WBOn Tarkaanfii Itti Fufeen Diina Irratti Mirga Argate

Madda Oduu ABO (MOA) | 12 Muddee 2012 

Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn qubattuu diidaa fi lukkeelee nyaaphaa irratti tarkaanfii fudhatu itti fufe. Akka kanaan humni addaa WBO Godina Baha Wallaggaa Ona Diiggaa Saasiggaa keessa sosso'u tarkaanfii Muddee 9, 2012 fudhateen basaasota ol aanoo fi jajjaboo diinaa 3 ajjeesee jira. Basaasoti diinaa:

          1.  Pheexros Negga,

          2.  Eliyaas Teklay,

           3.  Bayyane Aksum 


Kanneen jedhaman kan ajjeefaman Ona Diiggaa Saasiggaa bakka Baloo Jaagafooyii jedhamutti. Ergamtootni diinaa kanneen kan naannoo kanatti bobba'aniif bakka humni addaa WBO irraa sosso'uu fi jiru qoratuuf oggaa tahu kanatti dabalees ummata Oromoo fi Gumuz wal lolchiisuuf shira xaxuuf akka tahe beekamee jira. Humni addaa WBO tarkaanfii kana fudhate ummatni Oromoo bakka jiru maratti karaa danda'ame hundaan deggersa isaan FDG akka cimsu yaadachiisee. Tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu kan itti fufu tahuu dhaamee jira.
    Injifannoo Ummata Oromoof !

    Adda Bilisummaa Oromoo  

    No comments:

    Post a Comment