Lammiileen Oromoo Ayyaana Irreechaa irraa Qabamanii Hidhaman Hatattamaan akka Gadhiifaman

               ADDA BILISUMMAA OROMOO

Lammiileen Oromoo Ayyaana Irreechaa irraa Qabamanii Hidhaman Hatattamaan akka Gadhiifaman

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Waggaa waggaan lammiileen Oromoo miiliyoonotatti lakkaayaman Bushooftuu Hora Harsadiitti bahanii
ayyaana Irreechaa mallattoo Oromummaa tahe ayyaaneffatu. Daawáttoonni biyyoota Awrooppaa, Ameerikaa fi bakkoota biroo irraa dhufan gariin ‘Afriikaa keessatti ayyaanni guddaan ummata miliyoonotaan
lakkaawamu hirmaachisu akkasii hin mulánne’ jechuudhaan guddina ayyaana Irreechaaf ragaa bahaa jiraachuunis beekamaa dha.

Sirna aangoo irra jirus tahee kannee Oromoon akka dirqiin Itoophiyummaatti amanu gochuu barbaadan
garuu ayyaana Irreechaa eenyummaa Oromoo calaqqisu kana irraa gammachuu hin qaban. Aadaa ofii isaanii dirqiidhaan Oromoo irratti feúu barbaadu malee kan Oromoo kanaaf dinqisiifannoo qabaachuun hafnaan bakka isaaf malu illee hin laanneef.

Sirnoonni Itoophiyaa haráas tahee kaleessaa ayyaana Irreechaa Itoophiyaa bira dabree Afriikaa maraaf boonsaa tahe kanaaf akka mootummaatti beekkamtii ayyaanummaa hin kennineef. Oromoon isaan bara baraan gad xiqqeessuu fi eenyummaa isaa ukkaamsuu barbaadan kana booda akka isaan jalatti jilbeenfatee buluuf hin jirre, walabummaa biyya isaa labsachuu fi bilisummaa isaa deeffachuuf qophii tahuu isaa itti garsiisaa jira.

Ayyaanni Irreechaa baranaas Fulbaana 30, 2012 Hora Harsadii irratti bifuma baratameen ummata miliyoonota hirmaachisee ayyaaneffatameera. Mootummaan Wayyaanee kan farra guddina aadaa Oromoo
tahe ayyaana kana gufachiisuuf jecha humna hidhataa lakkoofsa guddaa qabu ummatatti bobbaasuudhaan,
akkuma barate qooda fudhattoota ayyaanichaa hidhuu, uffannaa fi faaya aadaa shamarranii fi dardarran
Oromoo irraa saamuu, karaatti danquun bakka ayyaanaa hanqisuudhaan diinummaa ummata Oromoof
qabu baranas mirkaneesseera. Humni hidhataa Wayyaanee ayyaanota ummanni kabajatu biroof tajaajila
tikaa kennuuf yoo bobbaafamu gaafa ayyaana Oromoo garuu tarkaanfii reebichaa, saamichaa fi hidhaa
akka raawátuuf bobbaafama. Tarkaanfii farrummaa sirna kanaatiin ayyaana baranaa irratti lammiileen Oromoo lakkoofsaan dhibbaa ol tahan qabamanii achuma Bushooftuutti hidhamuun beekameera. Lammiileen
55 tahan ammoo Mana Hidhaa Maíkalaawiitti dabarfamanii “torchariin” akka dararaman godhamaa jiraachuun ifa taheea. Kun gabaasaa maddeenii kan hanga ammaatti qofa beekamee dha malee lakkoofsi ilmaan Oromoo ayyaana kana kabajaniif qofa yakkamanii hidhamanii kanaa ol akka tahuu dandaú
ni hubatama.

Miidiyaaleen idil addunyaa dhimmoota biraa waan xixiqqaa gabaasuun gurra nu duuchan Ilmaan Oromoo
dhibbaan lakkaawaman ifa gala akkasiin yeroo hammaaramanii hidhaman, reebaman, kudhanootaan
mana murtiitti dhihaatan irraa ija jaamfachuu fi gurra duuchattuu filattan isiniif qaanii dha jennaan. Jibbinsa
fi balfa dhimma Oromootiin afaan keessan lugamame irraa bilisoomtanii miidiyaa madalawaa hundaaf
akka tajajiltan wamicha isiniif goona.

Sirni Wayyaanee lammiilee Oromootiin maaf aadaa keessan kabajattu jedhee yoo hidhu, dararu, reebu, huccuu fi faaya aadaa irraa saamu kun kan duraa tahu baatu illee, tarkaanfiin sirnichaa kun hundinuu ummata keenya duubatti deebisuu hin dandeenye. Borus duubatti deebisuu hin dandaú. Mootummaan mirga aadaa anatu isiniif kabaje ofiin jedhu maaf aadaa keessan kabajattan jedhee lammiilee Oromoo qabee hidhuun mallattoo abdii kutannaa ti. Addi Bilisummaa Oromoo gochaa mnootummaa farrummaa ummta Oromoon guutame kana gadi jabeessee balaaleffata. Mootummaan Wayyaanee lammiilee Oromoo hanga ammaatti sababa kanaan bakka adda addaatti hidhee dararaa jiru hatattamaan akka gad lakkisus Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 01, 2012

To read the statement in Amharic click here The Statement in Amharic

No comments:

Post a Comment