ESAT, SUMMII UMMATOOTAAF TOLFAMEDHA ! - Kutaa 1ffaa

Y.G(2005)*

Wayyaaneen waggaa 21 dura Angootti wayita dhuftu shiroota hedduu keessaa fi alaan gaggeessu seenaatu nu hima. Wayyaaneen, ABOn Ummata Oromoo biratti filmaata tokkicha ta’ee akka hin dhihaanneef, OPDO akka ijaartee fi ABOn odoo jiruu saamicha har’a itti jiran kana gaggeessuun akka hin danda’amne dursanii waan hubataniif, shira adda addaa gaggeessuu kan eegalan, osoo bosana jiraniiti. Wayita shiroota kana gaggeessaa jiranitti gama biraan ,ABO waliin Mootummaa ce’umsaa hundeessuf marii adda addaa ,Biyyoota adda addaa keessatti gaggeessaa turan. Wayyaaneen shiraan muuxannoo dhaloota isaa kaasee qabu, ABO waliin marii Nagaa gaggeessaa fi mootummaa ce’umsaa dhaabuuf dandeetti beektoota keenyaatti fayyadamaa, shira ABO chaartara keessaa baasuus, walumaan irrattii hojjachaa jiraate.

Wayyaaneen shiroota kana ifatti akka gaggeessuuf , humnoonni alaa, har’a wayyaaneen guyyaa saafaa Ummatoota odoo ajjeesuu Filannoo dansaa gaggeesse jedhanii ragaa ba’aniif , yeroo sanas dhaabbilee Bilisummaa saba isaaniif falman wayyaaneen humnaan yennaa Biyya keessaa baasu qofa odoo hin taane, ajjeesaa ari’u callisanii ilaalaa turan. Mariin dhumaa tokko London keessatti ega gaggeeffamee booda,  Qondaalli ABO tokko akkas jechuu nan yaadadha. “wal ga’ii odoo hin eegalamnee xumuramee ” jedhanii turan. Kana jechuun ABOn wal ga’ii kana irratti hirmaatus, yaada isaa odoo hin dhiheeffannee ykn mariin odoo hin gaggeeffamne xumuramu argisiisa. Kaanis jiraachu ni mala .Garuu quurrama of keessa qaba ykn mul’isa. Tarii yeroos ABOn qulqullummaan deemaa jiraachuu nu argisiisa.

Shira, wayyaaneen Angoo qabannaan, dantaa warra alaa kabachiisuuf keessa keessa waadaa seenee jiraachuu, Sharafa DOOLAARAA bara Dargii BIRRII 2.65 ture, birri 5tti ol guddisuu fi waggaa 20 keessatti kan amma jiruun akka geesisu , akkasumas, saamicha Maqaa ANGA’OOTA Biyyoota gara garaan gaggeeffamuuf  wayyaaneen filatamu ykn mallatteessu ykn kaardiin magariisaa kennamu tilmaamu dhabuun ni jira ta’a.

Humnoonni alaa dantaa isaaniif akka du’an beekamaadha. Wayyaaneen Ihaadeg ta’ee Ummatatti akka ol dhufu kan taasisani fi hammeenya kamu dalagu, Dargii sirna soshaalizimii gaggessu akka kuffisuuf kan gargaaran eenyu akka ta’an bekamaadha. Kanas ta’u sana, wayyaaneen hangamu waraana ga’aa ijaarrachuu fi akka Dargii kuffisuuf humna qabu amanus, yakka barbaadu guyyaa saafaa akka raawwatuuf, dantaa humnoota alaa guutu akka qabu itti amana ture. Kana keessaa inni hangafaa Qabsoo Bilisummaa sabootaa addatti Qabsoo Ummata Oromoo ABOn Hogganamu kolaasuuf shira gaggeeffamu hundaaf, humnoota alaa qabachuun barbaachisaadha jedhanii itti amanu turan. Wayyaaneen duris ta’u amma Sagantaa mataa isaaf kan deemu hin turre. Seenaa wayyaanee kana boodaa yeroo biraaf dhiifnee, summii wal fakkaataa Ummatoota bilisummaa dhabaniif tolfamaa jiru haa ilaallu .

Ummatoonni cunqurfamoon Itoophiyaa keessaa hundumtuu kan hubachuu qaban, warri sirna Dargii odoo hin taane, sirna H/Sillaasee hammayyoome deebisuuf arreedaa jiran, Dantaa warra alaa ykn humnoota alaaf tajaajiltuu taanaan, Angootti ni dhufna jedhanii guyyaa saafaa Daandii wayyaanee waggaa 21 duraa haaromsaa jiraachuu akka hubatanin barbaada. Itti milkaa’uu fi dhiisuu isaaniif dhiifnee, dandiin kun eegalamu ykn SUMMII UMMATOOTAAF TOLFAMAA JIRU” qalbeeffatanii gamanuma of qopheessuu akka qaban hubachuun dansaadha. Warra miidiyaan mul’achuuf jecha ykn obbolaa isaanii ijaa ba’uuf ykn Angoo karaa qaxxaamuraa argachuuf bololan SUMMII isaanifis qophaa’ee fi Ummatatti biifuu irraa akka of qusatan dhaamuufin barbaada.

TV-ESATiin kan banate tuuta “GINBOT  7 ” jedhamuudha. Humni kun akka wayyaanee humna waraanaa hin qabu. Tuuta ijaarsa isaa xumuratee miti, garuu :-
  1. waraana ijaarrachuuf
  2. Dhaabbilee Bilisummaa saboota isaaniif falman dursuuf
  3. Wayyaanee kuffisuuf,
Toftaalee gara garaa baafatanii socha’uu dhaga’aa jirra. Jarri kun waan deemaniif kana milkeessuuf summii wayyaanee caalu Ummatoota Biyyattiif tolchaa jiran. Jarrii kun daandii wayyaaneen irra dhufee fi addunyaa irra haqii akka hin jirre ilaalanii qaawwaa kanatti fayyadamuu kan barbaadan fakkaatu. Toftaan isaanii inni duraa,(amma waraana ijaarratanitti jechudhaa) qalbii ummatootaa odoo hin taane qalbii warra alaa qabachuu yaaluudha. Kana jechuun, Iyya Ummatoota miliyoona 80 irra, kan Faranjoota muraasaatu dhageetti qaba jedhanii wayyaanee fi humnoota alaa adda baasu, isa booda ofii dantaa humnoota alaa milkeessanii, humna itti aanu ta’uudha. TVn ESAT kan nu dhugeessus kanumadha. Keessattu humni walitti tuuta’a jiru kun, Ummatoota cunqurfamoo biraa deeggarsa tokkollee akka hin arganne ni beekan.Kanaaf karaa qaxxaamuraa itti fakkaateen daaddisaa jira.

Warrii summii haaraan dachee kana irraa nu dhabamsiisuuf deemaa jiran kun, har’a TV fi Raadiyoo sa’a 24 hojjatu qaban. Yeroo gabaabaa keessatti humna kana eessaa fidan ? kun gaaffii guddaadha. Deebi isaa argachuuf ammo Ummatoota summiin fixanii, warra Qabeenyaa keenya saamaa jiraachuu barbaadan jiraachisuuf murachuu isaanii nu argisiisa. Ginboot-7 har’a gara XIMIRAT” jedhuttis ce’uuf OPDO biraa dhaabee jira. Humni kun warra alaaf waadaa seene guutuudhaaf, haal-duree keewwate hojiin argisiisuuf, waan qabuu fi gadhiisu wallaaluu isaa waan inni tamsaasaa jiru irraa hubachuun ni danda’ama. Baasiin har’a Biyyoota alaatti dhangalaasaa jiru, kan wayyaanee caaluu ta’ee jira. Keessattu dhaaba irra keessa Dimokiraatawaa fakkaatee, summii ummatootti biifuuf isa dandeessisu argchuuf, warra du’e boollaa baasee itti fayyadamuuf kan isa hafe hin jiru.

Humni kun kaayyoon isaa adda duraa maalii ? deebiin isaa gabaabaadha. “SIRNA FEDARAALIZIMII DIIGANII, SIRNA AHAADAAWWII DHUGEESSUUDHA” kun kaayyoo keessa isaanii hegareedha. Yennaa dubbatan garuu, mirga Ummatootaa jedhanii haasa’u. Osoo keessii isaanii hin fudhatiin, Maqaa Naannoolee jiranii waamu. Garuu warra Biyya dhiiga Ummatootaa irratti ijaaruuf kaleessa Ummatoota rashanan, kan akka Miniiliik fi H/sillaasee faarsan. kun keessa isaanii ibsa.

Kaayyoo summaa’aa kana galmaan ga’uuf sagantaa OPDOnni haaraa hin beekne of harkaa qaban. Akkuma duratti ibse, sochiin isaanii jalqabaa, humnoota alaa biratti fudahtama argatanii, wayyaaneen adda baasuu fi Diiggarsa Dinagdee argachuudha. Walii gala warra alaa biratti “beekumtii” argachuudha. Kana booda sagantaa lafa keewwatan qabu. Sagantaa kana lafaa qabaachuu dursamee beekamuus, qabatamaan mul’isaa jiran. Kaayyoo warra alaa birattii fudhatama argachuun booda :-

1.Dhaabbilee bilisummaa sabootaaf falman, addatti ABO dhabamsiisuu,

2.Wayyaanee “Hiwaat” dhabamsiisuu,

3.Itoophiyaaf buufata Galaanaa argamsiisuu lafaa qaban.

Humni kun Qabxiilee 3n kana fiixaan baasuuf  ifaa fi ifatti socha’aa jira. Humna ta’ee argamuufis, toftaalee gara garaan fayyadamaa jira. Wayyaaneen dhaabbilee mormitootaa Biyyoota alaa jiran dhabamsiisuuf Dolaara miliyoonaan ramaddee jirtuu caalaa, tuuti kun humnoota alaa irraa argatee socha’aa jira. Kan inni caasaa isaa cimsataa fi ijaaraa jiru :-
  1. H/Sillaasee fi Dargiif humna kanneen turan .(wayyaanee irraa bilisa jedhee waan amanuuf)
  2. Ilmaan sabootaa addatti beektoota sirna wayyaanee baqataniii ba’an (gaaffii Bilisummaa ABO kan hin fudhanne )
  3. Nama Itoophiyaa QOOQA/AFAAN tokkon akka bultutti amanan qofaa odoo hin taane lubbu isaanii kennan,
  4. Namoota sabootaaf jibbaa fi tuffii qaban,
  5. Lammiilee Ertiraa, Ertiraa Itoophiyaatti makamuu habjootan,
  6. Harcaatoota dhaabbilee Bilisummaa fi angoof bololan,
  7. Amaaroota Dachee sabootaa keessatti guddatanii Afaan isaanii beekanidha.
Qabxiilee tarrifaman kana irraa kan hubannu, toftaa wayyaanee humnoota alaa irraa hayyama ega argatanii booda, Ummatoota qabachuuf toftaa itti fayyadaman irraa koppii gochuu isaanii nu mirkaneessa. Garuu bakka itti adda ba’an ni jira.

Akkamiin ABO, akkasumas HIWAATIIN DHABAMSIISANII , ITOOPHIYAAF QARQARA GALAANAA ARGAMSIISU yaadan ? KUN HAWWII EENYU OF KEESSAA QABA ?  kutaa 2ffaa keessatti itti deebina .

* Y.G(2005) - Burqaa430@gmail.com

Kutaa 2ffaa Dubbisaa 

No comments:

Post a Comment