Mana Hidhaa Qaallittii Keessatti Sabboontoti Oromoo Hedduun Dararaa Guddaaf Daran Saaxilaman

Guraandhala 21, 2013 | Qeerroo Finfinnee

Yeroo ammaa kanattii motummaan Wayyaanee gochaalee hammeenyaa fi gara jabinaa Ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaalliittii jiraan irraattii fudhachaa jiruu jabeessee itti fufuun torcherii sammuu fi nyaata qulqullinaa hinqabne hidhamtootaaf dhiyeessuun har’as dabuma kaleesaa bare daran jabeessee jiraachuun gabaafame jira.Haala kanaan yeroo ammaa kanatti barsiisaa Dirribii Nagaasaa fi Barataa Hirphasaa Diriirsaa bara 2011 qabamanii fi Oromoonni dhibbaatamaan lakkaawaman yeroo amma mana hidhaa qaalliittii zoonii tokkoo kan jiran dhukkubsatanii yaalaa gahaa dhabuun daraarama jiraachuun gabaasaan keenyaa Finfinnee addeesse jira.

Ilmaan Oromoo kunneen yaalaa dhabuun hedduu kan miidhama jiran yoo ta’uu,Kanaa Malees torbee Darbee keessaa mannii murtii wayyaanee ilmaan Oromoo lama badii tokkoo malee murtii garaa jabinaa kennuun ni yaadatama, ilmaan Oromoo Dargaggoo Fayisaa Sanyii fi Gaaddisaa Insarmuu jedhamaan badii tokkoo malee mannii murtii Wayyaanee wal duraa dubaan murtii waggaa 7 fi 6tiin adabee jira. Dargaggoo Fayisaa Sanyii Asiin fulduraas maatiin isaa Obboo Sanyii Bakkaalchee bara sagaltamotaa keessaa hidhaa waggaa 12n adabamanii, mana hidhaa keessaa bara 2005 baanii, turtii batii shanii hin guutnee keessaattii seensaa baraa 2006 balleessaa tokkoo malee qabamanii mana hidhaa maaikalaawwii keessaatti dararamaa turuun ammaasa yeroo lammaaffaaf mannii murtii wayyaanee baalleessaa tokkoo malee hidhaa waggaa kudhaniin(10) irraatti murteessuun kan hidhamanii jiraan tauun ibsamera.

Gochaa sukkaaneessaa fi daba abbaa irruummaa Wayyaanee fi EPRDFn mana hidhaatti ummaataa Oromoo irraattii raawwaatamaa jiruuf Mootummaan Wayyaanee gaaffatamaa Seeraa fi seenaa jalaa bauu kan hin dandeenyee tauu bakka buoonnii Qeerroo Godina Jimmaa akeekaniru. Kana malees Qeerroon itti dabaluun yaa uummataa Oromoo Ilmaan kee dhugaa mirgaa saba isaanii waan gafataniif badii tokkoo malee mana hidhattii galfamanii dararaamaa jiraachuunii fi murtiin dabaa itti kennaamaa jiraachuun isinittii haa dhagaaamu, namni utuu qomoon isaa balleessaa tokkoo malee waan mirgaa saba isaa gaafateef, hidhamee dararamuun, hidhaan seeraan alaa irraatti godhamuu fi murtiin seeraan alaa irraatti kennaamuu Oromoon taaee ilaaluu hin qabu,kan garaa taaee gochaa diinummaa kana ilaaluu yoo jiratee irmii(hirmii)nyaachaa akka jiruu dagachuu hin qabu, kun boruu kan sirraas gauu waan taeef gamtaan kaanee gochaa diinummaa saba keenyaa irraatti raawwaatamaa jiruu kanaa haa balaaleffaannuu ummataa Oromoo hundaaf dhamsaa keenyaa dabarsina jechuun dhaamsa dabarfachuun beekame.

Qeerroo

No comments:

Post a Comment