Humni addaa WBO tarkaanfii fudhatuun abdii ummataa tahuu caalaatti mirkaneessaaa jira

Madda Oduu ABO/MOA/ Gurraandhala 06, 2013

Humni addaa WBO Baha Oromiyaa keessa sosso'u tarkaanfii basaasotaa fi humna diinaa irratti fudhataa jiru hamilee diinaa fi ergamtootaa cabsaa jira. Tarkaanfiin dhiheenya kana fudhatames kanuma mirkaneessa.

Amajjii 25/ 2013 humni addaa WBO Ona Mi'eessoo araddaa Odaa Roobaa jedhamutti miseensa poolisa diinaa ajajaa 50 Birhaanuu jedhamuu fi basaasa diinaa Hasan Huseen jedhaman irratti tarkaanfii maayyii fudhatuun adabee jira.


Humni addaa WBO tarkaanfii fudhatu itti fufuun Amajjii 2, 2013 Harargee Bahaa magaalaa Dirree Dawaa bakka Saabiyaan jedhamutti tarkaanfii fudhateen qondaalota diinaa Sisaay(abbaa Halangaa fi basaasa), Abinet Hagoos, Taaddasaa Geetinnet, lameenuu miseensota tikaa tahuun ummata Oromoo dararuun beekaman irratti tarkaanfii fudhateen Sisaay oggaa ajjeefamu kanneen hafan lameen ammo haalaan madaa'aniiru. Kana malees Gurandhala 2/2013 Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakka Abbaa Mo'aa jedhamutti gootichi WBO Investerotaa fi basaasota Wayyaanee, 
  1. Leewii Bayyanee, Abbaa qabeenyaa,
  2. Adamaasuu Barnabaas abbaa qabeenyaa fi
  3. Caannee Asaffaa wardiyaa investerotaa kanneenii irratti tarkaanfii fudhatee jira. Kanatti dabalees traaktarri qonnaa tokko lakkoobsi gabatee A.A 04374 tahe barbadeeffamtee jirti.
Ergamtootni diinaa tarkaanfiin irratti fudhatame kanneen ummata Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuun hiyyoomsaa gama biraan ammo ergama diinaa fudhatuun lammii Oromoo hiisisaa fi irratti roorrisiisaa jirani dha.

Mootummaan wayyaanee tarkaanfii yeroo garaagaratti Godina Bahaa Wallaaggaa Onotaa garaagaraa keessaatti fudhatamaa jiru irraa soda guddaa keessaa seene Amajjii 27/2013 irraa egalee ummataa jumlaan hidhuuf karoora baafateen Ammajjii 28/2013 Ona Haroo Limmuu keessaa ummata nagaa 55 oli hidhuu irraa ummatni naannoo jabinaan dura dhaabbatee akka hiikaman dirqisiise.

Ummatni naannichaa badii malee hidhaman haa hiikaman jechuun daandii konkolaataa fi tarkaanfii adda addaa fudhatuun mormii isaa jabeessuu irraa qondaaloti Wayyaanee gara fincila walii galaatti tarkaanfatuu danda'a kan jedhuun sodaatuu irraa namoota fayyaaleyyii hidhanii turan batalumatti gadhiisuuf dirqamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun guraandhalaa 2/2013 mootummaan diinaa poolisoota mootummaa reebdan sababa jedhuun Onaa Limmuu Galilaa irraa Ummataa nagaa 16 kan dargaggoo Afrikaa Kabbadee keessaatti argamuu hidhuu irraa ummaannii ilmaan keenyaa balleessaa malee maaliif hidhamu jechun gaffii kaasee kan jiru ta'un beekameera

Injifannoo Uummata Oromoof !!!

Adda Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment