Duá Muummicha Ministeera Itoophiyaa irratti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

ADDA BILISUMMAA OROMOO

Lakk.: 014/stm-abo/2012
Hagayya 22,2012

Mallas Zeenaawii fi paartiin isaa EPRDF humna waraanaa qaamota alaatiin tumsameen kan aangoo qabatan waggaa 21 dura ture. Waggoonni digdamii tokkoon dabran ummatoota Itoophiyaa keesaatiif yeroo waraanaa, wal dhibdee, dhiittaa mirga namoomaa jumlaa, hidhaa, ukkaamsaa, ajjeechaa fi beelaa ture.

Duuti Mallas Zeenaawii ummatoota wayyaba Itoophiyaa keessaa kan waggoota digdamii tokkoon dabraniif mirgi namooma isaanii osoo wal irraa cinne abbicha irree kanaa fi jala deemtota isaatiin dhiitamaa jiraataniif boqonnaa wayyaa argamsiisuu mala. Mallas Zeenaawii seenaa bulchitoota impaayerattii keessatti matootii irra hamoo fi fakkeessitoota keessaa tokko ture. Amma aangoo irraa deemuun isaa sirna democraasii maddisiisanii waldhibdee bardhibbee tokko caalaaf deemaa ture karaa nagaan furuuf hiree uumuu ni mala.

Baroota bulchiinsa isaa yakkaa fi hammeenyaan guutame kana keessatti Mallas Zeenaawii sabaa fi sablammoota koloneeffaman kan akka Oromoo, Soomaalota Ogaadeen, Sidaamaa, Affaar, Gambeellaa fi hawaasota siyaasaa impaayerattii biroo keessaa kanneen kumootatti lakkaayaman madeesseera,ajjeeseera, hidheera, zaliileera, biyya irraa baqachiiseera. Yakkoonni gara jabinaa Mallas Zeenaawii fi bitamtootni paartii isaa dhaloota cunqursaa hamaa kana mormate irratti raawátan maatii fi firoota isaanii biratti yoomuu kan dagatamu hin tahu. Kana malees, bara bulchiinsa isaa kana keessatti malaanmaltummaan hidda gad jabeeffachuu isaatiin dhaabbiileen siyaasaa, dinagdee fi waraanaa firootaa fi aanaalee isaa Tigraay irraa dhufaniin dhunfataman. Kana irratti imaammatni qoqqoodanii bituudhaa hoggaa idaámu yaaddoo fi jibbiinsa duraanuu ture daranuu hammeessee waldhibdee dabalataaf karaa saaqeera.

Amma Mallas Zeenaawii kuteera. Ummatoonni fi qaamonni Itoophiyaa keessaa kan dhimmi isaan laalu kana booda abbaan irree biraa aangoo siyaasaa biyyattii butatee ammas akka isaan hin bitne of eeggannoo guddaadhaan of irraa dhorkuu qaban. Impaayera Itoophiyaa keessatti kana booda barri bulchiinsa abbaa irrummaa kan itti namni tokkichi waan fedhe muree murteessu raawáchuu qaba.

Ummatoonni Itoophiyaa keessaa hiree amma jirutti fayyadamuun harka wal qabatanii waloodhaan ka’uun rakkoo siyaasaa barootaaf ture furuu irratti fala barbaachisu akka waliin falatan, kanaanis, ilmaan isaanii fi dhaloota dhufu mara aadaa demokraasii gaarii akka dhaalchisan waamicha dabarsina.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 22, 2012
Oromo Liberation Front

No comments:

Post a Comment