Barattooti Oromoo University Dirree Daawaa Lama Wallee Artist Hirphaa Gaanfuree Raabsitan Jechuun Yakkaman

Onkoloolessa 29,2012 (Qeerroo Dirree Dawaa)

Humni tikoota Wayyaanee Onkoloolessa 27,2012 galgala bakka ciisicha barattootaataa seenuun wallee warraaqsaa Artist Hirphaa Gaanfuree VCDn barattoota kaaniif raabisitaniittu,doormii keessattis bararttoota haaraa kutaalee biyyaa irraa University san seenan akka isaan argataniif jecha wallee adda addaa osoo kennitanii argamtaniittu jechuun yakkaman.

Barataa Hafiiz Abdullee fi barataa Qixxaataa Wagii jedhaman kun humnoota tikaan fuudhamanii erga doorsifamaniin booda akka lakkifaman gabaasi Qeerroo Dirree Daawaa irraa nu gahe addeessa. Ammaan duras Wallaga lixaa aanaa Airaa gullisoo fi University Miizaan Teeppii keessatti wallee Artist Hirphaa Gaanfureen wal qabatee barattooti hedduun akka hidhamanii turan beekamaa dha.

Barattooti Oromoo kanneen mooraalee University adda addaa keessa jiranii fi kanneen barnoota irraa ala jiran biratti walleeleen artistoota Oromoo kanneen bilisummaa faarsanii fi  Artist Ebbisaa Adduunyaa,Hirphaa Gaanfuree,Elemoo Alii,Muktar Usman,Ilfinesh Qannoo, Dirribee fi walleen Artist Hayiluu Kitaaba  ”nu biyyi keenya Oromia hin beeynu Ethiopia” jedhu Oromoo biratti haalaan kan fudhatama qabuu fi warraaqsa Qeerroof gahee guddaa akka qabu ifaadha.

                           
 Qeerroo

No comments:

Post a Comment