Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversity Jimmaa Itti Fufe

Sadaasa 20,2012 Jimma

Gabaasaa FDG, Sadaasaa 17,2012 University Jimmaattii Diddaan Gootota Baratoota Oromoo Jabaatee itti fufuun Lukkeelee Dinaa Raasee! Gototni Barattootaa Oromoo University Jimmaa FDG jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusuun gabaafame.

Moraa University Jimmaatti Mummee barnotaa Tekinolojiii [enginering}, Mooraa Kittoo Furdisaa irraa barachaa jiraan Sadaasa 17,2012 galgalaa sa'aa 2:00 irraa egaluun Sirbotaa Warraaqsaa nuti Qeerroon Goota gurbee garaan kee maal sii kajeelee fi walleelee warraaqsaa adda addaa sirbuun Qeerroo moraa yuunversitichaa dammaqsuun diina rifaasisaaa akka bulan beekameera.

Sababni galgala keessaa sa'atii sanattii FDG egalchiisee , torbee darbee Filmiin Bidiruu jaalaala, Mooraa University Jimmaa isa Guddaa[main campus] keessaatti agarsiifame ture, kaleessaa galgala immoo damee Yuniveristichaa kan kittoo furdisaatti Argamuttii Filmiin Afaan Oromoo kun argarsiifamuuf, wayita jiruttii lukkeeleen Wayyaanee akka Filmiin kun hin agarsifamne dhorkan.

Torbaan darbe keessas baratootni filmii ilaaluu dhiisanii Waraqaa warraaqsaa raabsuu fi Sirbotaa nama kakasuu sirbuun FDG nurraatti kaasaan, kanaaf iyyuu Filmiin afaan Oromoo hin agarsifamuu jechuun dhorkaan, kana sababbeeffaachuun goototni baratoota Oromoo, Sirna Abbaa irree Adaa fi Afaan sabaa keenyaa akka hin guddaannee fi Oromoon jireenyaa gadoo keessaa akka jiratu kan gochaa jirtu, hubachuun diddaa cimaan duraa dhaabbatan, Filmiin kunis duraa dhaabbaannaa baratootaan ilaalame, wayita Filmiin kun ilaalamuttii Qeerroon gaaffiilee mirgaa hiree murteeffaannaa Oromoo baratootaa keessaa facaase, saboontotni Oromoos sirbotaa Warraaqsaa sirbuun diina akka qaanessan qeerroon gabaasa.
Qeerroo 

No comments:

Post a Comment