Muumichi Ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zeenaan Adduunyaa Kana Irraa Boqochuu ETVn Gabaase

Qerroo irraa
Hagayya 21,2012 Finfinnee

Muummichi Ministeera biyya Itiyoophiyaa adduunyaa kana irraa boqochuun isaa erga dubbatamuu eegalee torbaanota lakkaayee ture,haata’u malle waan dhokatee hafu waan hin jirreef Obbo Mallasaan buqochuu isaanii ETVn har’a gadi baasee ibsa itti kennuun beekama.

Haalli kun biyya Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti jijjirraa siyaasaa jabaa fida jechuun ummanni haalaan irratti mariyachaa jira.Caasaan mootummaa Wayyaanee martuu shororkaayee kan gaafa Mangistuu H/Mariyam biyya gadhiisee bahee san fakkaata.Haalli kun jijjirraa fidee sabaa fi sablammoota kamiifuu Bilisummaa fi Walabbummaatti akka fullaasuuf jecha irratti hojjechuun 
yeroon isaa amma.

Sirni mootummaa Waayyanee harca’aa jirus jijjirraa hudee qabu fiduuf kan tattafatu hin fakkaatu kanaafis qophii osoo hin taane aangoo irratti of jabeessuuf aanjaa addaa soqachuu waan hin dhiifneef ummanni kana irratti yaada kennachuu fi amma irraa itti of qopheessuun karaa dha.

Qeerroo                                                                             

No comments:

Post a Comment