Rakkoo "Garee Shanaffaa" Qabsoo Bilisummaa Laamshessaa Jirurra Aaanuu

Gaachana Oromiyaa tiin /Onkoloolessa 29/2012 

Tokkummaan dhaabbilee siyaasaafi miseensota isaanii, akkasumas tokkummaan ummata Oromoo waliigalaa qabsoo Oromoo galmaan ga'uu keessatti barbaachisaa akka ta'e dubbii haallamuu hindandeenye.

Garuu wayita waa'ee tokkummaa haasofinu wanti tuffannee irra taraa jirru nijira. Wanti irra darbaa jirru kunis bilisummaa ummanni Oromoo, yoomirrayyuu amma caalatti dheebotee jiru, warra qancarsaa, balleessaa, xureessafi xireessaa jirani. Rakkoon kun sochii ummatoota biroo cunqursaa hamaafi kolonii jala turan keessatti rakkoo "garee shanaffaa" (the problem of the fifth column) jedhamuun beekkama.

Gaffiiwwan Ijoo:

Oromiyaafi biyyambaa keessatti, "garee shanaffaa" akkamitti hiikkanna? (garee shanaffaan maali?)


Warri garee shanaffaa walumaagalatti eenyufaadha? Amala maali calaqqisiisaa jiru?

Guutumattillee gaaffiiwwan kanneen gadifageenyaan deebisuunis dadhabamu, barreeffamini kuni yaadota ijoo gaaffiiwwan kanneeniin hammataman xiinxaluu yaala. 

Maalummaa Garee Shanaffaa 

Rakkoon garee shanaffaa qabsoo farra-gabrummaa keessatti biyyoota ardii Afrikaa kolonii jala turan keessattis ta'e, biyyoota ardii biroo kan akka Laatiin Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa gara bahaatti argaman keessatti, akkasumas Eziyaa keessatti guddinaan mul'atee ture. Garee shanaffaan ammalli waloo inni agarsiisu inni guddaan ummatuma gabrumaa jala jiru keessatti of gurmeessee ykn bifa nam-tokkeetiin diina wajjin tokkumaa ifaa ykn tokkummaa lafajalaa uummatee qabsoo haqaa balleessuudha.

Amalli garee shanaffaa guddaan inni lamaffaan gadaantummaa xiinsammuuti. Gaadantummaa xiinsamuu garee shanaffaa kana faranjiin "Stockholm Syndrome" [Mallatto Istookolm]. Kana jechuun, garee shanaffaan warra isaan booji'ee ofitti madaqiseen walfakkaachuu yaalu.Sirna gadaantummaa mataa kana keessatti booji'amaan (garbichi) ykn tajaajilaan diinaa warra isa booji'e jaalata. Ummata isaarra gooftota isaatiif akka sareen warra isheetiif amanamtu amanama/mti. Gadaantummaan itti dhaga'amu kunis yaada sababii hinqabinerraa madda. Jarri kuni qabsoo Oromoo keessatti "buchiloota ykn lukeewwan diina, kittilayyota" jedhamu.

Rakkoon garee shanaffaa Qabsoo Oromoo keessa hinjiru jedhanii yaaduun of goyyoomisuu, ykn immoo mirqaanaa hubanno-dhabeessan guutamuudha. Eeyyen, garee shanaffaan waggooti dhiyooti asittis ta'e waggoota 21 darban keessa biyyattis biyya alaattis baayyachaa jiru.

Hiikini idilee "Garee Shanaffaa"  isa asii gadiiti:
  ... garee namootaa ummatichuma keessaa bahanii/taa'anii icciitiidhaan fedhii  ummata isa guddaa warra duradhaabbatu yk qancarsu ykn balleessuu yaalu...Garee shanaffaan gurmuu namoota iccitiidhaan [ykn ifaan) kaayyoo diinaa warra dinqisiifatan, deeggaraniifi hojiirra oolchani. Tooftaan inni ijoon garee shanaffan dhimma itti ba'u,  deegartota diinaa ummata fi dhaabbilee siyaasa ummata bal'aafi haqaa  keessa lixuun   diina tajaajiluudha.  Afaan Ingiliziitiin hiikaa bal'aa garee shanaffaa argachuuf, as dubbisi. 
Oromiyaafi Ambatti Hojii Garee Shanaffaa Qabsoo Daddaaqisuufi Qancarsuurratti

Oromiyaa keessatti garee shanaffaan akka dhaabatti Adda Bilisumma Ummata Tigireetiin ijaaramee qabsoo Oromoo qancarsuufi garadabarsuurratti ifaan kan hojjetaa as gahe Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo (DhDUOdha). Akka garee shanaffaatti hojjechaa turuun DhDUO waan ifatti ummanni Oromoo hundi beeku. Kanaafuu, asitti  waa'ee Dhaadiyoo kanuma eeree irra darbuun fedha.

Dhimmi yaachisaan baroota dhiyoodhaa asitti mul'achaafi margaa jiru garuu rakkoo garee shanaffaa mooricha qabsoo biliumumaa Oromoo keessaa warra waggoti kurnoota baay'eef hirmaachaa turaniiti. Garee Shanaffaan keessa qabsichaatii madde kaansarii hamaa ta'aa odoo jiruu, dhimmi  kun akkamitti osoo hinaka'in har'a ga'e?

Bara kana keecha garee shanaffaan mooraa qabsichaa keessatti iccitiin ijaarraman amaloota ijoo muraasaan beekkamu: i) cimsanii waa'ee waggaa 40 darbeef qabsoon Oromoo bu'aa agarsiisuu dadhabuu irraa haasa'u; (ii) waa'een rakkoo garee shanaffummaa isaanii yoo ka'e, tokkummaa keenya diigufi jedhanii watwaatu; (iii) Itoophiyaafi Itoophiyummaa akka waan rakkoo hinqabineetti keessafi ala isaanitti uffatanii deemu--warruma Amaaraafi Tigireerrayyuu Itoophiyummaan caalanii mul'atu (iv) akka garee fooyya'oo mara-adunyaattti (global) ykn akka garee naannootti (regional) godhanii of dhiyeessu; (vi) umna gantoota heedduu barataniifi duraan qabsicha keessaa mufatanii ba'aniitti dhimma ba'u; (vii) horiin isaan ittiin hojii garee shanffummaa isaanii hojjetaniin horii kallattiidhaan mootummaa Itoophiyarra itti ergamu ykn maallaqa jabaa biyyoota warra lixaatiin iccitiin itti kennamu.  Amaloonni kunneen gaaffii: "Garee shanaffaa akkamittan garee dhugaarraa addaan baafadha?" jedhuuf deebii ta'u.

Garee shanaffaan bara kanaa ummatichuma keessaa akka muka qottotti sababa biqileef,dhugumaan kaayyoo Oromoon bilisummaa Oromiyaatiif qabu dura dhabbata jedhanii mamuun rakkisaadha. Bifa garrarraa uffachuun qabsoo dhugaan of fakkeessanii ummata raatessu. Kanneen isaanii maqaan isaan dhaaba isanitiif moggaafatan guutumatti maqaa dhaaba haqaa waliin walfakkaata. Gochi isaanii garuu gocha diinati. Maqaan otoo hintaane, waan godhaniin adda ba'u. Yoo namini isaan shakke ykn  isaan qeeqe garrarroonni holola banuudhaan amala namaa ajjeesuurratti xiyyeeffatu. Oromoodhaaf isaan malee Oromoon biraa beekufi akka hindadeenye akka hundabeektotaafi hundadanda'ootatti of dhiyeessu. Isaan yoo badan, qabsoonis nibada itti fakkaata. Aangootti ofumaaf cichu malee dhaloota haaraa ofitti makuus ta'ee leenjisuuf fedhii hinqabani. Yoo ofitti makakanis akka daballee jalee hojii isaanitti dhimma ittiba'uufi.



Garee Shanaffaa Biyyaa Keeyisaa

Warri garee shanaffaa biyya keessaa kalattiidhaan diina wajjin hojjechuudaan Oromoo hiisisuu, ajjeechisu, qee'erraa buqquisuufi dhibeewwaniifi beelaf isaan saaxilurratti hojjetu. Ummata Oromoo ummata ollaa isaa biroo wajjin walittibuusuuf ajaja gubbaadhaa wayyaaneen itti kennitu bobaa jala kawwatanii deemu.

Ofii abbootii fooqii gurguddaa baay'ee, daldalaafi qabeenya jall'inaan argameeti jarri kuni. Afaan Oromoo dubbatu, dhiiga Oromoo qabu, maqaa Oromoo qabu, uffata aadaa Oromoo uffatu; garuu immoo, Oromoo dararanii dararsiisu, ajjeesani ajjeechisu. Tasumayyuu haamileefi dhama dhala-namummaa if kessa hinqabani. Isaan akka bineensati--har'a nyaatanii har'a du'uu fedhu. Boru hinlaalani. Of jibbu, alagaa jaalatu. Gooftaa iaanii of caalaa jaalatu. Nama alagaa nama isaanii caalaa jalatu, kabajusi.  Naminiifi Waaqini/Rabbi maal naan jedhaan tasumayyuu keessa isaanii hinjiru. Masgiidafi  Manakiristaanaa deemu, garuu amantii hinqabani--amantiin isaanii akka bulguu dhiiga qulqulloota dhangalaasudha. Asitti maqaafi jarmiyaa isaanii tarreessuuf iddoonuu nun hinga'u; barbaachisaas miti. Isaanuu of beeku.

Garee Shanaffaa Biyya-Alagaa

Lammaffaarratti immoo garee shanaffaa biyya ambaatu jira. Isaan kuni waggaa afran darban keessa umnaafi onnee guddaa horachaa jiru. Akka qoree dhoqqee keeyisaa hawaasafi qabsichuma keeyisa dhokatanii jiru. Diinota keessati. Akka jarmiyaatti, jarmiyaa sadi'i isaan jalatti sosso'an maqaa dha'uun nindanda'ama: warra wayyaaneen karaa imbaasii Itoophiyaa alatti ergamanii ummata diigan; warra 2008 Jijjiirama jedhee of moggaasuun murna WBO-ZK hidhannoo guutuu wajjin diinattii dabarsanii kennan; warra bara 2012 keessa Waltajjii Marii Oromoo jedhanii of moggaasuun biyyoota adda addarra kaatanii maqaa ofii of guddisuun maqaa ABO isa duraaniifi warra isa hogganaa jiranirratti hololaafi ajjechaa amalaa geggeessaa jirani.

Gareen alaa inni biraa immoo garee maqaa barnoota olaanaatiin biyya Ameerikaafi Awurooppaatti OPDO dhaan ergamanii akka barbaadanitti dhugaa jallisaa, maqaa Itoophiyaa jedhamu guutumatti marxifachuun barreessaafi hololaa warra jiran. Akka garee kanaatti Oromoon rakkoo tokoyyuu hinqabu, fuulduratti deemaa jira. Akka garee kanaatti, Tigireen Oromoo bilisoomisite malee hingabroomisine.Raajidha! Dhaloota akkamitu as bahaa jira?  Gareen shanaffaan OPDO barnoota olaanaa fedhii ummata Oromoo bal'aa wiirtuu osoo hingodhatin, garuu immoo waan Oromoof dhaabbatan of-fakkeessanii  diinaaf hojjetu. Kuni beekas wallaallumaanis ta'uu mala, ykn dantaa ofii guddisuu hordofuurrayis (ayyaan-laalatummaarraa) dhufuu mala.


Rakkoo Garee Shanaffaa Irraanuuf  Wantoota Dalagamuu Qaban

Ummanni garee shanaffaa of keessa qabu osoo garee sanarra hinaanin bilisummaa goonfachuu hindanda'u. Kana barattoonni Warraaqisaa sirriitti beeku. Garee shanaffarra aanuuf, furmaatota jiran bikka lamatti hirra: furmaata laafaa; furmaata keessa deebii hinqabine (furmaata jabaa).

Garee shanaffaa biyya keessa Oromoo hiisisaa, ajjeechisaa, shororkeessaa, dubartoota dirqisiisee gudeechisiisaa jiruratti, furmaanni jiru guutumatti garee kana karaa danda'ame maraa hojiin ala taasisuudha. Kuni furmaata keessa deebii hinqabine.

Warra Oromoo dhugaa ta'anii biyyatti wallaalummaan diina tajaajila jiran immoo hawwachuun qoratanii gara qabsootti makuun furmaata laafadha.

Warra biyya amabaa keessatti maqaa Itoophiyummaafi kaayyoo Itoophiyummaa geggeessuuf walitti dhufanii jiran, dura furmaanni laafaan yaalamuu qaba. Akka gara qabsoofi kaayyoo bilisummaa Oromiyaa deebi'an waamicha dhiyeessuufidha. Waamicha dhiyaateef tuffatanii maqaa ummatichaatiin akka garee shanaffatti ijaaramanii diina yoo tajaajilu ittifufan, ummanni Oromoo tokko ta'e fudhatama isaan dhabsiisuu qaba.Karaan ittiin isaan fudhatama dhabsiisaan inni guddaan tokko walga'ii isaan waaman dhaquu dhiisuudha; irraa hafuudha. Horii gumachufii diduudha.

Xumura: Garee Shanaffaan Dhabamuu Qaba

Walumaagalatti, maqaa tokkummaa eeggachuuf jedhamee diigaa gareen shanaffaan alaafi kessatti geessisaa jiru tuffatanii bira darbuun fedhii ummanni Oromoo bal'aan Bilisummaa Oromiyaatiif qabu dhiitudha. Dargaggoonni Oromoo biyyaafi ala jiran eenyurraa ajaja akka fudhatanii qabsaa'uu qabaniifi dhaaba kam jala hiriiruu akka qaban qulleessanii beekuu qabu. Akka amma walmarqee jirutti diinafi fira addaan baafachuun biiyya-ambaas ta'e Oromiyaa keessatti rakkisaadha. Wanti isaan hojjetan garuu warra garee shanaffaa haalan saaxila--kanaafuu hojii isaanitiin isaan baruu dandeenya. Garee shanaffaan hojii isaanitiin adda ba'u. Eenyu akka ta'an baruuf hojii isaanii laali. Maqaa isaanii hinlaalin, uffata isaanii hinlaalin, beekumisa isaanii hinlaalin , dhiiga isaanii hinlaalin--hojii isaanii laali malee.  Gareee shanaffaa ballessaatuma qabsoos waliin ittifufuun feesisaadha. Qabsoon garee shanaffaa baleessuu qofarratti xiyyeeffachuu hinqabu. Adeemsa barbaacha bilisummaa keessa, garee shanaffaa balleessunis walfaana jiraachu qaba malee.
Oromo Press

No comments:

Post a Comment