Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humna Waraanaa Poolisoota Fedaraalaa Wayyaaneen Marfame. Humnootni Tikaa TPLF Heddumina Qabu Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii Barasiisota Jimmatti Ramadamuu Qeerroon Gabaase

Ebla 19, 2015 | Gabaasa Qeerroo Jimmaa

Ebla 17/2015 Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa humna Waraanaa Poolisoota Fedaraalaa Wayyaaneen Marfame. Humnootni Tikaa TPLF Heddumina Qabu Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Koolleejjii Barasiisota Jimmatti Ramadamuu Qeerroon Gabaase Guyyaa har’aa kabajni Guyyaa Gootota Oromoo Ebli 15 fi Yaadannoon wareegamtoota uummata Oromoo fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Ebla 2014 FDG irratti wareegamanii Waggaa tokkooffaan isaa guyyaa har’dhaa bifa ho’aa ta’ee fi hedduu ajaa’ibsiisa ta’een gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Koollejjii barsiisota Jimmaan kabajamuun wal qabatee mootummaan Wayyaanee raafama ulfaata keessa seenuun humna waraanaa, basaastoota fi dabballoota isaa dhabbilee barnootaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, koolleejjii Barasiisota Jimmaa fi magaalaa Jimmaa irratti bobbaasuun uummataa magaalaa illee doorsisaa olee jira. Goototni Qeerroon barattootni Oromoo guyyaa kaleessaa Ebla 16/2015 galgalaa irraa eegaluun barruulee warraaqsaa gootoota Oromoo kan faarsuu fi gaaffii mirga abbaa Biyyummaa uummata Oromoo kan of irraa qabu Mooraa Yuunivarsiitii keessatti barattootaa fi jiraattoota fi hojjettoota hundaaf bittinneessuun Magaalaa Jimmaa keessatti maaxansaa buluun guyyaa har’aa Ebla 17/2015 immoo gana sa’aa 12:00 egaluun uuffata gaddaa uffachuun nyaataa fi barnoota dhaabuun ifatti haala ho’aa ta’een kanajachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaataaf saaxilan.

Haluma kana irraa ka’uun abbaan irree mootummaan Shororkeessa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n sodaa ulfaataa keessa seenuun dhiphatee waan qabee gadhiisuu dhabaa jiruu mooraa yuunibarsiitii Jimmaa arfan Main campus, mooraa Economics and Business, mooraa Agriculture fi Mooraa saayinsii fi teeknoloojii galma irra poolisoota isaa dhaabuun barattoota fi hojjettootaa hunda irratti sakkatta’insa guddaa gaggeessa oole. Magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa jirti. goototni qeerroon barattootni Oromoo immoo sodaa tokko malee wareegama kamuu baasnee mirga keenyaaf ni falmanna, mirga bilisummaa uummata keenyaa fi walabuummaa biyyaa keenyaa hanga gonfannutti duubatti hin deebinu sochiin warraaqsaa FDG itti fufa wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu ibsachaa jiru.

No comments:

Post a Comment