Waamicha Hiriira Nagaa Oromoota Washington D.C. fi Naannoo San Jiraataniif

Muddee 28, 2012 | Gadaa.com

Waldaa Qorannoo Oromoo, Jaarmaa Hawaasa Oromoo Washington D.C. fi Waldaa Walgargaarsa Dargaggota Oromoon wajiin Gamtaan kan Qindeessan.

Mootummaan Itoophiyaa Wayyaaneedhaan hoogganamu akkuma amala isaa saba Oromoo yakka tokkon maleetti hidhuu, ajjeessuu, dararuu, biyyaa dhabamsiisuu fi ragaa sobaa itti funaanee murtii hidhaa bara dheeraa fi du’aa itti jigsuu itti fufee jira. Erguma dhiheenya kanaa asi:

  1. Gaafa Sadaasa 1, 2012, hogganoota saba Oromoo beekkamoo kan ta’an Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Oromoota torba kan biroo irratti seera “Farra Shororkeessummaa” jedhuun sobaan himatee murtii yakkaa haqa hin qabne itti muree jira.
  2. Gaafa Fulbaana 30, 2012, lammiileen Oromoo 200 ol tahan bakka nagaadhaan ayyaana Irreechaa kabajaa jiran Malkaa Arsadii, Bushooftuu irraa qabamanii mana hidhaatti darbaman. Erga qabamanii ji’a lama darbus, lammiileen kun hanga ammaa mana murtiitti osoo hin dhihaatin mana hidhaatti ugguramanii hiraaraa jiru.
  3. Gaafa Ebla 6, 2012, hawaasa Oromoo amantii Islaamaa hordofan nagaadhaan masgiida magaalaa Asaasaa, Arsii, Oromiyaa, keessaa salaataa Jum’aatirraa bahanitti dhukaasudhaan Oromoota Afur gara jabeenyaan guyyaa adii ajjeesee, kanneen 200 ol tahan mana hidhaatti darbe. Oromoonni ajjeefaman kunniin: Musaa Gabii, Kamaal Irranaa, Aliyyii Waaqootiifi Shaafii Jaanoo jedhamu.
  4. Hawaasa Muslima karaa nagaatiin gaaffii mirgaa gaafatee hiriira bahaa jiru hiraarsuu, hidhuu fi ajjeessuun bal’inaan itti fufee jira. Hoogganoonni Musliimotaa 30 caalan sobaan himatamanii ammallee mana murtiitti deddeebi’aa jiru. Musliimonni kumaatamaan lakkaayaman, sababa mirga amantii seeraan kennameef gaafataniif qofa ammallee mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Gaafa Onkoloolessa 21, 2012, Muslimoota Afuritu magaalaa Garba, Wallootti hidhattoota mootummaatiin ajjeefame. Warra ajjefame keessaa sadan isaanii Sa’id Abdallaa, Abduu Odaa fi Husseen jedhaman. Namoota baay’eetu reebamanii madayan, hedduunis hidhaman.
Kanneen asi olitti tuttuqaman hiraarsa maqaa “shororkeessummaatiin” ummata Oromoo irra geessifamaa jiru keessaa hanga muraasa dha. Yeroo ammaa yoo xiqqaate Oromootni 20,000 ol tahan sababa Oromoo ta’an qofaaf shakkamoo ta’anii mana hidhaa keessatti rakkachaa akka jiraan tilmaamama.
Roorroo bifa hundaan lammiilee Oromoo biyya keessa jiraatan irratti raawwatamaa jiru mormuu fi mootummaa Ameerikaa fi mootummoota addunyaa dhageessisuuf jecha Waldaan Qorannoo Oromoo, Jaarmaan Hawaasa Oromoo Washington D.C., fi Waldaan Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo walta’uudhaan hiriira nagaa magaalaa Washington D.C. keessatti geggeeffamu qindeessaniiru. Hiriira kana irratti ummanni Oromoo Washington D.C. fi naannoo ishee jiraattan akka hirmaattan dhaamsa lammummaa isiniif dhiheessina. Tokkummaan humna! Tokko taanee, harka wal qabannee, lammiilee keenya hiraarfamaa jiraniif haa falmannu!

Guyyaa: Jimaata (Friday), Amajji 25, 2013
Sa’atii: Ganama 8:30 AM – 12:00
Bakka: US State Department, 2201 C Street Northwest Washington, DC 20520
Quunnamtii:
Gadaa.comWaldaa Hawaasa Oromoo, Washington D.C. (Tel. 202 234 1151)
Gadaa.comWaldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromo, Washington D.C. (Tel. 202 705 6585)

No comments:

Post a Comment