Dargaggoonni Amboo Suuraa Taddasaa Biruu Malee Suuraa Mallasaan Ambo Keessatti Hin Barbaachisu Jechuun Ibsatan

Haggaya 8/2012 (Qeerroo):- Qeerroowwaan Magaalaa Amboo fi Gudaar namota suuraa Maallas magaalaa keessaa deemaanii gurguraan akka magaalaa Oromootaa keessatti hin gurguramneef dhorkuun ari’an. Maglaanaa Amboo bakka itti suuraa Taddasaa Biruu fi  Elemoo Qilxuufaa gurguran malee suuraa Mallasaa keessatti nagadan miti jedhuun ummanni dura dhaabbatee jira. Karaa biraa humni poolisa Wayyaaneen magaalaa Amboo shakkuu irraan kan ka’ee, Humna Poolisaa Federaala Finfinnee irraa gara Ambootti yaammachuun ummata goolaa jiraachuu gabaafama.

Ummaannii Amboo Hoteelotaa gurguddaa magaalaa Amboo fi Gudaar keessaatti kaaseetota Ebbisaa Addunyaa Fi Hirphaa Ganfurree fi kaasseetonni warraaqsaa humnaa ol sirbiisifaama jiraachuu kan dhagahe Wayyaaneen Poolisoota sirnichaaf uggumanii bulaniin Hoteela irraa deemuun walleen warraaqsaa kamuu akka hin sirbiisiifamne dhorkuu irra darbanii namni sirbisiisee argame akka adabbiin cimaa irra gahu yoo akeekachiisanuu umma nni diddaa isaa cimusuun walleen warraaqsaa Hoteelota keessatti dhageessisaa jira.

Kana malees konkolaataa gara Finfinneetti deemu tokko irra ilamltooti yaaban gutummaatti sirboota ABO faarsu dhageessisuun alabaa ABOs konkolaataa irratti hidhuun akka muldhatee jiru qeerroon gabaasa. Poolisoonni haala kana dhagahanii konkolaaticha hordofan iyyuu waa gochuu akka hin dandeenye gabaasi nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment