Balaa Garba Irratti Baqattoota Oromoo fi Lammiilee Biroo Mudate Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

A Press release from Oromo Liberation Front , To Read the Press Release In English Click here and To Read The Press Release In Amharic Click Here
                       
                                   ADDA BILISUMMAA OROMOO

Gaafa: 21 Muddee 2012


Torbaan dabre kana keessa baqattoonni dhibba tokkoo olitti herregaman bulchiinsa Punt Land Bosaasoo irraa dooniilee lama koranii osoo gara Yamanitti yabalanii garba irratti dhukaasa itti banameen irra hedduun isaanii dhumaniiru. Baqattoota kana irra balaan kana fakkaatu yoo gahu kun kan duraa miti. Kumoonni baayéen waggoottan dabran keessatti bifa kanaan galaana kana keessatti dhumanii irbaata qurxummii tahaniiru. Irra hedduun baqattoota gara Yamanitti bahuuf osoo tattaafatanii galaana irratti dhumanii kun ammoo Oromoo dha. Balaa dhihoo kana mudate keessattis gaaga’amtoonni irra guddaan baqattoota Oromoo ti.

Baqattoonni Oromoo sirna abbaa irree Wayyaanee jalaa baqaaf biyya gadhiisanii ollaatti bahan. Biyya olla keessattis adamoo fi ukkaamsaan sirni Wayyaanee mootummoota olla sanii wajjin wal tahuun irratti geggeessu hammaannaan achi irraas lubbuu baafachuuf jecha galaana qaxxaamuranii biyya sadaffaatti baqatu. Balaan kun hundi biyya keessaa fi alaatti ilmaan Oromoo irratti kan hammaatuuf sababa Oromoon biyya dhabilee taheefi.
Lammiilee biyya dhabilee tahanii lubbuu isaanii baafachuuf biyya irraa baqatan simatee gargaaruuf kan dhaabbate Komishinara Ol’aanaa Baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) tahuun beekamaa dha. Haa tahu malee UNHCR osoo biyyoota ollaa kana keessaa waajjira qabuu baqattoota Oromoo irra gaaga’amni kana fakkaatu irra deddeebi’ee gahuun gaddisiisaa dha.Jaarmayaan baqqattootaa kun osoo baqattoota alaabaa isaa jalatti dheessan kanaaf simannaa fi gargaarsa isa irraa eegamu taasisee balaan suukaneessaan kana fakkaatu deddeebi’ee hin dhaqqabu ture jennee amanna.
Waan taheef, jaarmayaan UNHCR amma illee baqattoota Oromoo kan Soomaaliyaa, Soomaalii Laand, Puunt Laand, Jabuutii, Yaman, Keeniyaa fi Suudaan keessatti hiraara ulfaataa jalatti argamaniif qabaa barbaachisu gochuun kaayyoo dhaabbateef akka mirkaneessu yaadachiisuu feena.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 21, bara 2012

Adda Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment