Numa jirraa – Walaloo

Makiyaa Abdullahi irraa(Fulbaana 6/2012)

Numa jirra numa jirraa
Hanga arraa numa jirraa
Nu fixuuf yaalen dachiirraa
Waa dhumnee numa jirraa
Wuliillee ni jiraannaa
Ni fixna malee yoom dhumnaa
Dhufaa dabraan numa miidhaa
Numa saamee numa hidhaa
Abbaa ilmaan nu waldabran
Numarrati mootii tahan
Aanooleerratti nudduulanii
Harkaa miila nu ciranii
Harma aayyoo mummuranii
Yoomi waa nu dandamanii?
Calanqorratiis kana caalaa
Jarri yoom hafan nun jalaa
Lafeen Oromoo tuttuulamtee
Akka uudaa ol dhaabbattee
Guban lafee saba kiyyaa
Garaan kiyya wahi fayyaa?
Niin deefadha dhiiga kiyyaa
Ana ilami abbaa biyyaa!
Seenaadhaatu natti himee
Akkatti sabni koo gabroomee
Eegaan seenaa koo dubbisee
Garaan koo yoom na raffisee
Sammuun kiyya na wareeree
Eegaan seenaa kankoo baree
Aniis akka abbaakoo kaleessaa
Qabsaa’een diina fageessaa
Gad hin qabu mataa kiyyaa
Du’ee dhabamuu naa wayaa
Miidhama saba koon laaladhee
Duluuf ka’ee an onnadhee
Nu dargaggoon abdii biyyaa
Kan bilisoomsu Oromiyaa
Humna ho’aa lafee duydaa
Abdii Oromoo isa guddaa
Arraas angoo dur san deeffachuuf
Walyaamanii nu fi’achuuf
Yaa saba koo hin dagaminaa
Jarri jaraa hin amaninaa
Nu dargaggoon lafaa kaanee
Biyya abbaa keenyaatiif jennee
Ni wareegna lubbuu teenyaa
Biyya dhabnee eessatti teenyaa?
Mallas du’uus ni jiranii
Warri Mallasaa daranii
Warri aangoo mi’eeffatee
Kan qabeenya Oromiyaa cunfatee
Irree teenya gamteefannee
Haa fonqolchinu Wayyaanee
Numa jirra numa jirraa
Hanga har’aa numa jirraa
Nu fixuuf yaalen dachiirraa
Waa dhunee numa jirraa
Wuliillee ni jiraannaa
Ni fixna malee yoom dhumnaa

No comments:

Post a Comment