandenevia jiran akka armaan gadiiti:
  1. Koreewan Moobilayzashiinii Ayyaana Torbee Diyaaspoora Oromiyaa Biyyoota Scandinavia
7.1 Koree Stockholm-sweden T.LMaqaa GuutuuMagaalaaBilbilaE-mailiiGahee Hojii
1Taraffaa BurkaStockholm+46-762 654 075burka.okoli@ymail.comW/qabaa
2Dirree MichaeelStockholm+46-723 008 058mdidawa@hotmail.comI/A/w/ qabaa
3Worquu JaankaCopenhagen-DK+45-819 089 74workujanka@yahoo.comBarreesaa
4Shamis UmarStockholm+46-722 780 718Miseensa
5Tafa GonfaSakkara+46-709 942 280taffa.gonfa@gmail.comMiseensa
6Shami YusufGöteborg+46-729 268 157urgeyssaa@utlook.comMiseensa
7Ahimad Sa’iidStockholm+46-701 872 599ahmedj@live.seMiseensa
8Tesfaye DabaÖrebro+46-762 707 920Miseensa
9Aziizaa AbdellaaStockholm+46-737 249 812azizaabdella@yahoo.comMiseensa
7.2. Koree Oslo-Norway T.LMaqaa GuutuuMagaalaaBilbilaE-MailiiGahee Hojii
1Tarafaa BurqaaStockholm+46-762 654 075burka.okoli@ymail.comW/qabaa
2Hambisaa LiibanBergen+47-952 042 17Kuma47@hotmail.comI/A/w/ qabaa
3Zawduu TakluuÅarhus-DK+45-914 168 00teklu78@hotmail.comBarreesaa
4Dr. Damisee AreddooOslo+47-216 802 64Demissie.aredo@gmail.comMiseensa
5Areeroo TafeseeOslo+47-969 804 93abbarobaa@yahoo.comMiseensa
6Jarjarsoo WariyooMoss+47-998 744 52wadaay@bakkalchatv.comMiseensa
7Dr. ObsaaOslo+47-968 553 06abesadoo@yahoo.comMiseensa

Kana irraa akka hubannutti kashlabboonni keenneen geejibbaa fi dhimmoota adda addaan sobamani Wayyaanee fi eergamtoota isaaniif hojjachuuf akka murteefatan dha. Maqaa gubbatti tarrifamanii fi qajeelfama itti dabraa jiru irraa akka hubannutti garuu jarri kun Qabsoon Bilisummaa oromoo fi Ummanni Oromoo toftaa akkanaa bira erga taran hubachuu dhabuu isaaniti. Hubbannoof akka tahuuf qajeelfama itti kenname kanaas mee armaan gaditi laalaa:

10. Sagantaa Raawwii ‘Kabaja Ayyaana Torban Diyaaspooraa Oromiyaa bara 2007’ T.LHojiiwwan hojjetamanQaama HojjetuYeroo(Baatii)
1Magaala Oslo fi Stockholm itti koree moobilayizashiniif qindeessituu Festivaala torbee Diyaaspoora Oromiyaa hundeessuJiila Naannoo OromiyaaGurraandhala
2Koreewan hundeefamaniif kaayyoo Festivaala torbee Diyaaspoora Oromiyaafi hojii koree ilalchisee oreenteshiin gababaa kennuuJiila Naannoo OromiyaaGurraandhala
3Karoora hirmaachisaa fi hojii irra ooluu danda’uu qopheesuu,Koree Oslo fi StockholmGurraandhala
4Karoora qophaa’e irratti akka yaada kennuuf Dayireektoreetii Olaana dhimma diyaspooraa Oromiyaatiif erguuKoree Oslo fi StockholmGurraandhala
5Karoora qophaa’ee irratti Koreen moobilayizashiinii Oslo akka mari’atee mirkaneessaKoree OsloBitoteessa
6Karoora qophaa’ee irratti Koreen moobilayizashiinii Stockholm mari’atee mirkaneesssaKoree StockholmBitoteessa
7Hojii odeefannoo fi beeksisaa buldhinaan akka hojjatamu akkasumaas hirmaatota festivaala online galmessuuf akka tajaajilu website festivaala bocuuKoree Oslo fi StockholmBitoteessa
8Marii koreef deegartoota wojjiin taasifamu milkeessuuf akka danda’amu midiyalee hawaasummaa kan akka Skype, paltalk, facebook k.k.f hundeessuu,Koree Oslo fi StockholmBitoteessa
9Website,face book, paltalk fi Miidiyalee fi tooftaa adda addaattiKoree Oslo fiBitoteessa-
Xumura irratti hamma xalayaa kittillayoota fi ergamtoota Wayyaanee saaxilu kan biroo hamma walitti deehinu, ilmaan oromoo bakkuma jirtanitti godhaa fi shira Wayyaanee kana bakkuma jirtanitti akka dura dhaabbatan kan jedhu dhaamsa dabarfachuu barbaada. Lukkeeleen maqaan isaanii olitti tarrifaman kun ammayyuu dirqama kana fudhatali 4/4/2015 walgahii yaamaa jiraachuun isaani dhagayamaa jira. Kanaaf, sabboontoonni oromoo naannoo sana jiraatan dura dhaabbachuu qaban jedha.
Kanneen bakkoota adda addaa irraa koree ergamtoota wayyaanee dhaaban kana keessa jiraniis kanarraa barnoota fudhatani roorroo oromoo irratti xiiyyeefate kanaaf tumsa akka hin daane dhaamuufi barbaada. Yoo waan akkanaa kanarraa qusachuu baatan faruu yeroo ammaa kana keessatti, keessaafu, gochaan keessan akka ummata irraa dhokachuu hin dandeenyee fi akka saaxilamtan asumaan akkeekkachiisuu barbaada.

Sbboonummaan ni dagaaga!
Lukkeeleen dhagaa jalatti dhokatan hin qabaatan!!
Oromoon injifannoon shira Wayyaanee fi Lukkeelee isaani irra ni aanti!!!
3/16/2015

No comments:

Post a Comment