Manii tika ABO biyyaa alaa kessaan odeefannoo lowaa jiru

By: Falmataa Sabaa (September 28/2012)

Waa Malli Nu Dhibe

''waa malli nu dibe, inni bitaaf mirgaa, (2)
karaa sirrii dhiisnee
maaliif deemna moggaa? (2)
waaqa moo namuumaa kan seera jallisee?
Haati keenyi takkaa,
Maaltu addaan nu baasee? (2)...'' jedhe weellisaan...   

Weelloon rakkoo ilmaan Oromoo fi haala wal hidhata seeraa fi walii galtee dhalli namaa waliif qabu isin yaadachisee eegaluun koo waa malee miti.
Bara kana mana paltalk jedhamu sarara internet irraan banatanii yaada fi siyaasa ofii ooffachuun waan barame ta'ee jira. Haala kanaan torbe dabre mana Paltalki warri ODF(Waltajjii marii) banan keeysa akka tasaa seene waa dhaga'e. Hogganoota ABO maqaa dha'anii haasa'u. ''A/Caala Lataa, Aster Gamadaa fi Shuggux Galataa Xalayaa itti gaafatamuummaa irraa fedhiin gadhiisuufi, iyyannaa isaani SHG-tti dhiheeffatanii jiran'' kan jedhu dhaga'een na ajaa'ibe, dhimma duraanuu harka lafa jalaan haasa'amaa ture waliin waan wal simateef jecha waan kun maaliif oofamaa jira? Eenyuu, yoom fi dhimma maaliif facaasa? jedheen of gaafachuu eegale. Akeeka siyaasaa moo kan gandaa of keeysaa qaba? Jedhee of gaafachuu itti fufe.

Yoo ganda kan ''Wallaggummaa'' ta’e Dr.Taddasaa, A/Caalaa, Dr.Daggafaa, Asteer, Dr. Shuugux fi Gashuu hunduu ganda tokko, maaliif hunda walitti waraqaa galfatan hin jeennee? Yoo dhimmi siyaasaa waliin wal hidhate ammoo kan ilaalcha siyaasaa Leencoo waliin jiran; A/Caala fi Dr. Taddasaa dha, maaliif isaaniin walitti maqaa hin yaamne? Jedheen yaaduu itti fufe. Miseensoti maqaa ODF jedhaman walitti dhufanii paltalk irraa haasa'an haamlee dhabanii ture. Yeroo muraasa keeysatti hamlee wal kakaasanii yaada duraanuu oofan, marii dhuma hin qabne ammas akka itti fufanii gaggeeysan lallabachuun mul'ata. Washington D.C fi Minisootatti walgahii Hawwasa ni godhanna jedhanii waamichaa tamsasaa jiran. Haamleen kun eessaa madde? Kan jeedhu of gaafadhe. Miseensoota Gumii Sabaa biyya ambaa jiraani fi murtee SHG keeysaa waa arkadhe.

Ibsa walgahii SHG boodaa murtee fi ibsi Shaneen Gumii akka hin taanetti hiikamee, akka SHG ’’waltajjii marii’’ deeggartee waamicha goote fakeessanii dhiyeessuun ni mul’ata. Kun maaliif fi akkamiin ta'e?

Manni Paltalk dhaabaa, Wairiituun sababa kanaaf jecha Asteriin dhiheessani gaafaachuun isaanii, akkan caqasu fedhii natti hore. Sababni isaas akka qabsaawoti marti beekan ejjennaan A/Caala fi ejjennaan Dr. Shuggux dhimmoota adda addaa irratti qaban kan wal hin fakkaatne ta’uu hubadhe, akkamiin yeroo tokkotti waraqaa lakkisuu galfatu jedheen yaade.

Ejjennaan A/Caalaa fi Dr. Taddasaa ejjennaa Leencoo Lataa irra akka adda hin taane dhimmooti mul'isan hedduu hubadhe.

1. A/Caalaa yeroo adda addaatti koree jedhamee ramadamu keeysatti dantaa obboleessa isaa Leencoo Lataa malee, dantaa Oromoon akka walii galaatti qabdu tiksuuf hojjetee hin beeku. Dhimma araara jedhamee Leencoo Lataan oofamaa ture keeysatti, nama Hasan Huseen waliin waan hunda of duuba deebisuuf dalagaa ture akka ta'e qabsaawota irraa dhokataa miti. Qabsaawota Oromoo kaleessa karaa Lichoo gansiisani fi dirqiin harka diinaa buusan utuu hin dagatamiin, yakki Kamaal Galchuu ilmaan Oromoo fixe utuu hin qooriin, qabsaawota dirree jiran deebisee harka Hasan Huseenii fi Kamaal Galchuutti galchuuf tattaaffiin inni tolche diddaa qabsaawotaan fashalee jira.
2. Ammas dhaaba kana keessa riphee dantaa namoota dhuunfaa guutuuf jecha, qabsaawota haamlee dhabsiisuu irratti dalagaa jiraachuun beekamaa dha. Hiddi isaa bakka ''jijjiiramaa fi waltajjii marii'' ta'ee karoora isaanii ABO keessatti tarkaanfachiisuu dha. Haala kanaan karaa namoota SHG keeysa jiranii yaada dhimma tokkummaa fi araara fakkaatan oofee fi oofsisee, akka fedhettu dantaa obboleessa isaa guutuuf tattaafachuu isaa itti fufee jira. Kanaaf ammoo Dr. Taddasaa meeshaa godhata.
3. Dr. Taddasaan qajeelfama A/Caalaa irraa fudhachuun, walgahii irratti akka Sagantaa Siyaasaa ABO kan Walabummaa Oromiyaaf qabsoofna jedhu akka hin fudhatiin ifaan ibsachuun, ejjennaa Leencoo waliin tokko ta'uu mul'isa.
4. Yeroo Leencoo Lataa sababa naamusa dhabuun dhaaba keessaa gaggeeyfame, akka hirriba malee bulee fi dhimmi isaa akka hirriba isa dhorke ifaan ibsate.
5. Yeroo Prof. Efrem Yisaq ABO, Mallasaa waliin nan araarsa jedhee, yeroo Oromoon yaada nama kanaa dura dhaabbatu, nama isaaf amanamaa ta'ee falmaafi ture dha.
6. Sababa yaada isaa oliitti ifsameef jecha, hiree Oromoo biyya alaa walitti qabuu danda'an yeroo dhalatu akka fashalu tolchuun, Oromoon moonaa ABO keeysaa baqatee akka moonaa ODFtti makamu irratti karoorfatanii dalagaa jiraachuu odeessi ala irraa ni mul'isa.

Haaduun qara lamaa, ABO keeysa ta'anii, gama tokkoon ABO diigaa, gama biraan ammoo maqaa tokkummaa fi araaraa ofitti maxxanfatanii, ODF jabeessuuf waan kutatanii dalagaa jiran akka ta’es qorannoon mul'isan ni jiru. Kanaaf ammoo ragaan warra Adiitti(Faranjii) itti dhiyaatanitti, ''ABO akka haaraatti diignee ijaaruu feena, kanaaf nu gargaaraa'' jedhanii akka gargaarsa kadhachaa jiran hubadhe. ABO isaan ijaaruu fedhan, ABO akka kamii akka ta'e hubachuu nama hin dhibu. ABO dantaa halagaa guutuuf hawwu, kan maqaa Oromoo maxxanfatee dantaa halagaa guutuuf dhama'u, kan fedhii Oromoo irraa hedduu fagoo jiru ta'uu hubadheen gadde.

Akkan maddaa oduu qabataama arkadheetti ’’Waltajiin maarii’’ Hundee ishee SHG keessatti A/Caalaa fi Dr. Taddasaa tolfachuun dhimmoota olitti ifsamaniin mul'ata. Walgahii SHG- gaggeeffachuu dura, Dr. Shuggux, Odaa Xassee fi hogganooti wayyabni araarri namoota walabummaa Oromiyaa fudhatan waliinn kan akka ULFO, QC fi Miseensoolii leexaa fi gamtaan jiraan, kan akka Kamal mooraa habashaatti hin seeniin ykn akka ’’Waltajii marii’’ ofiin jedhanii ilaalcha Ityophummaa hin oofiin waliin ha tolfaamuu jeedhaanii warra dhiibaa turan akka ta’e hubadhe.

Dr. Taddasan utuu mataa Damee Dantaa Alaa ta'e jiru, ejjennaan inni ’’waltajii marii fi Prof.Efrem'' irratti qabu guyyaa tokko ifsatee hin beeku. Inumaayyuu waa'ee isaanii hin dubbatiina’ jedhee miseensota dinninaa akka turee dhaga'e. Sababa kaanaafis miseensoolii, qondaalotii fi hogganni ABO biyya ambaa jiran akka irraa mufii qaban odeeffama. Odaa, Shugguxii fi Gaashuu ammoo sababa ejjennoo isaaniif jecha diineeffatee akka jiru dhaga'ama.

Fedhiin ABO akka yaada ’’Waltajii maariitti’’ waliin araara tolfachuu moo ULFO, QC waliin tolfachuu kan jettu, sababa A/C fi Dr. Taddasaaf jecha akka ’’waltajii Marii’’ jabeeffamu dhiibamaa jira. Kanas hojiitti hiikuuf namooti SHG irraa dirqama fudhachuun, dhimma SHG moora Oromoo jabeessuu jeettee labsii baastee keessatti hojii kana akka bakkaan ga’an dirqamni itti kenname A/Calaa fi Dr. Tadassaa akka ta’an maddi oduu qabatama irraa hubadhe. Namooti kun dantaa ABO moo, dantaa ''waltajjii marii'' tiksuuf deemu? kan jedhu qabsaawti irratti wal gaafachaa jiru. Waan isaan deemaniif milkii moo kufaatii fida kan jedhus dhimma walumaan ilaalamuu qabu dha.

Dubbin deema jirtu ’’Waltajiin maarii’’ keessaa fi alaan hojiin gamtaan rawwataa jiran keessatti kan jalqaba Shuggux, A/Caalaa fi Aster dhaabbatan fakkeeysuun Shuguxiin xaba siyaasaa ala tolchuu, haalli rimiddii A/Caalaa fi Dr. Taddasaa fi ololli Dr. Shugux irratti oofamus ’’Waltajjii marii’’ gammachiisuun haamlee itti horuu dha. Abbaan dabaree irratti ololamuuf qophaa'amaa jiru ammoo Odaa xassee, Tamaam Yusuf fi Gashuu ta’uu tilmaamuun ni danda'amaa.

SHG humna ishee keeysa ta'ee, qaama ABO diiguuf irratti shira dalagu kanatti dirqama qabsaawota Oromoo walabummaatti amanan walitti fiduuf akka hojjetan itti kennuun dogoggora dha. Namooti ofii isaaniifu Walabummaa Oromiyaatti hin amaniin akkamiin humna walabummaa Oromiyaaf dalagu walitti qabuu danda'u? Gaaffi jedhu qabsaawoti gaafachaa jiru.

SHG-ABO, ABO ciimsachuuf nama isaaf hojjetuu fi nama irratti hojjetu adda baasuun irratti tarkaanfii fudhachuuf utuu carraa qabuu, nama dirqama itti kennatu sirnaan xiinxaluu dadhabuun rakkoolee ABOn keeysa darbe irraa barachuu hanqachuu dha. Murtiin SHG koree kana dhaabuu irratti fudhatte kan of irraa bafannoo, maal na dhibee fi masuluufummaan raawwate fakkaata.

Ammas SHG murtii ishee kana akka qajeelfattu gorsaa, SHG-ABO tika dhaabaa ta'uu hubachuun, murtii sirreessaa fudhachuun dhimma kana yoo hin qajeelchiin, ABO diigamaya irra caalutti waan saaxiluuf miseensi, qondaallii fi hogganni ABO sadarkaa hunda irra jiru dhimma kana dammaqinaan akka hordofee tarkaanfii malu fudhachuuf qophaawu waamicha dabarsaa, malli qabsoo Oromoo jabeeysuu harka qabsaawotaa fi ummata Oromoo jiraachuu hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Falmataa Sabaa
falmataas@gmail.com
 

No comments:

Post a Comment