Humni addaa WBO Godina Wallaggaattii Haxxeen Diina Haleele

Madda Oduu ABO/MOA

Sadaasa 17, 2012

Gootichi WBO Sadaasa 13, 2012 Godinaa Baha Wallaggaa Ona Haroo Limmuu bakkaa Gaattiraa Danbii jedhamutti waraana Wayyaanee maqaaa sakattaan ummata dararuuf bobba'e irratti tarkaanfii fudhateen loltoota diinaa 4 oggaa ajjeesu 6 madeessee jira. Ajajaan humna Wayyaanee Taaddalaa Tsiyoon jedhamu kanneen madaa'an keessatti kan argamuu fi haalaan madaa'u gabaasi WBO Godinaa Baha Wallaggaa addeessa.

Mootummaan rukuttaa humna isaa irra gaheen rifate yeroo ammaa humna waraanaa dabalataa gara godina Bahaa wallaaggaatti guuruun nannoo Abbaa mo'aa qubsisaa jiraachuun gabaafamera. Kana malees mootummaan abbaa irree kun haala naannoo kanatti tahu irraa baaragee gutummaa Godina Bahaa Wallaaggaa fi Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaattii duula hidhatootaa Gandaa irraa Meeshaa hiikkuu gagggeessuuttii argama. Humni poolisaa Federaalaa fi poolisa naannoo kan hiikkachiisaa jiran hidhattoota dhalootaan Oromoo tahan irraa ti. Kana waliin gabaasni WBO ilmaan Oromoo miseensa poolisaa tahanii tarkaanfii fudhatamaa jirru hin deggerres hiikkachiifamaa akka jiran hubachiisa. Ummata Oromoo hiikkachiisuun meeshaa maleeyyii taasisanii bittaa isaanii itti fufuuf shira Wayyaanotaan Oromoo irratti hojjatamu kana ummatni akka dura dhaabbatuu fi hin hiikkanne Qeerroon Godinaa Baha Wallaggaa kakaasaa akka jiru gabaasni WBO ni hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment