Wallaga, Aanaa Anifilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Daandiin Konkolaataa Cufame

Sadaasa 05,2012 Naqamte (Qeerroo): Gabaasaa Qeerroo Qellem,Anfilloo irraa haaluma arman duraa irraa adda kan taanee haala raafamaa fi sodaa mootummaan wayyaanee ona sana irratti qabuun wal qabsiisee har’a Sadaasa 4 addeessuun sadaasa 1 kaasee dargaggoota fi uummata isaaf amanamoo ta’an walitti waamuudhaan walgayii adeemsisaa turuun akkasuma itti fufee akka adeemsifamaa jiru gabaasaan Qeerroo addeessa.Dhimmi walgayii isaanii kunis haala sochii ABO ilaalchisee biyya keessatti hojii gaggeessa jiru keessattuu kunoo miidiyaa isaaniitiin haala sochii mootummaan keenya qabu kan aanaa keenyaa kana miidiyaadhaan darbaa jira, kun ammoo qaama biroo osoo hin taanee nu keessaa kan ABOdhaaf basaasaa jirutu jira, kana akkamitti qorannoodhaan bira geenya, kana qofa miti kaayyoo mootummaan diriisree jiru ammallee fesheleessuuf sochiin isaanii jabaataa jira haala kana irratti hammam qophii qabdu jedhuun walgayii kana irratti mata duree godhatanii gaggeessaa akka turan gabaasaan addeessa.Itti fufee Sadaasa gaafa 3 ona Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Abbush jedhamu loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Kana malees daandiin konkolaataa ganda sana keessa darbee gara Gambeelatti geessuu uummataan cufamee konkolaataan akka hin dabarree ta’eetu jira,kana qofa osoo hin taanee dargaggoonnii fi uummanni aanaa sanii walii galatti mootummaa balaaleffachuu irraan kan ka’e Sadaasa bultii 3 irraa kaasee waraqaa mallattoo dhaabaa qabu babarreessuudhaan suuqii, mana barnootaatti maxansuudhaan, waajjiralee garagaraa biratti agarsiisaa akka jiran gabaasaan addeessaa jira. Akka gabaasaa Qeerrootti sochiin uummataa fi dargaggootaa barattoota waliin daran aanaa Anfiloo irratti jabaachaa akka jiru gabaasaa hima.

Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!
Qeerroo

No comments:

Post a Comment