Ibsa ejjennoo hirmaatota waligayii walihubannoo fi araara Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) biyya Jarmanii kessatti geggefame

Guraandhala 16 bara 2013 | Hirmaattota waligayii walihubannoo fi araara ABO Jarmanii, Frankfurt

Dhimma walihubannoo fi waliigaltee ABO ilaalchise hawaasota Oromoo, waldaalee Oromoo, fi miseensota ABO biyya Jarmanii jiraniif Guraandhala 16 bara 2013 ibsi kennameera. Waligayiin kun ganamaa saatii 11 irraa egalee amma waaree boda saatii 18:00 magaalaa Frankfurt, galma Universitii Joon Volfigaang kessatti geggefame.

Walgayiin ergi ebba manguddoo fi faaruu alabaa Oromiyaan banameen booda jalle Aster Gammadaa (Miseensaa Gumii Sabaa ABO), ShG ABO bakka bu`uun, Jalle Mulugeetaa Mosiisaa ABO QC bakka bu`uun, fi Jalle Dr. Baqqalaa G/ Maariyaam gurmuu qabsaawota bilisummaa Oromoo bakka bu`uun hirmaatota waligayiif wa`ee walihubannoo gurmulee ABO irratti ibsa gutuu kennaniru. Hirmaatoti waligayii gaaffiilee fi yaadota ijaaroo dhiyeessuun mariin gadifagenyaan ergii geggefamen booda ibsa ejjannoo baafatun sagantaan waligayii milkiin xumurameera.

Ibsa ejjennoo hirmaatota waligayii

Nuti miseensotiin hawaasotaa fi waldaalee Oromoo biyya Jarmanii walgayii walihubannoo fi araara ABO irratti hirmaannee turre ibsa waliigaltee karaa bakka bu`ota ABO nuuf kenname irratti ergi mariyanneen booda ibsa ejjannoo armaan gadii baafatun waligayii xumure.
  1. Ummata Oromoo sirna kolonefataa Habashaa, gartuu TPLFn hogganamaa jiru, jalatti gidirfamaa jiru bilisomsuuf qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) hogganummaa jaarmaa ABO fi jaarmalee siyaasa bilisummaa Oromoon geggefamaa jiru mara ni deggerra.

  2. Qabenyaa gumachuun sochii waraana bilisummaa Oromoo ni deggerra.

  3. Saamichaa fi shororkaa ummata Oromoo irratti dinoti fi farreen QBO raawataa jiraatan injifachuuf akka jaarmoleen siyaasa QBO hundinuu hubannoon walitumsanii sochowan waamicha isaanif dabarsina.

  4. Jaarmaleen siyaasa QBO hogganummaa jaarmaalee QBO itichuun (qindeesun) ilaalcha siyaasaa tokkoomeen (walitumsuun) qabsaawuf akka murteesan waamicha Oromummaa isaanif dabarsina.

  5. Jaarmaleen QBO hogganan haala hundumaa kessatti sagalee ummata Oromoo akka tarsimoo tokkoomeen hawaasota adunyaa dhageesisan ni dhaamanna.

  6. Yakkoota dhittaa mirga-namomaa ummata Oromoo irratti karaa motummaa kolonefataa, TPLF, raawatamaa jiru ni balaaleffanna.

  7.  Dhimmoota amantii (jaarmalee waaqefannaa) kessa seraan ala senuun golessummaa motummaan kolonefataa, TPLF, raawataa turee fi rawataa jiru mara ni balaalefanna.

  8. Ummata baadiyaa Oromomiyaa lafa qonnaa irraa buqisuun saamicha hiriyaa hin qabnee motummaan konolefataa, TPLF, geggesaa jiru ni balaalefanna.

  9. Hogganummaa motummaa wayaaneen yakkoota dhiittaa mirga namaa ummata Oromoo irratti raawatamaa jiru hambisuuf akka hawaasoti Adunyaa dhibbaa godhan ni gaafanna.

  10. Lammii Oromiyaa kanneen meeshaa motummaa TPLF ta`uun yakkoota hiriyaa hin qabne ummata Oromoo irratti raawachisuun sirna motummaa Habashootaa tiksuuf boojiyamtan akka gara moraa QBO makamuun mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo kabachisuuf qabsooftan waamicha ilaalcha Oromummaa hundeefate isiniif erginerra.
Injifatnnoon ummata Oromoof!

Hirmaattota waligayii walihubannoo fi araara ABO

Jarmanii, Frankfurt, Guraandhala 16 bara 2013

No comments:

Post a Comment