Kan Taa’u Hin Gufatu

Malkaa Caffee: Sadaasa 2, 2012 

Qabsoo Bilisummaaf waadaa seente eegdee,
Jireenya dhuunfaa kee kan sanaaf wareegde.


Yaa qabsaawaa haqaa kan sabaaf dhaabattuu,
Hamilee kee hin tuqin gochi ayyaan-laallattuu.


Hanga ergama kee kabajaan raaw’attuu,
Obsaan tarkaafadhu gufuunis baay’attu.


Guggufachuun kan kee sossoha keeti ibsaa,
Yoo irraa waa baratte duranaaf si cimsaa.


Kan warraaqu malee Kan Taa’u Hin Gufatuu,
Sammuu yaadu malee dhagaan hin hubatu.


Gurra irraa cufadhu warra taa’ee fagu,
Yeroo kee qisaasuu, hojii kee si daguu.


Isaan qabsoo dheeyfa bakka oduu reebanii,
Ati hojiidhaan qolchi isaan haa xeebanii.


Malkaa Caffee
Sadaasa 2, 2012
Malkaacaffee@gmail.com

No comments:

Post a Comment