Labsa Walhubannoo fi waliigaltee Adda Bilisummaa Oromoo fi Gurmuu Qabsaawotaa fi Miseensota ABO

Muddee 11, 2012 (Oromo Liberation Front)Bara 2008 keessatti rakkoon Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti uumamuun ni yaadatama. Rakkoon uummame kuniis dhaaba keessatii fi mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaatti dadhabina fide. Adeemsa keessatti murni Jijjiramaa jedhu gariin (Amajjii 1,2012), murtii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa faallessu labsan. Hogganooni, Qondaalonni fi miseensotni gariin kanuma hubachuu fi balaaleffatuu dhan, Gurmu Qabsaawota Oromoo fi Miseensota ABO jedhuun of ijaaran. Haala uumame ykn muudate kana irratti hundaawuun, tokkummaa miseensota dhaaba keenya ABOf laalatuu dhaan, fi hegeree QBO fi walabummaa Oromiyaa duree kennuudhaan, ShG GS ABO wajjin mariin deemsifamaa ture. Mariin yeroo dheeraaf bakka bu’ootiin walii tahuun gaggeeffame kun wal hubannoo fi murtiilee armaan gadii irra gahuun xumurame.


Walhubannoo fi waliigaltee:-

  1. Sagantaa Siyaasaa fi heera ABO bakkaan gahuu irratti ejjennaan keenya tokko tahuu isaa fi bakkaan gahuu isaafiis waloon qabsaawu.
  2.  Rakkoolee moraa QBO keessatti dhalatanif furmaata hundee itti godhuu fi ABO daran cimsuu irratti waliin hojjachuuuf murteeffanne.
  3.  Miseensoota sababaa/haala adda addaan walirraa fagaatani turan walitti fayyisuu fi hafuura jaallummaa deebisanii dagaagsuu.
  4.  Rakkoolee bara 2008 ABO keessatti uumamteen hawaasa Oromoo waan tuqeef, akka haalli akkasi fuldura nutti hin deebine gamtaan irratti hojjannee furmaata waaraa soquuf murteeffanne.
  5.  Xiyyeeffannaan keenya guutumatti diinarratti akka tahuuf hujii keenya qindeeffachuu fi qooda keenya gumaachuu.
  6.  Rakkoooleen/badiileen fakkaatoon mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti deebi’ee akka hin mul’atne fashalsuu fi yoo mul’atees furmaata waloo iiti barbaaduuf murteeffanne.
  7.   Mooraa QBO cimsuu fi qabsoo finiinsuuf qooda nurraa eegamu gahummaan bahuuf irratti waliif galle.
Kanaaf, waltahiinsaa fi wal hubannoo irra gahame bakkaan gahuuf koree qunnamsiiftuu ykn laison committee takka akka utubamte; sadarkaa hundaatti miseensoti akka walitti dhihaatan, wal hubannaan kun hojii irra oolu fi miseensoonni akka bakka takkatti deebi’an irratti haala mijjeeysuuf hojjachuu.

Waltahiinsaa fi wal hubannoon kunis haasofni fakkaataan qaamota, namoota, ykn jaarmayoota Oromoo biro waliin kan deemaa jiruu ykn sichi eegalamu illee yoo tahe kan haala kana gabbisuu fi milkeessu akka tahuu irratti waliif galle.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Adda Bilisummaa Oromoo                                              Gurmuu Qabsaawotaa fi Miseensota ABO

Adda Bilisummaa Oromo

No comments:

Post a Comment