WALII GALAN, ALAA GALAN !

25 Muddee 2012 | Qeerroo

Y.G(2005) Irraa

Walii galan, alaa galan!! Mammaaksii kun Ijoollee kaasee hanga Maanguddootti, beekaa hanga wallaalaatti, Firaa hanga halagaatti hiikkaa ifa tae akka laatuuf hin shakku. Mana keessa Nagaan dhibnaan, tarkaafiin jalqabaa mana keessaa bauudha.bakka yaada itti cabsatan barbaaddatu. Yoo Biyya keessaa roorroonis tauu waan biraan baan, alaa galuuf yoo xiqqaate, sammuu ofiin walii galuutu murteessaa taa. Mammaaksi kun hiikkaa tokkollee odoo hin laanneefii ykn ibsa tokkollee osoo hin barbaanneefi hiikkaa qulqulluu qaba.
Kun Biyya alaa kan jiruf qofaa miti kan mammaakamee. Kan Biyya isaa keessa taaee, Biyya isaaf keessummaa taes ni dabalata. kan eessayyuu jiru, Mana isaa keessatti deebiee nagaan jiraachuuf, walii galuun barbaachisaa tauu akka hiikkaa isaa tokkoffaatti yoo fudhanne, walii galuu keessaan humna qabaachuu fi kan hin galtu nuun jedhu illee ittin injifachuu akka dandeenyu nu akeeka. Faallaa kanaa yoo yaaduun barbaachises, Mana ofitti akka hin deebineef walii galuun akka nu irra hin jiraanne diinni nu irratti hojjachuu akka dandau ilaaluu dandeenya.

Alaa galuun murtiidha. Ega murtii taee, walii galuun waan murame jechuudha. Walii galuun ega baraachisaa tae ammoo, waan walii nu galchu irratti hojjachuun murteessaadha, waan wal-nu taasisu irra gauuf ammo, waan wal nu taasisu irratti walii galuun hundee taa. kana jechuun yoo kan ummata keenyaaf jennee wal dhabnu taane, ummata keenyaaf jennee waan wal nu taasisu adda baafannee , irratti hojjannee alaa galuun dirqii taa. waggaa 15 dura, Maanguddoo Booranaa Umamaan hayyooman, waan naaf ibsan asi irratti haa kaasu. Maanguddoon kun barnoota tokkollee hin qaban. Garuu beekumsa nama wal taasisee alaa nama galchu hedduu beekan.
Qeerroo

1 comment:

  1. kootta ka yaa Saba Oromoo walii galeeti alaa gala silaa dubbin haamatee.

    ReplyDelete