Ergamtoonni sirna Wayyaanee ammas Waaroo Salphina Uffatte !

(Oromocentre, Melbourne, 02 Fulbaana 2012) Owwaalcha nama mataa Wayyaanee fi bulchaa Impaayera Etoophiyaa wagga 21 ture, Mallasaa Zeenaawii, dhaadhessuufi sirna awwaalchaa kallattiin addunyaatti agarsiisuuf Australia, magaalaa Melbourne keessatti sagataan waldaa hawaasa Tigirootaa fi bakka bu’oota mootumichaa, Qoonsilaan isaanii qophaa’e  fashale.
Guyyaa Mallasaan itti owwaalamu Fulbaana 02, 2012 sirna owwaalcha isaa suduudaan/kallattiidhaan  (live) guddaa irratti magaalaa Melbourne, Federation Square, irraa dabarsuuf akeekamee kan ture diddaa fi mormii hawaasti Oromoo, Ogaadenen, Gambeellaa fi kan biroo taasisaniin kan haqame ta’uun beekamee jira.
Dhimma kana duara dhaabbachuuf hawaasti keenya yeroo gabaabaa keessatti walitti dhaamuudhaan odeeffannoo isaa waliin ga’ee qindoomina waldoolee hawaasaa Melbourne keessa jiran, waldaalee Ogaaden, Gambeell fi warreen sirna sana morman waliin walta’uun tattaaffii godhameen sagantaan sun akka milkoofne taasisamee jira.
“Sochii uummatoota keenyaa dura dhaabbachuun akka hin dandamne waan hubataniif battala isaan silaa sagatnaan ni eegala jedhanii eeganitti “sagantichi haqamuu” mardoon poolisa irraa isaan dhaqqabe,” kan jedhe ibsi SERMOCAVA, “sagantichi haqamuun poolisaan haa ibsamu male gochaa isaa daran mirkaneeffachuuf hawaasti keenyaa fi Ogaaden bakka sanatti argamuun diina garaa gubee injifannoo galmeessuun sagataa diinaa fashalsiisuun danda’ameera,” jedhee jira.
Ji’a tokko fuula dura bifuma walfakkaatuun jila tokko kan diinni asitti bobbaafatte Junaddiin Saddootiin hoogganamu salphisamee deebi’uun ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment