Ibsa Walhubannoo fi Araara Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO

                   ADDA BILISUMMAA OROMOO                                                                           
                   OROMO LIBERATION FRONT                                                                               

Gaafa: 20-11- 2012                                                                                      Lakk.: 019/stm-abo/ 2012

Ummanni Oromoo guyyaa kolonii Itiyophiyaa jalatti kuferraa eegalee haga har’aatti, mirga abbaa biyyummaa sarbamee, qabeenya isaa irratti ajajuu dhabee miidhaan siyaasaa, miidhaan dinagdee, kan hawaasummaa fi kan aadaa akasumas midhaan namoomaa irra ga’un isaa beekamaa dha.

Ummata keenya cunqursaa fi saamicha kononeefatta jalaa bilisa baasuuf, bara 1973 irraa eegalee haga har’aatti Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) qabsoo hidhannoo, siyaasaa, hawasummaa fi diplomaasii walitti qindeessuun iittifufiinsaan qabsoo hadhooftuu geggeessaa jiraachuu isaa hubatamaa dha.

Hata’u male waldhabbii fi adda bahiinsa bara 2001 mudate irraa QBO miidhamuun hunda biratti hubatamaa dha.

Kanaaf, tattaaffi araaraa fi tokkoomuu yeroo dheeraaf deemaa ture xumuruuf jilli gama lachuu walgahii araaraa fi tokkoomuu Sadaasaa 14 – 20, 2012, gaggeeffachuun, adda bahiinsa irraa kaasee hanga har’aatti haala turan irratti yaada ifaa fi qulqullinna qabuun bal’inaatti haasa’uun, dhaaba kana deebifnee tokkoomsuuf qabxiilee armaa gadii irratti walii galtee irra gahuu keenya gammachuun beeksifna.

1. Bara 2001 adda bahuun nu giddutti uumame laafina QBOtiif gummachee, ummata Oromoo kan gaddisiisee, diinaa kan gammachiise tahuu hubachuun, dhaabni kun deebi’ee karaa humnaa, qabeenyaa fi danteettiin akka tokkomu irratti walii galle. Adda bahinsa kana haallii gaafasii kan uume tahu illee sababaa kanaan miidhamaa fi wareegama tahetti guddoo gaabbina.

2. Kaayyoon irratti hundoofnee qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessinu – bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, kan repubilika Oromiyaa jaaruun xumuramuu tahuu wal hubannoo irra geenyee jirra.

3. Qabsoo bilisummaa Oromoo fiixaan baasuuf tooftaa fi tarsiimoon hordofnu kan siyaasaa, qabsoo hidhannoo fi diplomaasii fi diddaa ummataa qindeessuun gaggeesuu taha.

4. Madda waldhabbii adda bahuutti gumaache ilaalchisee jilli bal’inaan irratti haasa’ee rakkoo ture irratti wal hubannoo irra gahuun, badii fakkaataan akka gara fuulduraatti deebi’ee hin mul’annee fi barnnoota irraa baratamuu danda’u tarrisuudhan, haala QBO keessa jiru irratti xiyyeeffannoo guddaa keennuudhan, kan dabre irra inni dhufu akka caalu walitti agarsisuudhan, haala yaaddeessaa ummatni Oromoo keessa jiru daddaffin jijjiiruun barbaachisaa tahuu hubachuudhan badiilee dalagaman walii dhiisuun, wal hubannoo fi araaraan xumuranne.

Miseensotii fi deggertooti ABO akkasumas ummatni Oromoo araara eebbifmaa kan bara dheeraaf hawamaaa ture kana akka mirkanaawee galii isaa gahu irratti tumsaa fi deggersa barbaachisu akka nuu gumaachitan kabajaan gaafanna. Akkasumas miseensoti caasaa lamaan jala jirtan fi deggartooti hundi guyyaa ibsi kun bahe irraa kaasee olola wal irratti oofuu, mufii fi duula bifa adda addaan oofamaa ture irraa dhaabbattanii tarkaanfii QBO jalbeessu kana akka simattan dhaamanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qaama Cehumsaa ABO

Shanee Gumii ABO
Adda Bilisummaa Oromoo

6 comments:

  1. Galatoomaa !!Bayyee gaariidha sabnii oromoo isin waliin jirra nuuf jabaadhaa

    ReplyDelete
  2. Gurraacha kooNovember 22, 2012

    kuni abjuudha malee ABOn tokko hinta'u.

    ReplyDelete
  3. Oduu gamachiissaadha, waaqayyoon hagalatuu

    ReplyDelete
  4. Qaama OromooNovember 22, 2012

    Shaneen kijibduudha; Injifannoon garuu ilmaan oromoofi cunqurfamtoota hundaaf haata’u

    ReplyDelete
  5. Sabni Oromoo bagaa gammadee diinii keenya ammo bagaa rifaate

    ReplyDelete
  6. ABOn tokkoome? kuni baayyee gariidha; Tokkommaan bilisummaa fidudhaaf karaa isa hangafadha!

    ReplyDelete