"Wali-hubannoo Malee Maqaa Jaarmaya Tokkootti Dhimma Bahuun Yakka"- KY ABO

Guraandhala 20, 2013 | Koree Yeroo (KY) ABO

Akkuma hunddii keenya beeknu qabsoon saba Oromoo bara dheeraf rakkoo gurgudoo keessa deema dhufte amalee rakkoo heduu qabdi. Burqaan rakkoole qabsoo Oromoo namootuma sadarkaa adda adaati qabsoo kanaan deema turanii fi diina fira fakkate abba qabso taheedha. Gama biraatin habashaa fi firootan isaanii hiree argatan hundaan Oromoo diguu fi dadhabsuu irratti hojata turan, ammallee hojata jiru. Oromoon amo rakkoo umammte irra anu dadhabee wal-fafacaasa jaarmayaa ykn murna garaa-garaa ijaarachuun wal-xixiqeesa deema ture ammallee itti jira. Haali akkasi kun yo diinaaf tahe malee Oromoof bu’a akka hin qabne amo Oromoon hunduu ni beeka.

Rakkoole qabsoo Oromoo keessa jiruf furmaata barbaaduf jaarmayoon Oromoo fi ilmaan Oromoo carraaqi heduu godha turan amalee godha jiru. Dhiheenya kana KY-ABO, Shanee Gumii fi ABO-qaama ceehumsaa rakkoo jaarmayoota kaneen jiduu jiru qoranee furmaata barbaaduf haasawa godhaa jira. Haasawi godhaa jiru kun maddi rakkoo Qabsoo bilisummaa Oromoo fi keesahu qabsoo Oromoo kan ABOn hogganamu keessati yaroo adda addaa walirraa fafacauun maalira akka tahe qoranee furmaata mayii kenuf dha.

Sadarkaan jaarmayoon kun KY-ABO waliin itti haasawa jiran sadarka jalqabati malee wal-hubannoo fi tokkumaan irra gahame hin jiru. Sadarka jalqabarra oso jiru akka wal-hubannoon KY ABO, Shaneen Gumii fi ABO QC jiduuti godhamee fakkesani maqaa KY ABO ttin walgahii ummata magaala Minneapolis keesatti waamun dogoongora guddadha fi yakka jaarmayaa keenyarati tahe jeneeti amana. Jaarmayotiin kun hujii akkana irraa akka of qusatan dhaamsa keenya dabarsinaafi. Hujii natu siif beeka, natu siif dubataa, natu siif bakka bu’a kun Oromoof bu’a hin qabu. Dhugaa kana hubachuu dhan qaamni mirga Oromoo tiksuf dhaabate hundii yaada boodessa kana gatanii bira akka darban yaadachifna.

Akka yaada keenyaatti, rakkoo bara dheeraf qabsoo saba Oromoo xaxee sochii dhoorge irra anee jaarmayoota maqaa ABO himatan tokkomsinee, akkasumas jaarmayoota kaayyoo walabummaa fi Bilisummaa ummata oromootti amanan mara walin tokkomnee mooraan qabsoo Oromoo akka jabatu gochuutti amana. Mariin ykn haasawan godhaa jirus tokkummaa jaarmayoota oromoo mirkaneesun, jaarmaya tokko, kaayyoo tokko fi hoggana tokko jalatti walitti qabamuun xumuramti jenneeti abdana.

Kanaaf, miseensooni fi deegartoon akkasumas hawaasni Oromoo dhugaa asin olite ibsame, KY ABO, Shanee Gumii fi ABO-QC hasawa tokkomuti jalqabne malee ama ammati tokkuman ummame akka hin jire hubatani tokkummaan dhugaa kan QBO tiif furmaata mayi taha jenee itti amanu akka fiixa bahu gochuu irra akka boodati hin deebine isin hubachiifina. Hujii tokkummaa dhugaa fi haqaa argamsiisuuf itti jiru akka milkiin xumuru gargaarsi keesan akka itti fufu irra deebine isin gaafana.

Oromiyyaan ni Bilisoomti

Koree Yeroo (KY) ABO

No comments:

Post a Comment