Tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuun itti fufe

(Qeerroo, Naqamtee, 17 Hagayya 2012) Oromiyaa dhiyaa onoota garaagaraa keessatti diddaa fi tarkaanfiin ergamtootaa fi basaasota wayyaanee irratti fudhatamu jabaate itti fufe; wayyaaneenis rfaatuu guddaa keessa galuun humna waraanaa guddaa bobbaaste akka jirtu beekame.
Gabaasaan Qeerroo onoota diddaa fi tarkaanfiin sirreessaa keesssatti fudhatamaa jiru keessa naanna’ee akka hubatetti humni addaa fi ummati walta’uun naannoo isaanii ergamtoota, lukkelee fi basaasota wayyaanee irraa qulqulleessuutti jiran.
Akka kanaan Hagayyaa 16/2012 Godinaa Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaattii tarkaanfiin Haleellaa lukkeelee wayyaanee ummatatti roorrisaa jiranii fi tarkaanfii ummati fudhachaa jiru ijaa bahuuf sochiitti jiran irratti fudhatamee jira.
Hagaayyaa 14/2012 Tarkaanfii maayyii basaasa wayyaanee maqaa investimeentiin Oromoo hiisisaa fi ajjeechisaa ture,Taageenyii G/Masqaal irraattii fudhatameen wal qabatee, lukkeeleen biroo finfinnee irraa dhufanii ummata irratti ijaa bahuuf otuu sochiitti jiranii humni addaa fi ummati walta’uun lukkeelee lama irratti tarkaanfii maayyii fudhatee jira.
Lukkeeleen kunneen ifatti bahanii “gumaan Gootichaa keenyaa Tagenyii G/Masqalhin hafu; tokkoon tokkoon ummata naannoo kanaa gatii baasu qaba!” jechuun dhadachuun alatattis, ilmaan Oromoo sabboonoo ta’an hiisisuuf otuu sochiitti jiranii Onaa Giddaa Guttiin bakka mandaraa 11 jedhamutti humni addaa fi ummati haxxee hidhuun tarkaanfii maayyii irraattii fudhachuun adabee jira.
Kun kanaan otuu jiruu, Gotichii Humni Addaa WBO Oromiyaa Godina Dhiyaa keessatti tarkaanfii boonsaa fudhachaa jiraachuun kan isaan gammachiise ta’uu ummatii fi Qeerroon ibsachaa jiran. Karaa hundaan WBO cina akka dhaabbatanii fi akka qabsoo diddaa fi fincila finiinsanis dhaamsa dabarsan keessatti hubachiisanii jiran.
Tarkaanfii maayyii Gootichii Humna Addaa WBO Godina dhiyaa Oromiyaa keessatti fudhachaa jirutti akka malee, naatee kan barragde mootummaan wayyaanee, gama ishiitiin humna Waraanaa addaa ummataa keessa qubsiisaa jiraachuu beekamee jira.
Akka Qeerroon ijaan argee mirkaneessetti, mootummaan wayyaanee ttarkaanfii lukkeele eisaa irratti fudhatamaa jiruun shororkaa keessa seenee waan jiruuf ummati of eeggannoo cimaa akka godhu dhaamsi darbee jira.
Hoggaansi Qeerroo Godinaa Dhihaas, ummati of-eeggannoo fi waltiksa jabaa akka waliif godhu dhamee, yeroo qabsoo jabaachaa adeemutti ergamtooti diinaa gaaga’umsa akka hin uumneef waan deemaa jiru jala bu’anii akka waliif dhaamanii fi odeessaa fi iccitii isaanii jabeessanii akka eeggatan dhaamsa hatattamaa facaasee jira.
Garbummaan ni kufa; injifannoon itti fufa!!
Qeerroo 

No comments:

Post a Comment