OLF: Remembering the 7th Anniversary of the Declaration of the Popular Uprising in Oromia

The following is a press release from the Oromo Liberation Front (OLF) on the remembrance of the 2005 Peaceful Revolt Against Subjugation In Oromia 

Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) Hanga Bilisummaa Oromiyaatti Jabaatee Itti Fufa
                                          (Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Gaafa: 06-11-2012                                                                                             Lakk.: 018/stm-abo/2012

Sadaasni 9, bara 2005, labsa Adda Bilisummaa Oromoo irraa dhihaateen guutuu Oromiyaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa bifa duraanii caalaatti qindaawaan guyyaa itti labsame dha. Hará Sadaasa bara 2012 irra dhaabbannee waggaa torbaffaa labsii FDG kanaa yaadachaa jirra.

Sadaasa 9, bara 2005 fincilli kun maaliif bifa qindaawaan labsame? Gaafas haala akkamitu ture, hará hoo haala akkamitu harkaa nu qaba? Fuulduraaf hoo maaltu mala? Gaaffiilee kana gabaabsanii deebisuun barbaachisaa taha. Ummanni Oromoo diina irratti kan finciluu eegale akkuma humna qawweetiin cabee jilbeenfachiifameen ture. Fincilli diddaa gabrummaa Sadaasa 9, bara 2005 wayta labsametti Itoophiyaa keessatti oduun belbeltuun dhimma itti baha filmaata wayyaanee bara sanitti geggeeffamee turee ti. Filmaata sana keessatti sagaleen Oromoo ukkaamamaa ture. Sagaleen humnoota siyaasaa filmaata san keessatti aangaée dhagahamaa ture sagalee paartii biyya bituu fi kan dhaaba mormituu barasii ‘Qinijjit’ jedhamuu qofa ture. Bahii filmaataa irratti wal falmiin humnoota kana lamaan gidduu ture QBO waggoota kudhanootaaf geggeeffamaa ture irratti gaaddiddeesse. Gaaffiin siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru kanuma humnoota lamaan filmaata irratti hirmatanii qofa akka tahe fakkeesse. Falmaan qabsoo fi sagaleen diddaa ummatoota cunqurfamoo ni ukkaamame.

Haalli sun bifa sanaan yoo itti fufe adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoof balaa guddaa qabaata ture. Sana hambisuuf jecha sagaleen Oromoo ukkaamsaa keessaa baafamee dhagahamuun fardii tahe. Sagaleen qabsoo Oromoo kan warra biyya bulchuus tahee kan warra aangoo kaleessa harkaa buute deeffachuuf Wayyaaneen falmaa turee san irraa adda tahuu addunyaa hubachiisuun dirqama guddaa tahe. Kana irraa kaúun ture kan Addi Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9, bara 2005 bifa qindaawaan Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) labse.

Fincilli labsame sun sagalee ummata Oromoo kan walitti waca humnoota lamaaniin ukkaamfamee ture deebisee dhageessise. Hamilee ummata Oromoo caphee ture deebisee dhiinse. Oromoon sagalee of dandaé kan gaaffii mataa isaa irratti hundaawe qabaachuu isaa bifa qindaaween bahee akka labsatu qaceelche. Mootummaan Wayyaanee oduu deemsa fincila sanii dhoksuuf guddoo tattaafatu illee, miidiyaaleen addunyaa haala Oromiyaa keessa tureef xiyyeeffannoo kennanii gabaasaa turuun ni yaadatama. Mataan Wayyaanee gaafasii Mallas Zeenaawii, biyya keessatti dhimma FDG Oromiyaa keessaa dhoksuuf haa yaalu malee, mootummaa Ameerikaa waliin dhimma san irratti jabeessee mariátaa ture. Mormii Oromiyaa keessatti dhoowe saniin yaaddoo guddaa seenuu isaa karaa embaasii Ameerikaa Finfinnee keessa jiruun iyyachuu isaa wikileaks dhiheenya kana saaxiluun hin dagatamu. Fincilli Oromiyaa balóo keessatti guyyuma takkatti dhoohee dhagahame sun lammiin Oromoo hangamuu fageenya lafaatiin addaan haa jiraatu malee fedhiin isaa tokkicha tahuu diinaafis firaafis mirkaneesse. Fincilli kun hiriira bahanii sirna nama nyaataa balaaleffachuu, barnootaa fi hojii dhaabuu, gabaa lagachuu fi tooftaalee kana fakkaatan biroos kan hammate ture.

FDG keessatti wareegamoonni qaqqaaliin kafalamaniiru, harás kafalamaatuma jiru. Keessumattuu dargaggoonni Oromoo ummata isaanii baláaf fakkeenya tahuudhaan gatii bilisummaan gaafattu baasaa turan, harás baasaa jiran. Gucni falmaa qabsoo qindaawaan guyyaa sana qabsiifame hanga haráattuu bobaée diinota gubaa jira; lammiif ammo ifaa hin dhaamne tahee jira. Kanneen fincila kana keessatti bakkoota Oromiyaa adda addaatti wereegaman, qaamaa hirátan, hidhaadhaan hiraarfamanii qabeenyaa itti saamaman bara baraan yaadatamoo dha.

Hará waggaa 7ffaa fincila kanaa yeroo yaadannu maal keessa jirra jennee gaafachuunis barbachisaa dha. Hará haala daranuu fincilaa fi qabsoo walii galaa bilisummaaf taasifamu daranuu finiinsuun dirqama tahu keessatti argamna. Ukkaamsaa fi saamichi ummata keenya irratti diinaan geggeeffamaa jiru harás ni hammaate malee hin fooyyofne.

Oromoon har’a diina aangoo irra jiru qofaan osoo hin taane kan aangootti bahuuf abjoochaa jiruunis ija hamaadhaan laalamaa jira. Mirgoonni sabni keenya qabsoo isaatiin hanga tokko kabajsiifate illee akka
haqamee bakkuma kaleessaatti deebiúuf shirri lafa jala shiramaa jiru salphaa miti. Mootummaan aangoo irra jiru ummata Oromoo akka diina innikkaatti fudhatee mataa ol qabachuu dhorkuutti jira. Kan biraa
hafnaan miseensonni OPDO kan sirnacha waliin dhaabbatan illee osoo hin hafne akka Oromootti tuffatamaa
jiru, hiree aangootti dhufuu dhorkatamaniiru, mirgootuma heeraan qaban illee akka dhimma itti hin baane moggeeffamaniiru.

Kanuma cinaatti duula maqaa amantiitiin Oromoo irratti xiyyeeffatee geggeeffamaa jiru kaasuun dirqii taha. Mootummaan Wayyaanee hawaasa Muslimaa mirga walabummaa amantiif falmachaa jiru maqaa biraa itti maxxansuun rukutaa jira. Kaayyoon duula kanaa amantii Islaamaa qofa irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane amantoota dhalootaan Oromoo tahan dhawuuf kan akeekkate tahuun dalagaadhaan mulátaa jira. Hanga ammaatti haleellaa maqaa duula farra amantii kanaan taasifame keessatti kan rukutamaa jiran ilmaan Oromoo ti. Arsii Gadab Asaasaatti, Finfinneetti, Wallo Garbaa fi Kamiseetti tarkaanfiin ajjeechaa fudhatame kanaaf ragaa dha.Akka waan musliimni Oromiyaa keessa qofa kan jiraatu taheetti haleellaan kun Oromiyaa keessatti murtaawuun Oromoo maraaf ergaa dabarsu qaba. Akkas yoo jennu garuu nageenya hawaasa musliimaa Oromiyaan ala jiraatuuf dhimma hin qabnu jechuu akka hin tahin jabeessinee hubachiisuu feena.Mootummichi Oromoo rukutuuf hawwii qabu dhugoomfachuuf gaafa fedhe maqaa ABOtiin itti dhufa, gaafa biraas maqaa amantiitiin rukuta.

Walumaa galatti haalli hará ummatni Oromoo keessa jiru haala daranuu fincilaa fi tooftaa biraa illee jabeeffatanii roorroo kana of irraa qolachuuf marxifatanii ka’anii tahuun eenyufuu ifaa dha. Fincilli diddaa
gabrummaa Sadaasa 9, bara 2005 bifa waaltawaadhaan itti fufame waggaa torba booda harás daranuu
hundee jabeeffatee fi bal’ífatee itti fufuun filmaata jiran keessaa tokko tahee jira. Mirgi ummata keenyaa
dhiitamaa jiru kan kabajamu kadhaa fi magantaan osoo hin taane diddaa diinaaf qaban jabeessanii agarsiisuu
qofaani. Wareegamni gootonni Oromoo gaafa Oromiyaan harka alagaatti kuftuu qabee baasaa jiran kan firii godhatu dhaloonni amma lubbuun jiru diinaaf sarmuu didee fincila yoo finiinse qofa. Baayínni ummata Oromoo fi balínni Oromiyaa gatii fi kabajaa isa madaalu kan argatu yoo gurmoofnee jaaramnee hanga geenyu diinatti garsiifne qofa. Kanaafuu, waggaa 7ffaa FDG yeroo yaadannu kanatti hamilee qabsoo irra jabaa horachuudhaan gurmuu tokkoomfannee diina irratti xiyyeeffachuun kan wal nama hin gaafachiifne taha.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa bara 2012
Click here to read the statement in Amharic

No comments:

Post a Comment