Ibsa Ejjennoo Miseensotaa fi Deggertoota ABO Dhiya Kanaada

Guraadhala 17/2013 | Miseensotaa fi deggertoota ABO dhiya Kaanaadaa Irraa

Nuti Miseensotnii fi deggertootni ABO dhiya kanaadaatti argamnu, Saskaachuwaan, Giraande Prairie, Fot MC mury, Kalgaarii fi Edemeenten keessa jirru waamicha wal ga`ii ABO nuuf godhe irratti argamuun Ibsaa Araaraa fi ABO tokkomsuu irratti ibsa bal`aa bakka bu`oota dhaaba ABO J/ Damisee Sardaa fi J/ Yaddii Boruu, akkasumas ibsa Gurmuu Qabsaawotaa irraa nuuf kenname erga dhageenyee, caqasnee hubanneen booda gaaffilee dhimma ABO tokkoomsuu irratti gaafachuu fi hubachuu qabnu gaafachuun deebii gaa`aa fi quubsaa ta`e nuuf deebiyeera. Ibsa karaa Hogganoota dhaaba keenyaan nuuf kenname dhugeeffachuun itti amannee, araaraa fi ABO tokkoomsuuf tarkaanfii dhaabni keenya ABO fudhate haalaan kan nu boonsee fi dhaaba keenya ABO irratti abdii f i dambooba guddaa qabaannuu fi cimnee waliin hojjennu ta`uu keenya gammachuu guutuun kora kana irratti ibsanneera.


  1. Wal ga`ii kana kan adda godhu keessaa inni tokkoo, Miseensotni WBO yeroo dheeraaf haala dhaaba keenya keessatti dhalateen addaa adda facaanee wal qunnamuu fi wal barbaaduu dhabnee fulaa fulaan jiruu fi jireenya dhuunfaa keenyaa dura dhimma sab akeenyaaf waayee tokkummaa dhaaba a keenyaa hawwaa fi gaafachaa turre. Har`a dhaabni keenya ABO bakka tokkotti deebiyee caasaa tokko jalatti hojjechuu fi ajaja dhaaba tokkoo jalatti deebiyee taliigamuu fi wal taliiguuf akka Hoggana tokkootti murteessee ibsa gammachuuf i Injifannoo kana yeroo nuuf labsuu fi nu dhageessisu, gammachuun keenya daangaa hin qabu. Akkasumas nuus akkuma kaleessa akeekaa fi kaayyoo saba keenyaa bakkaan ga`uuf mudhii keenya hidhannee qabsoo saba keenyaaf jecha murannee qabsoof manaa baanee har`as murtii fi tarkaanfii araaraa fi ABO tokkoomsuu kana gammachuun simannee ofitti fuunee hojiin dhugoomsuuf Guyyaa har`aa kana nuti Miseensotni WBO duraanii ummata keenya fuula duratti irra deebinee Waadaa keenya haaromsineerra.

  2.  Ibsa araaraa fi ABO tokkoomsuu kan a dhaabni keenya ABO akkuma eegaletti dafee akka hojiitti hiikuu fi caasaalee jaarmiyaa jiran dafee akka wal dhuunfachiisee hojiitti nu bobbaasuu jabeeessinee dhaammana.

  3. Nuti MiseensotnI ABO, Deggertootni ABO fi sabboontotni Oromoo kan wal ga`ii kana irratti argamne marti Akka saba tokkoottii, akeekaa fi kaayyoo tokko, Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa fiixaan baasuuf, tumsaa fi tinsa QBO barbaachisu kamuu of qusannoo tokko malee hojjechuu fi gumaachuuf Waadaa seenneerra.

  4. Dargaggootni, Shammarran, maanguddoo, hawwanii fi Ilmaan Oromoo kanneen Biyya alaa keessaatti argamtan marti Miidhaa fi iraarsa Mootummaan gabroofataa ummata Oromoo biyya keessa jiran irratti raawwachaa jiru kanaaf dirmachuu fi bira dhaabbachuun ga`ee fi qooda lammumma keenyaa akka baanu waamicha keenya Lammummaa fi Oromummaa isiniif dabarsina.

  5. Dhaabbileen Oromoo kanneen Bilisummaa saba keessanii fi walabummaa biyyakeessaniitti amantaniif bilisummaaf Qabsooftan Gaadisa Tokko jalatti deebitanii hoggummaa, beekumsaa fi dandeettii qabdan hundaan akka biyya keessanii fi hojjetanii fi Saba keessan qaanii gabrummaa jalaa baaftan waamicha keenya Lammummaa fi Oromummaa isiniif dabarsina.

  6. Tarkaanfii WBO biyya keessaa fi dirreelee falmaa garaagaaraa fi bakka addaa addaatti diina Ummata keenya ajjeesaa fi hidhee iraarsaa jiru adamsee galaafaataa fi gumaa Qomoo isaa baasaa jiru WBO! Tarkaanfii fudhataa jirtu jabaadhuu itti fufi! WBO siin boonna! Jenna. Waan maraanuu sifaanaa jira! WBO jabaa dhu! WBO jiraadhu! Abdii saba Oromoo!

  7. Haala rakkoo fi bu`aa ba`ii QBO keessatti ammaan dura mumul`ataa turee fi dhalate ammaan duuba akka nutti hin deebine. Dhaabni keenya ABO kan dabre irraa hubannoo fi gorsa gaarii aragtee jabninaa fi ciminaan akka hojjetuu fi gamtaan hojii QBO duratti furgaasu Jabeesinee dhaammanna.

  8. Nuti saba Oromoo dha. Nuti Akeekaa fi kaayyoo Itiyoophiyummaa Diimokiraatessuu fi Impaayera diimokiraatessuu waan jedhuun Ummata Oromoo afaan faajjessuun QBO booddessuu barbaadan dura ni dhaabbanna. Ni balaaleffannas.

  9. Akeekaa fi kaayyoo dhaaba keenya ABO biyya Tokko Oromiyaa, saba Tokko Ummata Oromoo, Hiree tokko Hiree Ofii Ofiin murteeffannaa, Ummatni Oromoo mootummaa walaba taate dhaabbachuun iggiitii itti godhuu jedhu sanatti amanna. Sana bakkaan ga`uuf cichummaan murannoon ni qabsoofna. Fiixaan ba`insa isaafis waan Qabsoon nu gaafattu kamuu ni gummaachina. Dhaabni keenya ABO kana bakkaan ga`uu fi fiixaan ba`insa isaaf jabaatanii akka hojjetan dhaammanna.

  10. Sochii Dargaggootni Oromoo abdii bilisummaa diina waliin falmaa godhaa jiru ni deggerra. Waan dandeenyu maraan bira ni dhabbanna.

  11.  Mirga dhiittaa dhala naama fi tuffii ykn ammoo maal dhibdiin dhimma Amnattii keessa seenuun Mootummaan wayayanee Ummata amantii Musiliimaa jeeqaa jiru ni balaaleffanna. Akka waan kana irraa dhaabbatus ni akeekkachiifna.

  12. Mootuummaan wayyaanee nagaan waaraa fi tasaggabbiin Biyya sana keessaatti akka bu`u hin barbaadu. Yoo nagaa fi qabbanni biyya sana keessa jiraatee ofii isaa jiraachuu waan hin dandeenyeef, Ummataa fi ummata, ollaa waliin qubatanii fi ollummaan yeroo dheeraaf waliin jiraataa turan walitti buusa a jira. Gochaa isaa kana akka hubatanii tumsaa fi gargaarsa mootummaa abbaa irree fi qawween nama ajjeessaa jiru kanaaf, gargaarsaa fi tumsa godhaa jirtan akka irraa dhaabban mootummaata anga`oo addunyaa kanaa cimsinee ni gaafanna.
Inifannoo Ummata Oromoof!

Miseensotaa fi deggertoota ABO dhiya Kaanaadaa.

Edemeenten, Albartaa.

Guraadhala 17/2013

No comments:

Post a Comment