LAKKII DHIIROO!

Y.G(2005) / Onkoloolessa 25/2012/: Bara 2000 kaafnee waan keessa jirru akka gaariitti yoo xiinxalle, Oromoon siyaasaaf hin dhalannee? ykn Abaarsa qabnaayi? ykn akka uumamaa fi Oromummaa keenyatti hin jirru? Sabuma dhaabbanneef jennuuf of laannee hojjachaa jirraa? siyaasaan eessa jirra? saboota mirga isaanii falmatanii kabachiifan waliin akkamiin of ilaalla? isaan irraa maaliin adda taane? umamaan hanqina qabnaa? beekumsi isaaniin fure nun maaf takaalee? jennee akka of gaafannu nu dirqisiisa .carraa sirnoota dabran keessa nu dabre dhiisneeyyuu , kan bara wayyaanee iyyuu yoo gilgaalle, ofiima keenyaan danqaa ofitti ta’aa jiraachuu waan nu qaabachiisuuu tarrisuu dandeenya.

Lakkii dhiiroo, siyaasaan bakka irra jirruu fi inni kaan itti jiru ilaallee gara furmaataatti haa tarkaanfannu? Dhiigni Biyya keessa dhangala’aa jiru, kan lammii keenyaa mitii? Qabeenyaan saamamaa jiru keenya mitii? kan hidhamanii barruun miila isaani jala kan tumamu, qaama saalaatti bishaan hidhamee kan kolaafamaa jiran, tumamee mana hidhaa keessatti kan du’aa jiru, beelaan kan dhumaa jiran, Ummati kumaantamaan mana hidhaa keessatti kan ugguramee jiru, Dacheen keenya humnoota alaatti gurguramaa jiru,dhallii Oromoo Biyya abbaa isaa irraa godaansifamaa kan jiru, miliyoonaan kan baqatummaaf saaxilamee Biyya lammaffaatti hiraaraa jiru lammii keenya mitii? yoo yaada fedheenu adda baane, hiraarriin Ummata keenyaa akkamiin wal nu hin taasisu? Ummata kanaaf dhaabbannee jechaa akkamiin rakkoon ummata kanaa wal nu hin taasisu? amma yoomitti wal irratti hojjanna? jibbi namoota dhuunfaa qabsoo gufachiisuuf na hiriirsaa?

Humni Qaacaan of moggaase kunoo waggaa 12 lakkofsiiseera . micciiramni ega of baasee kunoo waggaa 4 guuteera . Micciiramni kaayyoo Ummataa gurguree Amaaratti galeen booda humni biroos keessaa ba’ee maqaa “marii Araaraa ” jedhuun ABO dhabamsiisuuf marxifatee kan hojjatuu ega umamee kunoo waggaan lakkaa’amee jira. Mee kan rakkoo keenya waggaa 100 duraa yaadachuu dadhabneyyu haa jennuu , miidhama waggaa 12n kana keessa kan nu irra ga’e irraa maaliif hin barannu? Ani yeroo tokko tokko gaaffii tokkon of gaafadha. Jibba Amma waliif qabnu kana diinaaf qabnaa? kan jedhu .

Namni baatii lameen kana waanuma Intarneeta irratti katabamu, Raadiyoo fi Tv Teekinolojii si’anaan tamsa’an dhaggeeffate ykn daawwate, Siyaasi oromoo addunyaa irraa eessa jira? jedhee of gaafatee , deebillee akka ofii laachuu hin dandeenye nan amana. Har’allee Hawaasni nuutii dimokiraasiif haaraa miti jennu, wal abaaru irra hin tarre . isa Qabsoo cichee amma humna isaa waa gumaachuu irra jiru cabsuuf yaalu irraa gadi hin teenye. Mee ilaalaa ….humni Oromoofan qabsaa’a jedhee lallabu waggaa guutu wayyaanee ummata keenya fixaa jiru dhiisee , obboleessa isaa irratti duula humna biraaf masakame gaggeessuun maal jedhama?

Mee fakkeenya kaafnee haa ilaallu ….. bakkuma jirru ilaaluuf……

“Marii Araaraa”

Barreeffamaan kanan dubbisee keessaa hedduu kan na raaje, osoo miila lamaan hin dhaabbatiin , warra Biyya isaanii keessatti dhiiga kafalanii of kabachiisanii Filannoo gaggeeffatan ilaalanii , hundee odoo hin godhannee dhaadannoo “Oromoo siyaasi siif taatu nuu harka jirtii . nuutuu siif furmaata”  warra jechaa jiraniidha. Mee ilaalaa , ofiifu Biyya lammaffaa keessa jiru . Ummata isaanii keessa hin jiranii , Ummataanis wal hin arganii , Ummati isaaniis saamamaa , hidhamaa jiraa ,,,,,,furmaata akkamii ta’uuf? warri har’a furmaata kana siif qabna jedhan, kaleessa obbolaa isaanii waliin warra Qabsoo kana hundeessee mitii? furmaati har’aa kaleessa eessa ture? mee ilaalaa, kaleessa dhaaba kana keessa taa’anii ABO malee karaa sirriin hin jiru jechaa kan turan, waggaa tokkotti geeddaramanii , teessoo kaleessaa galagalchuuf deemuun dhuguma Ummata kanaaf furmaata argamsiisuu irraa maddaa? kaleessa dhaabni isaan hundeessan Dinagdeen yeroo rakkatu waa tokkollee kan hin gumaachine, har’a akkamiin Dinagdee Addunyaa irra isaan naanneessu argatan? kaleessa Dirqamaaf yennaa ergaman mucaa koo, maatii koo jechaa kan turan , har’a maatii isaanii eenyutti laatanii socha’aa jiru? ani yaada isaanii fi adeemsa isaanii mormuuf miti. Hundayyu hojii isaatu isa baasa . garuu ummata kana akka masaqulaa akka barbaanne rarraaffanna yoo jedhan nama dubbachiisuun waan hin hafneefidha.

Warra karaa Nagaa jedhan …

Humni Biyya keessaa karaa Nagaa sochoona jedhu ammoo , humnoota kaleessa dhala OROMOO Biyya keessatti ficcisiisaa ture, arraba miidhagfatee , Badii Ummata kana irratti hojjateef dhiifamaa fi gumaa odoo hin baafnen, waliin ta’ee (Mararaa Guddinaa) Oromoo akka fedha isaa Biyya keessattii dubbachuuf kan hayyamamuuf , inni kaan garuu akkas yaaddeetta jedhamee kan itti hidhamu, Itoophiyaa haaraa ijaaruuf fira dhiisee halagaa waliin mari’atee biyyatti diibi’a.  Mee ilaalaa , Maqaa Oromoon Biyyaa ba’uun hin hafne , Dimokiraasiin isaaf hayyamame, halagaa haasofsiisuu malee dhaaboota Bilisummaa Oromoof falmanii miti . kun nama hin ajaa’aiibuu?

Biyya keessatti , dhaabbileen maqaa Oromoon jiran 4n tokko turan . har’a hin dhaga’aman. WFDO FI OBKOn baatii sadeen tokkoo dura walitti baquu labsanii turan . garuu kan Nama gaddisiisu, walitti baquun isaanii humna ta’anii ba’uuf odoo hin taane, Warra tokkommaa Itoophiyaa jedhanii kaayyoo isaaniin faallaa ta’anitti dhaqanii ruuqamuu isaaniiti .

Warra Kaayyoo gurgure …..

Kan jara kanaammoo waan salphinaatii . kaleessa  “JIJJIIRAMA”  ofiin jedhanii bara 2008 dhaaba keessaa of baasan . baatii 6 keessatti raajii finnaa jedhan . hubadhaa ! raajii isaan jedhan kun wayyaanee irratti injifannoo galmeesisu ta’uu hubadhaa . baatiin ja’as ni ga’e . waa tokko hin jiru. Inumaayyuu baatii ja’atti diigamuun dhufe . waan seenaa oromoo keessatti kan hin raawwatamne, wayyaaneetti harka laachuun dhufe . inumaa itti jabaatee waggaa tokkoo booda kaayyoon gurguramee , “ Dameetu foxxoqa malee , hundeen hin foxxoqu ” jedhanii Gaaffii Bilisumma fi walabummaa odoo adda hin baafannee, kaayyoo Qabsaa’oonni kumaantamaan itti dhuman Amaara sirna H/Sillaasee deebisuuf Ameerikaan oofamaa jirutti gurguran .

Yeroo kun ta’u , kanneen haa xiqqaattu qalbiin didde, warra Umama isaaniitii of danda’anii deemuu hin dandeenye, diinaan oofamu baran keessaa ba’anii humna Itoophiyaa Dimokiraatofte jechaa marii araaraa jedhutti makaman.Waan Nama raaju, warri miccirama keessaa OPDO-GINBOOT ta’an , dhufaatiin isaanii wal fakkaachuu isaaniti. Hundi isaanii Dargii fi wayyaanee kan tajaajilaniidha. Jalqaba Dargii kan ture, isa booda wayyaanee kan ta’e, achis ABO kan ta’e, isa booda micciirama kan ta’e , dhuma irratti GINBOT ta’ee kan salphateefaatuu keessa jira.

ABO FI QAACAA ….

Qaamni kun lameen seenaa jijjiiruuf tattaafatu . humna ta’anii ba’uuf hojjachaa jiruu gurraa qabna . waan kaleessaa irraa haa barannuu jedhanii , rakkoo kaleessaa keessaa ba’aanii caalaatti abdii ummatichaa ta’uu qophaa’uun ni dubbatama . kana gurri shira xaxxootaa fira fakkaatanii hin dhaga’iinii . diinni Biyya keessaa fi alaa akkaataa humna itti wal jijjiiranii umurii dheerefatan irratti halkanii fi guyyaa hojjachaa bakka jiranitti, rakkoo keessa ofii hatattamaan furatanii humna ta’anii ba’anii adeemsa diinaa dura dhaabbachuun dirqama yeroon hin kennamneef ta’uu namoonni hedduun yaada dhiheeffachaa jiran .

ULFO ….

Humni kun akka itti jiru Ummati Oromoo quba kan qabu natti hin fakkaatu. Sochiin isaa eessattii fi akkamiin? kan jedhuus gaaffii lammiilee Oromoo hedduuti.  ULFOn kaleessa humnoota Oromoo tokko taasisuuf kan yaadameedha. Garuu har’a dhaaboonni Oromoo hedummaachuu malee , heddummaachuu irra ammoo, wal diiguu irrattii bobba’anii jiraachuu yennaa ilaallu, dhaabni jedhamuu kun jiraachuun nama rakkisa. Garuu , IBSOOTA yeroo yeroo baasuun hin hafu . garuu …….maqaa qofaan eessa ga’ama? Dhaaboota siyaasaa Oromoo dhaaba kanaan hammatamu dubbatanis gonkumaa hin dhageenye. Dhaaboota tokkomsuu keessatti qooda gumaachees dhalootii har’aa gonkumaa dhaga’aa hin jirru . hanga kun hundi hin taanetti ammoo jiraachuun isaayyuu shakkisiisaadha.

MIIDIYAALEE OROMOO ….

Midiyaaleen Oromoo gumaachi isaan QABSOO OROMOOF QABAN dhaaboota siyaasaa Oromoon olii jedheen amana. Raadiyoo dhaabbilee dabalatee hundeen isanii bu’aa Oromoo ta’uu qaban jedha.  Kana irrattii hundaa’anii kan hojjatan hedduudha.   Har’a waan Afaan Oromoon katabamanii maxxanfaman, tamsa’an yoo hordofne waan nama gaddisisu waa hedduu taajjabna . waan Addunyaa mudatte Oromoos waan hin mudatiinif hin jiru . rakkoon har’aa ammoo bara baraan nu waliin jiraata miti . kanaaf ga’ee miidiyaa hubannee , “kan na arrabse irra, kan natti himeetu na ajjeese” akkuma jedhamu, waan ummata keenya abdii kutachiisuu fi siyaasaan xobbee ta’uu keenya waan mul’isan ummatatti baasu irraa of qusachuutu nu irraa eegama ture.

Beekaan keenya yennaa wal salphisu, halgaanis akkuma keenya afaan Oromoon katabuu fi dubbisuu akka danda’auu illee shakkuu dhiifne kan fira fakkaatee nu ajjeesaa jiru deeggarree guyyuu maxxansuun keenya ykn taamsaasuun keenya nama raaja. Keessattu web saayitiin ilman Oromoon irra jireessa daawwataman irratti beektoonni keenya yennaa salphifaman arrabsaman, nuuf jedhanii ykn ummatichaaf jedhanii umurii isaanii qabsoottii fixan yennaa salphifaman callisnee maxxansina ykn tamsaafna. Mee eenyuf jenneetu? numatu akkasitti hafaa? somaaliyaan dhumaatii isaanii irraa barachaa jira. Nuutis bor akkasuma. Warra Oromoof waan hin tollee hojjatanis ta’ee, warra lammii isanii arrabsan maaliif of irraa hin dhiifne? qoodi gaazexessaa wal mariisisanii walitti fiduu malee walirraa fageessudhaa? qoodii Oromummaa keenyaa malii? yoo of taane hojjanna ta’ee dimokiraasiin “fa….. ……you ” wal nama jechisiisu kan keenya mitii . kan warra safuu hin beeknee fi baalageeti . Dimokraasiin keenya safuu keenyadha. Haalli akkasii eessaanu nu hin ga’u. kanaaf Mooraa qabsoo Oromoo akka walitti ititee diina irratti xiyyeeffatuuf  ga’een miidiyaa oromoo ol aanaa ta’uu hubachuu nu feesisa.KEESSATTU DHALOOTA BIYYA KEESSAA DHUMAA JIRUUF, WAAN ABDI ISA KUTACHIISU TAMSAASUUN , HOJII DIINAA MALEE KAN FIRAA TA’UU HIN DANDA’U.

UMMATA BIYYA KEESSAA ….

Haallii ummati Biyya keessaa itti jiru kan nama boonsuudha. Keessattu dargaggoonni sochiin itti jiran hedduu nama gammachiisa. Har’a kan yeroo kamirayyuu caalaa jabaachaa fi diinaaf yaaddoo ta’uu isaaniin , miidhaan irra ga’uu ulfaataa jira. Miidhaan ykn gara jabinni diianaa gonkumaa duubatti isaan hin deebfne. Sochiin kun tokkummaa qabsaa’ootaan utuu utubamee Abbaa Biyyummaan ni dhahaatti turte .

HAWAASA BIYYA ALAA …..

Hawaasi Biyya alaa kan biyya keessaaf abdii ture . garuu amma galagalchii taate jirti . kan Biyya keessaa mirga isaa kabachiisuuf yennaa falmatu inni Biyya alaa wal kuffisuu fi afaan qabachuutti jira. Inni Biyya keessaa addatti dhalootii har’aa tokkummaa isaa cimsatee Oromiyaa keessatti falmaa hadhaawaa gaggeessaa wayita jirutti, inni alaa shiraa diinaa waggaa 100 duraan wal takaalee wal rakkisa. Biyya keessaa dhalootii har’aa Afaan TOKKOn dubbachaa wayita jiru kanatti inni alaa koo maa keessaa hafeen wal miidhaa jira. Dhalooti kaleessa mirgakeef ka’ii jedhame ka’ee Taankii dura dhaabbatee wayita falmaa jirutti, inni alaa kaleessa kakaasaa ture deebi’ee wal miidhuu fi furmaata isaatti balabala cufee taa’ee wal ilaala .

Hawaasii Biyya alaa irra jireessi, waan Biyyaa isa baasise dagatee lubbuu dheerachuu qofaaf jiraachaa jira. Of irratti amantaa qabaatee qabsaa’uu irra warra Angoof bololee wal qoodu waliin dibbee dhahaa jiraachuu filatee jira. Hawaasi biyya alaa kan of amanu irra , kan namaan oofamu ykn shiroota diinaaf balbala banatee mana isaa diiguu qofaa ta’ee jira yoo jedhame dhugaa irraa fagaachu miti .

OPDO……

Wayyaaneen OPDO wayita ijaartu mataa isaa Ummata oromoo birattii akka jaalatamuf miti . opdon ummata biratti jaallatamnaan ykn OPDOn ummata jaallannaan ABO ta’ee jedhanii amanan.  Kanaaf wallaalaa ummatuma miidhu ykn kan isaan jedhan qofaa fudhatu muudaa jiraatan. Kan qalbii horate ammoo ni ari’an . har’a garuu sabboontoonni dhaaba kana keessa jiran wayyaaneef rakkoo ta’anii jiran . kaleessa wallaalaa dogoggore akka diinaaf akka jirutti akka of laatuuf gargaaruun keenya, ari’amuu fi hidhamuu ykn halagaan OPDO dhunfachuu irraa olcheeraa? yoo jenne deebii hegareef tolu nu kenna . Dhaaboonni ykn sirnoonni maqaa Itoophiyaan ijaaraman hundi , toftaa siyaasaaf jecha dhaaba oromoo dhaabbatu. Nuuti woo ….?

OPDOn har’a gara ummata isaatti ykn gara wayyaaneetti citee hin jiru. Waan isaan baasu argannaan ykn karaa argannaan garuu har’a qalbiin isaanii gara itti deemtu mul’ataa jira. Namni bara baraan doofaa hin ta’u.
Qabxiileen mata duree gaggabaabduun kaa’e kun, dubbisuuf yeroo akka hin dhabneefan gaggabaabse. Waan keessa jirrus waan ta’ef ifuma .kana malees waggaa amma kana waa hedduu dhimma keenya irratti katabamus, innumtuu katabuyyuu rakkoo tokko ta’ee argamuutu ykn waan katabne taanee argamuu dhabuun hamilee na buusus gaaf-tokko nu gala ykn har’a ta’uu baatuu bor ni ta’an sarare. Kan amma ammaatti jiru keessa keenyadha. Waan kana hundaa walitti fiduuf hojii ammamii  , yeroo ammamii akka nu jalaa fudhatuachumaan herreegaatii , Hojii keessa keenyaati dabalata kan diinni itti jiru kanas mee ilaalaa ……

WAYYAANEE …

Wayyaaneen keessii ishee hanga fedhee laafatuyyuu kufatiin ishee jabiina mormitootaa irratti hundaa’a. wayyaaneen ummata callisiisuuf tarkaafilee humnaa haalaan itti fuftee jirti . caasaa mootummaa toftaa haaraan geeddaraa jirti . humna waraanaa jabeessaa fi humna tikaa bifa haaraan ijaaraa jirti . keessattu humnoota alaa biratti jaallatamuuf shiroota qabsoo ummatootaa irratti gaggeessitu daran jabeessitee jirti . holola Biyya keessaa qofaa tamsa’uun ummata jaamsuuf miisiyaa gara biyya keessaattii tamsa’an hundaa ukkaamsitee jirti. Dingadee Biyyaa saamuun haalaan babal’atee itti fufeera . walii gala wayyaaneen Biyyatti humnaan bulchuuf tarkaanfii dhumaa fudhachaa jirti .

Lafa oromoo waggoota 99f gurguraa jirti . halgaa qubachiisaa jiran . walitti bu’iinsa sabootaa uumaa jiran . Daanga keenya xiqqeessanii saboota nu marsanii jiraniin wal nu ficcisiisaa jiran. Meeqa lakkoofna …..

HUMNOOTA ALAA …..

Humnoonni alaa Qabsoo haqaa qabaachuu keenya odoo beekanii ammallee humnoota dantaa isaanii egsiisan kan biroo qopheessaa jiraachuun ifatti dubbatamaa jira. Dhaabilee oromoo gara garaas maallaqaan deeggaranii qabsoon Bilisummaa akka gufatuuf shira gaggeessuu ega eegalani bubbulanii jiran .

ESAT….

TVn kun deeggarsa Ameerikaan dhaabbachuu ifatti dubbatama jira. Akka ragaatti kaasuuf ODUUn wayita dubbifamu, kan Biyya keessatti aanee kan alaa yennaa dubbisan Filannoo ameerikaa keessatti gaggeefamu irratti gabaasaa bal’aatu dhihaata . kanaan ala dhihaatees hin beeku. Taammaanyi Bayyana kaleessa BIYERAAWWII TIYAATIR keessatti Afaan oromoo akka hin sirbamne miidhaa geesisaa kan ture, qoosaa jedhee DVD maxxansiisuu keessatti ykn Diraamaa hojjatamu keessatti maqaa oromoo wardiyaa fi hojjattuu mana keessaaf qofaa laachuun kan beekamun kan oofamu yenna ta’u akka walii galaatti Bilisummaa keenya irratti hammeenya ykn shira seenaan dhiifama hin gooneef nu irratti raawwachaa jiran.

Wayyaanee caalaa ummata oromoo arrabsaa jiran . warri kaayyoo gurgure kanneen akka  Kamaal Galtuufaa namoota akkasii waliin hiriiree qabsoo oromoo milkeessuuf wacabbara.

Egaa kun hundi waan nu eeggatuudha. Keessaas alaas waan jiru hundi yoo hammaate, diinaaf umurii kenna . kanaafn “LAKKII DHIIROOO” jedhe. Har’a diinni nutti heddummaateera. Hammeenyi ummata keenya irratti gaggeeffamus akka ija xaafii heddummaateera. Biyya keessaas alaas. Humna keessaas alaas. Kana dura dhaabbachuuf tokkummaa keenya barbaada. Yoo xiqqaate diina irratti walii galuu . yeroo diinni laafatutti , ofii jabaachuun gamnummaadha. yeroo diinni jabaatus , ofii jabaachuun bu’aa ni qabaata. Yeroon tattaafachuu hanqannee garuu , yeroo nuuti laafannutti diinni deebi’ee jabaannaan ADIYOOS.

VV.BRI (2005)
Gadaa.com 

No comments:

Post a Comment