Hogannooni ABO Magaalaa Mummiti Washington DC Keessatti Gurraandhala 17, 2013 Waliigaltee Dhaabota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Kennan

Walgahii Miseensoota, deegartootaa fi hawaasa Oromoo naannoo Washington DC jiraataniif ibsa kan kennan Jaallan Dr. Mekuria Bulchaa fi Odaa Xasee yoo tahan, isaaniis wal duraa duubaan waligalteen ShG-ABO fi QC–ABO jiddutti tahe ilaalchisee, rakkoolee dhalatan irraa kaaseebakka amma jiran haala qubsaa fi gammachisaa taheen ibsanii jiru.

Hogganoonni lamaan Mooraan Qabsoo Oromoo tokkomuun murteessaa fi waan filmaata hin qabne tahuu ifaan ibsani jiru. Dabalaniis qabsoo ilmaan Oromoo kumaatamaan itti aarsaa tahan kana bakkaan gahuu fi fedhii eebifamaa ummata keenyaa dhugoomsuuf badiilee dabarte irraa baratani fuldura deemuun barbaachisaa akka tahetti qaamni lachuu guutumatti akka waliif galan ibsani jiru.

Ibsa isaanii keessatiis, haala qabsoon teenya keessa jirtu, gochaa gara jabeenya mootumooni dhufaa dabraan Abashaa ummata keenya irratti raawatuu fi Qabsoon Oromoo Waraana, Siyaasaa fi Fincila Diddaa Gabrummaan gargaaramte ummata harqoota gabrummaa jalaa baasuuf ibsani jiru. Kanas taasisuuf hirmaanaan nu hundaa barbaachisaa akka tahe jala sararani dubbatani jiru.

Qabxiilee walii galtee isaani keessatti SHG–ABO fi QC-ABO waldiddaa isaan jidutti yeroo dheeraaf uumame irra aanani tokkoomuun rakkoolee dhalatan hundaafu akka waloon furmaata barbaadaan akkasumas rakkooleen uumante Qabsoo Oromoo dadhabsuu fi diinaaf faa’idaa tahuu malee akka qabsoo Oromoof bu’aan buuse waan hin jirreef, badilee hojjataman irraa baratani fulduraaf haalli akkasi akka hin deebine tartiiba itti furatan lafa kaayachuun akka tokkoomuuf murteefatan ibsani jiru. Kanumaan waliin mirgi Oromoo guutumatti Abbaa biyyaa tahuun hamma mirkanaawutti qabsoon akka itti fuftuus mirkaneessani jiru.

Maayyi irratti gaaffii hirmaatoota irra dhihaateef deebisaa quunsaa erga kennan booda Jaallan Konyaa DC qophii bareedaa akkasi qopheessuu isaaniif galatoomfatani. Hamma mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo tokkoomutti kanneen fedhii bilbisummaa fi walabummaa Oromoo qaban hunda waliin haasawuun waan irraa eergamu hinda akka godhanii fi hirmaannooniniis akka yaanni kun milkaawu gargaarsa isaani akka gumaachan dhaammatani jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

No comments:

Post a Comment