Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessaa Ukkamfaman

Gurraandhala 06, 2012 | Qeerroo M. Walaabbuu

Gaafa Amajjii 29,2013 Baratootni Oromoo Mooraa Yuuniversity Maddaa Walaabuu irraa Humna poolisaa Federaalaa wayyaaneetiin ukkafamanii hanga har’aatti bakka bu’an hin beekamne.

Baratotni Oromoo Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuu keessaatti dabbaalotaa Wayyaaneetiin hordofama ergaa tunii boodaa gaafa Amajjii 25, 2013 Bulchiinsaa Mooraa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuutiin isiin ilaalchaa diinummaa of keessaa qabduu jechuun dorsifamaa erga turanii boodaa gaafa Amajjii 29,2013 ammoo humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamanii essaa buteen isaanii illee kan hin beekamne ta’uu Qeerroon gabaaseera. Baratootni maqaan isaani:
  1.  Barataa Darajjee Baqqalaa Mummee barnotaa Qonnaa barataa waggaa 2ffaa,
  2.  Bartaa Guddataa Taarikuu Muummee barnotaa waggaa 2ffaa,
  3.  Barataa Hambisaa Hayilee mummee barnotaa Turiiziimii waggaa 3ffaa, fi
  4.  Barataa Gammaachiis Hordofaa barataa waggaa 2ffaa
kanneen jedhamaan badii tokkoo malee barnotaa isaanii irraa humna poolisaa federaalaan qabamanii hanga ammaa essaa buuteen baratootaa kanaa kan hin beekamnee ta’uun gabaafamera.

Kanaa malees sabboontotni baraatootni Oromoo heedduun humna tikaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarssiitii sana keessaatti hordofamaa fi dorsiifamaa jiraachuu Gabaasni qeerroo irraa nu ga’ee ibsee jira Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsii Maddaa Walaabuu hidhaaf ukkaamsaan diinaa falmaa bilisummaa irraa duubatti nu deebiisuu hin danda’uu, gamtaan kaanee sagalee keenyaa dhageesifachuu qabna, teenyee hidhaa eeggaachuun gadhummaadha, diinaa nu hidhuuf nu ajjeessuuf, nu dararuuf nurraatti bobbaafamee tokkuummaan ni balaaleffaanna, Harka wal qabannee mirgaa keenyaaf ni falmannaa jechuun dhaammataan.

Qeerroo

No comments:

Post a Comment