Godina Baalee magaala Gobbaa Keessatti Qeerroon Olola Wayyaanee Fashalse. Hidhaa fi Ukkaamsaanis Itti Fufe

Amajjii 12, 2013

Qeerroo (Bale):—Godina Baalee magaala Gobbaa keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa leenjii namuusaa jedhuun olola siyaasaaf kan karoorse dura dhaabbannaa Qeerroo bilisummaan bakka gahuu dhabe. Qeerroon naannicha irratti Wayyaanota dursee olola dharaa mootummaan gabroomfataa oofaa jiru rakkoo saba Oromoo hin furu jechuun dhadannoo fi barruulee facaaseen dabballoonni Wayyaanee akeeka isaanii bakkaan gahuu hin dandeenye. Haala kanatti kan rifatan Wayyaanotnni  hidhuu fi hiraasuun filmaata jedhanii Qeerroo Oromoo maqaa miseensummaa ABOn daran dararaa jiru.

Dargaggoota Oromoo isin miseensota ABOti,ABOf hojjechaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee kaan ammo qorannoon rakkisaa jira.Dargaggootni oromoo
  1. Dargaggoo Amiin Ida’oo

  2. Dargaggoo Girmaa Olaanii

  3. Dargaggoo Mangistuu Alaqaa Dheeraa
Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu daraggoon Jibriil Usmaan jedhamu ammoo kaabinoota mootummaa wayyaaneen yeroo yerootti qoratamaa jira.Dargaggootni mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsan ulee wayyaaneen hedduu reebamaa kan jiranii fi warra isaaniin akka hin dubbisne dhorkamanii jiran.Qeerroon magaala kanaa miidhaa fi daba ilmaan oromoo irratti gaggeeffamu adda durummaan mormuu ibsuun hanga Bilisummaan keenya mirkanaa’u qabsoo jabaatanii itti fufuu ibsatanii jiran.

No comments:

Post a Comment