Tokkummaan Baqattoota Oromoo Biyya Yamanii Guyyaa WBO Kabajatan. Gumaata WBOf Taasisan

Madda Oddu ABO/MOA/

Haala akkaan rakkisaa fi jireenyi baqattoota Oromoo gaaffii jabaduu jala galee jiru biyya Yamanii keessatti Gyyaa WBO fi Amajjii 1 ayyaaneffachuun degersaa fi jaala qabsoo bilisummaa abaaf qaban muldhisuuf jecha baqattooti walitti dhufan.

Kanneen kabajaa ayyaana kanaaf walitti dhufan gurmuu TBOY jalatti qindaawuun guyyaa WBO sirna miidhagaan kabajatanii jiru. Haala kanaan dhimmoota qabsoo fi haala dhaaba keenya ABO irratti erga gahaatti mariyataniin booda ibsoota ejjennoo armaa gadii fudhatan.

  1. Nuti baqattooti Oromoo biyya Yamanii jiraannu,walabummaa fi bilisummaa biyya keenyaaf jecha qabsoo tahu keessatti bifa kamiinuu hirmaachuun qooda nurraa barbaachisu ni baana.
  2. Gochaalee suukkanneessaa biyya keessaatti uummata keenya irratti gahaa jiru cimisinee ni balaaleffatna.
  3. Gidiraa fi rakkoolee baqattoota Oromoo irra gahaa jiru akka dhaabatuuf aduunyaan akka dhagahu sagalee keenya ol kaafnee himachuu irraa hin dhaabbannu.
  4. Ajjeechaa,hedhaa,dararamuu,biyya irraa arhamuu fi lafti Oromootaa samamuu guddifnee ni balaalleffanna.Kana dhaabsisuufis qabsoo nurraa barbaachisu ni goona.
  5. Rakkoolee ilmaan Oromoo irra gahaa jiru adduunyaan osoo arguu akka hin agarree ta'uu osoo dhagahuu gurra qabachuu irraa of qusatanii dandii haqaan dhibdeen uumata keenyaa akka furmaata argatu taasisuuf Oromoonni alaa jabaatanii akka irratti hojjetan waamicha keenya goona.
Kan jedhu mirtii fi kutannoo erga fudhatanii booda battalatti gargaara maallaqaa RY 229600 WBOf gumaachuun qophicha faaruu alaabaan golbooban.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment