Ibsa Ejjennoo Hirmaattota Ibsa Gamataa Araaraa fi Walhubannoo ABO, Melbourne, Australia.

Guraandhala 6, 2013
Nuti miseensonn ABO fi hawaasti Oromoo magaalaa Melbourne fi naannoo isaa jiraannu, dhaabni ABO kaleessa bakka lamatti waamamaa ture ShG fi QC ABO wal-hubannoo tokko irra ga’anii araara buusuu isaanii yeroo dhageenyu gammachuu guddaatu nutti dhagahame. Ibsa waloon nuuf kenname kanatti boonuu keenya ibsachaa, nuti warreen ibsa gamtaa kana irratti argamne ibsa ejjennoo armaa gadii kana baafannee jirra.

  1. Wal-hubannoon qabsaa’ota ABO garee lamaan gidduutti ta’e injifannoo guddaa waan ta’eef walhubanno fi araara qabsaawota ABO gidduutti ta’e hanga fiixa ba’insa isaatti deggersa guutuu qabnu ibsanna.

  2. Dararaa fi miidhaan ummata Oromoo irra gahu, qabeenya isaa saamuu, ajjeessuu, hidhuu, biyyaa hari’uu, qe’ee isaa irraa humnaan buqqifamuun akkasumas qaabeenya uumamaa kan ta’an qilleessii fi laggeen summaa’uun, bosonni Oromiyaa gabbataan sun abidda itti qabsiifamuun gubamee Oromiyaan jiituun hongeetti jijjiiramaa jiraachuun hedduu nu yaaddessa; waan ta’eef Ummata fi biyya abbaa keenyaa badiinsa kana irraa baraaruuf qajeelfama dhaaba keenya ABO irraa kennamu fudhannee hanga Qabson bilisummaa Oromoo bakka gahutti waan nurraa eegamu mara ni raawwanna.

  3. Odeeffannoo dhugaa fi qulqulluu ta’e Ummanni Oromoo biyya keessaa kan irraa argachaa jiru miidiyaan walabaa tokkichi qabnu SBOn gumaacha Ummata fi QBOf kennaa jiru hubannee waan dandeenyu maraan humneessuuf murteeffanneerra.

  4. Tattaaffii qasaawota walaba ta’an mooraa QBOtti deebisuuf ta’aa jiru ni deggerra. Gama kanaan dirqama nurraa eegamu mara ni baana.

  5. Tokkummaan humna ta’uu ni hubanna. Mariin hidhaa fi rakkoo galte akka hiiku ni ammanna. Haa ta’u malee ammoo mariin diina afaan qawweetti amanuu wajjinii akka nu hin baafnes seenaa darbe irraa baranneerra. Waan ta’eef warreen yeroo ammaa maqaa dimookiraasiitiin tokkummaa qabsaawotaa diiguuf tattaafataa jiran akka nurraa dhaabbatan gaafataa, WBO hidhannoo isaa jabeessinaaf malee tasa hiikkachiisuu keessatti akka hin hirmaanne hubachiifna.

  6. Dararaa baqattoota Oromoo biyyoota ollaa keessatti tikni Wayyaanee hordofee irraan gahaa jiru balaaleffachaa; Mootummoonni addunyaa fi dhaaboleen mirga dhala namaaf falman yakka mootummaan wayyaanee daangaa cehee raawwataa jiru kana hubatanii baqattoota Oromoof akka birmatan gaafanna.

  7. Sochii fincila diddaa garbummaa uummata Ormoo, keessattuu Qeerroon Oromoo biyya keessatti gaggeessaa jiru guutummaatti ni deggerra, cinas dhaabbanna.

  8. Sochii fi tarkaanfii WBOn diina irratti fudhachaa jiru ni dinqisiifanna. Darbees humneesuuf waan dandeenyu maraan cina ni dhaabbanna.

  9. Waliif obsuun murteessaa ta’u illee badii hanga akeeka dhaabichaa jallisuutti deemamu obsaan tursiisuun miidhaa geessise irraa baratamee kana booda kanneen yakka fakkaataa hojjatan irratti tarkaanfiin seeraa yeroon akka fudhatamu jabeessinee dhaammanna.

  10. Xumura irratti hawaasti Oromoo biyya ambaatti jireenya adda addaa jiraattan, hayyoonni fi sabboontonni Oromoo walhubannoo fi Araara ABO ShG fi QC irra gahan, akkasumas miseensonni ABO bifa addaa addaan hirmaannaa miseensummaa irraa of qusatanii turan dhiyeenya kana gara dhaaba isaanitti deebi’anii dirqama sabummaa isaan irraa eegamu bahachuuf murteeffatan simattanii tumsa fi dirqama sabummaa isin irraa eegamu akka bahattan jabeessinee dhaammanna.
Gadaa Gadaa Bilisummaa ti !!!

Injifannoo Uummata Oromoof !!!

No comments:

Post a Comment