Ibsa Ejjennoo Walgahii Tokkummaan Barattoo Oromoo Awuroppaa Damee United Kingdom(TBOA-UK)

12 Amajjii 2013

TBOA Damee Birtaaniaya                                      UOSE United Kingdom Branch 

IBSA EJJENNOO WALGAHII TBOA-UK, LONDON

Tokkummaan Barattoo Oromoo Awuroppaa Damee United Kingdom (TBOA-UK), walgahii ummata mariisisuuf eegamaa ture milkiin xumurate. Walgahii kanarratti hojii TBOA-UK hojjetaa ture xiinxaluuf deemsa TBOA-UK fulduraa akeekuun ijoo dubbii ture. Walgahicha akka gadi fagnaaf bali’inaan irratti marihatamuuf namoota muxannoo adda addaa qaban shantu mariisise. Mariin kun  haala TBOA-UK qofa otoo hin taane, dhimma Oromo jajjabduu taate irrattis marihatee haala gariin xumurate. Dhuma wal-gahii kanaatti miseensi TBOA-UKf sabboontoti Oromoo walgahicha irratti hirmaatan ibsa ejjennoo armaan gadii baafatani:

  1. TBOA-UK, haala Oromoon itti jiru hubatee, gaffii yaroon gaafattu deebisuuf kaayyoo duraan ijaarameef bakkaan gahuuf, tokkummaa oromoo jabessuuf, kabaja Oromootti horuuf waan dandahu hundaa hojechuuf ammas irra deebi’ee waadaa seene,

  2. Dameen TBOA bakka adda addaa jiran wal-hubannaaf, garaa waliif bal-achuun, rakkoo gabrummaa isa guddaa sana waliin falmuuf, wal-harcaasuu dhiisanii waan itti jiran irra deebihanii daddafiin akk walmarihatanii tokkummaa Oromoo ijaruuf fakkeenya akka ta’an cimisinee gaafanna,

  3. Araara humnootii ABO gidduutti ta’e akka malee dinqisiifachaa waan kun saffisaan hojiin akka mul’atu kabajaan ni gaafanna, waan nurraa barbaachisus ni gumaachina.

  4. Barattooti Oromoo yunversitii Finfinneef iddoo adda addaa, seera malee hidhaman atattamaan akka hiikaman gaafanna,

  5. Oromootni mana jireenyaaf lafasanii dhabanii gadadoof ta’an gargaarsa barbaachisu akka argatan gaafanna,

  6. Mootummaan Itoophiyaa Amantii keessa galee, ummata biyyitti goolaa jiru attattamaanakka dhaabatu, kan hidhamanis akka hiikaman cimisinee gaafanna,

  7. Humnooti siyaasaa Oromoo toora kamiinuu hiriiran humnootii Siyasaa halagaa biyya Itoopyiaa bitaa turaniif jiran waliin hariiroo dhugaaf kabaja wal-qixxummaa kamuu argatanii waan hin beekneef, dhabbileen siyaasa Oromoo kamuu hariiroo godhan irratti gadifageenyaan akka yaadan cimsinee gaafanna,

  8. Harki diinaa Jaarmiyaa Orommo yaroo kamuu keessa galee diiguu akka fedhu hubannee, sabboontoti Oromoo damaqinsaan akka dhaabasanii tiksan kabajaan gaafanna
Injifannoo Ummata Oromoof!

TBOA-UK

London 12/01/13
_______________________________________________________________________________
Some Pictures from the meeting 


1 comment: