Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo Ebla15 Ilaalchisuun Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessa Darbee fi Sochii Warraaqsa FDG Ilaalchisuun Ibsa Gabaaba Uummata Oromoo Hundaaf Dabarsan.

Ebla 14, 2015 | Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Yaadannoon gootota qabsoo bilisummaa Oromoo, Ummata Oromoo baldhaa bilisoomsuu fi Oromiyaa gudditti walaboomsuuf utuu qabsawanii Wareegama qaalii kanfalan bara baraan kan isaan yaadannudha. Guyyaa kana addatti yaadachuun kan barbaachiseef aadeffatameef utuu hin taane guyyaa kana seenaa qabsoo bara dheeraa uummanni Oromoo of dandamachiisuu fi bittaa halaga jalatti hin bullu jechuun ofiin of bulchuu qabna jechuun gaggeessa turee fi jiru kabajaa guddaa fi gootummaa guddaa goototni Oromoo argisiisaniin kan boonaa jirru fi kan itti yaadannudha. Guyyaan Ebli 15n bara baraan qalbii keenya keessatti yaadannu gootota ilmaan Oromoo yeroo biyyi keenya Oromiyaan waanjoo kolonii jalatti kuftee eegalee lubbuu isaanii takkaa bakka bu’uu hin dandeenye wareeguun Oromiyaa amma arginuu, Afaan Oromoo, aadaa keenyaa, seenaa uummata keenyaa. eenyummaa Oromummaa keenyaa fi kaartaan Oromiyaa amma argaa jirruu kanaaf kan bu’uuraa ta’uu isaanii yaadachiisuun dirqama. Guyyaa yaadannoo gootota Oromoo bakka argamnu hundatti waligurmeessuun haa ta’uu akka nama tokkeetti kanneen yaadannuu fakkeenyaaf:

  1. Dhuma Jarraa 19ffaa yeroo koloneeffataan habashaa deeggarsa faranjii bar-gamaatiin humneeffame biyya keenya weerare ilmaan Oromoo kumoota dhibbootaan wareegaman, galmee keessatti kan argamu ta’uu hubachuun, harma muraa fi harka muraan aannoolee fi Calii Calanqoo godannisa garboomsaa seenaa keessatti dagatamuu hin dandenye,

  2. Bara 1928-1948 keessa fincila Raayyaa irratti ilmaan Oromoo jumlaan wareegama baasuun diina of irraa ittisan,

  3. Bara 1964-1973 keessa fincila Baalee, ijaarsa Waldaa Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessattii, wareegama qaalii kanfaluun kan goototni ilmaan Oromoo godhan,

  4. Bara 1970ta irraa eegalee qabsoo bilisummaa Oromoo bifa waraanaan ijaaruun qabsoo ABOn durfamuu fi baroota 1973 irraa caalatti rasaasni bilisummaa Oromoo bifa ijaaramee dhukaafamuu bara egalee keessa wareegamoota qaalii kanfalamee fi Wareegama hogganootni qabsoo bilisummaa Oromoo gammoojjii Somaliyaa keessatti nuti kutaa, amantaa fi gandaan gargar hin baanu jechuun wareegama ulfaataa kanfalanii fi baroota 1970-1991 bakkota garaagaraatti haalota garaagaraa keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuun wareegama qaalii ilmaan Oromoo baasan yaadachuun,

  5. Bara 1991 yeroo xurreen bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoon ijaramee jabaatee sarkaa uummata baldhaa Oromootti as ba’ee fi ijifannoon cululuqaa ta’ee gootota ilmaan Oromoon lafa qabatee fi shira diina keessaa fi faranjii baargamaan xaxameen wareegama qaalii kanfalame,

  6. Bara 2005-2010tti bara dhalootni qubee qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun FDG sadaasa 9 irraa eegaluun caalmatti golee Oromiyaa keessatti warraaqsi dhaloota haaraan qabsiifamee wareegamni qaaliin dhibbootaan lakka’aman wareegamuun kumootaan kanneen lakka’ama hidhaatti ukkanfaman  ta’uu yaadachuun

  7. Bara 2014-2015tti Dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo qabsoo Sochii warraaqsa FDG karaa nagaa fi dimookiraasiin dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo bara 2011 bifa qindaa’een ijaaramuun sochii godhan keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo diinnii kallatti hundaan ukkamsuuf humna waraanaa fi shira daanga hin qabne xaxaa ture, goototni Qeerroon barattootni Oromoo Ebla 11/2014 irraa egaluun kayyoon goototni ilmaan Oromoo irratti wareegaman galma ga’uu qabdi jechuun ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen karaa nagaa fi dimookiraasii FDG qabsiisuun sochii uummata Oromoo hunda bakka jiran hundaa hirmachise diina yaaddoo keessa buuse qabsiisuun wareegama qaalii kan daa’imman gannaa 7 hanga manguddoota ganna 80tti jiran hirmachiseen goototni ilmaan Oromoo wareegama qaalii godinoota dhiha Oromiyaa Naqamte fi Amboo, Bahaa Oromiyaa Baalee Madaa Walaabuu fi Haramayyaatti wareegama lubbuu ilmaan Oromoo Oromiyaa kabachiisuuf kennanii fi duulaa hidhaa,daraaraa reebbichaa toorcherii  fi barnoota irraa arii’achuu  barattoota Oromoo dhabbilee barnoota Olaanoo Yuuinibarsiitota Oromiyaa Jimmaa, Amboo, Wallaggaa, Mattuu, Bulee Horaa, Finfinnee, Adaamaa, Harammayyaa, Dirree Dawaa, Maddaa Walaabuu fi kkf irratti raawwatamee galmee seenaa uummata Oromoo keessatti yaadachuun,
Toqaaleen armaan olitti kaafne uummata keenyaa fi diina keenyaafis yakkoota duguginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwatamaa turee fi jiruu hanga tokko yaadachiisuu, fi ijoon Oromoon Ebla 15 bara baraan kabajatnuu fi Gootummaa Oromoo ittin boonnu akeeka mataa isaa kan qabuu fi siidaa yaadannoo gootota Oromoo yeroo garaagaraa fi bakkoota garaagaraatti Oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsuuf gartuu fi namtokkeen illee kanneen wareegaman barabaraan kan yaadannuu ta’uu ni hubachiifna.

Ergamni keenyaa har’aa ilmaan Oromoo lubbuun jirruu haala rakkisaa fi diina hanga funyaanitti hidhate fuldura dhaabbachuun mirga uummata keenyaa kabachiisuuf fincila itti fufinsa qabu qabsiisuun diinaan waldhansoo qaba jirruu gootummaa guddaatu nutti dhagaa’ama. Ilmaan Oromoo haala feedhe keessa jiraniif dhaamsa itti aanuu kana dabarsina, bu’aa harcaatuuf jechaa dhugaa awwaaluu miti, gaafatamni seenaan nurraa eeguu guca bilisummaa jaallaan keenya nu biraa kufan qabsiisan olkaafnee, diina Oromoo saama jiru,Ajjeesaa jiruu, qe’eef qabeenyaa irraa buqqisaa jiruu fi master plan Finfinnee jechuun Oromoo Finfinnee keessa baasaa jiru bakka jirruu itti dammaquun mirga uummata keenyaa kabachiisuuf dirqama yeroon nurraa eegdu ta’uu ni hubachiifna. Kanneen Oromoo fi Oromiyaa gananii gara Ethiophiyaa qaxxamuran martinuu seenaa fokkataa irraa of ilaalanii akka irraa of deebisan yaadachifna. Wareegama bilisummaa Oromoof kanfalame gurguratuu fi qara dabarsuuf, qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuun fafa jenna.itti gaafatama seenaa fi seeraa jala kan nama galchu ta’uu ni hubachiifna. Akkasumas kanneen qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessina jedhan hundinuu guyyaa yaadannoo qofaa kabajuun miti. Qabsoon maal akka fakkatuu fi maal akka gaafatu beekanii tokkummaa qabsaa’ota Oromoo ijaaramaa jiru jabeessuun akka qaroo ijaatti tikfachaa, kallatti hundaan qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun gartuuwwaan adda addaa maqaa qabsoon socho’aan ijaaruun qabsoo fulduratti furgaasuun akka jabeessan ni dhaammanna.

Guyyaa gootota Oromoo Ebla 15/2015 kabajamuu kabajamuuf guyyaan lama nu hafuu kana diina biyyaa keenyaa qawwee fi humnaan qabatee Oromiyaa qorqaa jiru kana kan yaadachiifnu yoo jiraate, wareegama fedhe illee yoo nu gaafate qabsoon bilisummaa Oromoo kan duubatti deebi’uu hin dandeenyee fi dhaabbachuu kan hin dandeenye ta’uu jala murree hubachiifna. Seenaan mootota Habashaa, kan ijaarame seenaa fokkataa, mirga dhala namaa sarbuu,mirga dimookiraasii ukkamsuu, uummata lafa irraa buqqisuu, aadaa roorroo fi cunqursaa uummata irraatti gaggeessuu fi aadaa warraa isaan mormee ajjeechaa jumlaa fi hidhaa, dugugginsa sanyii (Genocide) waan ta’eef wareegama kamuu haa gaafatu malee of irraa buqqisuuf yoom illee qophii taanee argamna. Seenaan Oromoo seenaa gootummaati, nuti qeerroon bilisummaa Oromoo seenaa guutummaa dhalchifamne jabeeffachuun akka hin dagatne irbuu keenya haaromsina. Sochii warraaqsa FDG bifa qindaa’een ittifufinsaan waggaa 2f gaggeessa jiruu daran jabeessuun fincillii mootummaa abba irree EPRDF/TPLF irratti jabaatee itti fufa!!

Guyyaa Gootota Oromoo sababeeffachuun dhaamsa itti aanu uummata Oromoo hundaaf dabarsina, Uummatni Oromoo kan biyyaa keessaa fi biyya ambaa garaagaraa keessa jirtan guyyuu uummata Oromoo bilisoomsuuf kallattii hundaan uummata keenya sadarkaa garaagaraa irratti akka ijarruu, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo akka jabeessinuu, sochii warraaqsa qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessa jiruu keessatti qooda guddaa akka kennitanii nu waliin dhaabbachuun akka FDG wayyaanee dhiiga uummata keenya dhugaa jiru of irraa darbinu dhaammachuun, Guyyaan Gootota Oromoo ebla 15/2015 kabajamuuf jiruu kunis akkataa armaan gadii kanatti kan yaadatamu ta’uu hoggantootni qeerroo marii godhaniin murtessaan:
  1. Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo baldhan guyyaa gootota Oromoo kan bara kana bifa adda ta’een kan kabajnu yoo ta’u, kan adda godhuu bara darbee Ebla 11/2014 irraa eegaluun goototni Qeerroon barattootni oromoo qaanqee FDG ifatti karaa nagaa gaggeessuuu kan eegalaan FDG qindaa kun jabaachaa adeemuun ebla 23-28tti magaalaa Amboo, Gudar, Harammayyaa fi Madda Walaabuutti wareegamnii qaalii tilmaamamuu hin dandeenye kanfalamee, warraaqsii bifa jabaatee fi uummata Oromoo Oromiyaa cufaa fi biyyootaa ambaa garaaraatti itti fufinsaan gaggeeffame yaadannoo waggaa 1ffaa sochii warraaqsa kana ta’uu,

  2. Uummatni Oromoo, dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo, sabboontotni fi Qabsaa’otni bilisummaa Oromoo fi jaarmiyaaleen bilisummaa Oromoo ebla 15/2015 guyyaa gootata Oromoo bara kana yeroo yadannuu gadda guddaa duguginsa sanyii Mootummaan EPRDF uummata keenya irratti rawwachu ibsuuf, uffata gurrachaa uffachuu, kophee millaa keenya irraa baasuun milla qullaa adeemuun, nyaata lagachuu, hojii idilee fi mootummaa dhaabuun, suuraawwaan goototaa Oromoo wareegamanii fi kaayyoo gootota Oromoo bakka hundaatti uummata keenyaaf raabsuun, bakka hundatti mallattoolee gaddaa fi balaaleffaanna mootummaa abbaa irree mootota habashaa fi EPRDF mul’isuun Ebla 15/2015 irraa egaluun guutummaa ji’a Eblaa kana gaddaa fi mormii keenyaa jabeessuun kan yaadannu ta’uu Qeerroon murtii isaa fudhate.

  3. Gaaffiiwwaan uummatni Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhatti ukkanfaman haa hiikaman jedhuu fi badii tokko malee gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii gaafatneef Mootummaan barattoota dargaggoota Oromoo hidhatti ukkamse hiikuu qaba, kan jedhuu fi angawootni wayyaanee ajaja dabarsuun ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesisann seeraatti dhihaachuu qabu, gumaan gootota dargaggoota Oromoo kanfalamuu qaba, kan jedhuu fi

  4. Filmaata kijibaa fi waliin dhahaa Wayyaanee dura gaaffiin mirga abbaa biyyummaa gaffachaa jirruu deebii argachuu qaba kan jedhuu fi karoorrii master Plan Finfinnee wayyaaneen baste haqamuu qaba kanneen jedhan bakka hundatti uummataa qaqqabsiisuun sochiin warraaqsaa FDG itti kan fufu ta’uu gadi jabeessinee dhaamachuun walga’ii marii keenyaa bakka hundatti gaggeessine milkiin xummurachuun ibsa waliigalaa haala qabasoo bilisummaa Oromoo guyyaa gootota Oromoo ilaalchisuun qopheesine dabarsine jirra
Injifannoon uummata Oromoof ! 
Gadaan Gadaa Bilisummaati!! 
Qabsaa’an ni kufa,Qabsoon itti fufa!! 
Qeerroo Bilisummaa Oromoo! 
Ebla 14/2015

No comments:

Post a Comment