WBOn Tarkaanfii Itti Fufe

(ABO)Fulbaana 29, 2012

Tarkaanfii WBOn Fulbaana 21,2012 Godinaa Wallaggaa Bahaatti fudhateen Loltonnii Wayyaanee afurfii fi dabbaalleen sirnichaa tokkoo hojii ala taasifaman. Humni Addaa WBO Waraanaa Wayyane daangaa Oromiyaa fi ummata Guumuz Onaa Yaasoo fi Onaa Haroo limmuu gidduu qubachuun Ummatotaa kanneen walittii buusuun dhiigaa wal dhangalaasisaa turan utuu isaan irbaata mana nama maqaan isaa Geetachoowu Ababee jedhamuu nyaataa jiranii Boombii itti darbuun loltota afur batalumatti ajjeesee jira.
Kanneen ajjeefamanis

1. Indaalee Baayyanee,
2. Ababee Alamaayyoo,
3. Ajajaa kudhanii Tasfaaleen Garbee
4. Fiqaaduu Galataa fi
5. Geetachoo Abbabee itti Anaa Bulchiinsa Onaa Yaasoo ti.

 Kana malees humni addaa WBO Fulbanaa basaasaa Wayyaanee Godina Wallaggaa Bahaa Onotaa garaagaraa fi Godina Lixaa shawaa Amboo, Onotaa akka Gudar, Calliyaa (Geedoo), gidduu deddeebi'un waan ummaannii kessaa jiruu fi sabbontota Oromoo Godinaa Lameen irra jiraan hordofuun gabaasaa ture, Geetachoo Adaanuu Jedhamuu irrattii Onaa Diggaa saasiggaattii Fulbaana 24, 2012 tarkaanfii mayyii irraattii fudhateera.

No comments:

Post a Comment