Wayyaaneen ummata kuma 75 dachee irraa buqqisuuf karoorfatte; “ummati immoo dachee keenya irraa hin buqqaanu,” jechaa jira.

14 Amajjii 2013

(Qeerroo, Naqamtee):—Mootummaan Wayyaanee akkuma barattetti ummata Oromoo lafa irraa buqqisuuf saganteeffataa akka jiru saaxialame; umamti immoo lafa keenya irratti dhumana malee irraa hin kaanu!” jechaa jira.

Qeerroon maddeen amanamoo wabeeffatee akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee abbootii warraa gara kuma saddeetii olii Arjoo fi Dhedheessaa keessaa buqqisuuf kan bara darbe akeekkatee diddaa ummataatiin fashalee ture irra deebi’ee hojii irra oolchuuf kaabineewwan OPDO addaddaa waliin irratti maryachaa jira.

Akka karoora kanaatti, lafa heektara kuma 75 ol ta’u irraa ummata kuma 25tti dhiyaatu buqqisuuf yaadamee jira.
Haata’uutii, bara darbe kaampaaniin pirojeekticha hojjachuuf walii galtee seenee ture diddaa ummataa fi fincila Qeerrootiin rifatee waan dhiisee baheef gidduutti addaan cite ture.
Yeroo ammaa kanatti immoo saganticha itti fufuuf mariin adeemsisamaa akka jiru kan saaxilan maddeen Qeerroo, haalli isaas OPDO keessatti mormii kaasaa akak jiru beekamee jira.
Miseesnoti OPDO dhimma kana irratti dhoksaan maryachaa kan jiran yoo ta’u, hedduun isaanii “saganticha yeroo ammaatti itti fufsiisuun kun barbaachisaa miti,”haa jedhan iyyuu malee ummata lafa irraa buqqisuu fi madda galii gabbifachuuf akeeka kan qabu mootummaan wayyaanee jabeessee itti fufee akka jiru hubatamee jira.
Ummatis haala kana irratti walmaryachaa akka jiru kan ibnse Qeerroon, keessayyuu, Qonnaan bultooti fi Qeerroon akkaataa itti mirga isaanii kabachiifatan irratti marii bal’aa gochaa akka jiran beekameera.

No comments:

Post a Comment