Qasboon Bilisummaa Oromoo, Hooggana Tarsimoo fi Jijjirama Fudhatu Barbaada

Gurraandhala 11, 2013 | Gadaa.com

Camadaa Hundee irraa*

Qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo gara yerootti guddachaa fi gabbachaa deemuun dirqama. Siyaasa keessatti yeroo hunda jijiramatu adeema. Dhaaba siyaasaa tokko keessatti jijjiramni tarsiimoo kan dhufu, bifa lamaan ta’a. tokkoffaan haalli waltajjii addunyaa fi naannoo yeroo jijjiramutti, tarsiimoon qabsoo haala jijjirame wajjin kan wal simatu, guddachaa fi sirreefamaa deema. Inni lamataa ammoo, tarsiimoon qabsoo yeroo jalqabaaf wixiname galii isaa qaqabuun, tarsiimoo haaraa maddisiisuun ni danda’a. jijjiramni inni lamataa kun, tarsiimoon duraan lafa ka’ame, galii isaa waan rukuteef, tarsiimoo haarawaa baafachuuf eddu rakkisaa hin ta’u. ta’us garuu bilchinaa fi ga’umsaan xiinxala gahaa gochuu gaafata. Haala jijjirama addunyaa fi naannoo irraa kan madde jijjiramni tarsiimoo dhufu garuu tarsiimoo duraan lafaa qaban dirqamaan kan nama jijjirsisuu dha. tarsiimoo dura lafaa qaban, jijjiruu jechuun dhiisuu ykn galii duraa lagachuu jechuu miti. Kallattii fi mala inni galma ga’uu danda’u bifa harawaan tarsiimoo harawaa maddisiisuu jewchuu dha.

Jaarmiyaan siyaasaas ta’ee dhaabbileen kamuu guddachaa fi injifannoo ykn bu’aa qabeesummaa argachaa kan deeman yoo tarsiimoo ifa ta’ee fi akka gaariitti xinxala irratti hunda’ee, gaaffii waltajjiin yeroo keessa jiru deebisuu danda’ee dha. tarsiimoon ifa ta’ee fi xiinxala irratti hin hundoofne yeroo hunda bu’a qabeessa hin ta’u. faalla kanaa jaarmiyaan siyaasaa jeeqamaa fi adaduma bulu dadhabaa deema. Tarsiimoo dhuga qabeessa dhabuun madda jeequmsaa ti. Keessumaa dhaaba siyaasaa keessatti rakkoon inni dhalchu edduu dha. tarsiimoon jaarmiyaa siyaasaa tokko karaa irraa jallannaan deebisuuf ykn sirreessuuf haarsaan inni gaafatu guddaa dha. keessumaa hoogganni jaarmiyaa siyaasaa tokko, tarsimoo qabsoo yeroo gara yerootti qorachaa fi gabbisaa hin deemu taanan, yeroo hunda gaga’amaa fi madda jeequmsaa ta’ee jiraata. Hoogganni jaarmiyaa siyaasaa tarsiimoo isaa gabbifachaa fi haala addunyaa fi yeroo wajjin sirreefachaa hin deemne, dhuma irratti diina ofirratti baayyisaa fi miseensa abdii kutachiisaa deema.

Tarsiimoo jaarmiyaan siyaasaa kaleessa irratti of hutubee qabsoo gaggeessa ture tokko haala waltajjii yeroo wajjin jijjiruuf haarsaa guddaa gaafata. Hooggana of kennaa fi of irratti amantaa qabuu fedha. Hunda caala hooggana seenaa kaleessaan jiraatu otoo hin taane, hooggana seenaa boruu tilmaamee lafa ka’u barbaada. Hoogganni egeree jaarmiyaa siyaasaa sirnaan hubachuu anqatu yeroo hunda kan ardhaa fi boruu dubbachuu irra kan kaleessaa irra ture leellisuu fi isaan jiraachuu barbaada. Kun dadhabbina jaarmiyaa siyaasaan tokko qabu kan muldhisuu dha. hoogganni jaarmniyaa siyaasaa tokko tarsiimoo jaarmiyaa maddisiisuu fi jijjirama jiru fudhachuuf kan of qopheesse ta’uu qaba. (strategic leadership must embracing changes) hoogganni jaarmiyaa siyaasaa gaaffii sadarkaa tarsiimoo deebii hin qabnee fi jijjiramaaf of hin qopheessine jaarmiyaa laamshesuun ala bu’aa hin qabu.

Jecha biraatiin hoogganni jaarmiyaa siyaasaa jijjirama jiru xiinxalee fudhachuu qaba yeroo jedhamu, waantota sadii sirnaan ilaaluun gaarii ta’a.
  1. muldhata jaarmiyaa siyaasaa, ifatti gaaffii waltajjii yeroo wajjin lafa ka’uu qaba (clarifying strategic intent)
  2. jaarmiyaa siyaasaa sirnaa fi bifa bu’a qabeessa qabuun ijaraafuu fi caasessuu qaba (building an organization)
  3. aadaa hojii fi amantaa siyaasaa yeroo gara yerootti bu’uuressaa deemuu qaba (shaping organization culture)
qabxiin kanaa olitti tuqaman kun sirnaan of danda’anii kan xiinxalamanii dha. hoogganni jaarmiyaa tokko yeroo hunda dhimmoota dhaaba isaa qorachaa fi xiinxalaa deemuu qaba. kana gochuuf qabxiilee kana sirnaan hubachuu barbaachisa. Qabxiilee kanaa olitti tuqaman kana hubachuuf ammoo, bilchinaa fi beekumsa gaafata. Miiraa otoo hin taane xiinxala beekumsa qabuun masakamuu gaafata. Gaaffilee gara xiinxalaatti nu geessan kaafnee of gaafachuun barbaachisaa dha. Isaanis kaleessa sadarkaa maal irra turre? ardha maal irra jirra? Boru eessa geenya? Addunyaan keessa jirruu fi humni keenya maal fakkaata? Diinnii fi firri keenya eenyu? Ardha eenyu wajjin hojjanna boruhoo maaltu nu eeggataa fi kkkf kaasanii of gaafachuu barbaachisa.

Hoogganni kana gochuuf ammoo dirqama lama bahuun barbaachisaa dha. tokkoffaan jaarmiyaa siyaasaaf qajeelfamaa fi jijjirama wal irraa hin cinne kennuu dha (guiding the organization to deal with constant change). Inni lamaataa ammoo miseensaa fi hoogganoota jaarmiyaa siyaasaa isaaf sadarkaa dandeettii, beekumsaa, fi aadaa dhaaba isaa olkaasuu fi jijjirama haala waltajjii wajjin akka deemuuf, yeroo gara yerootti jabeeffachaa deemuu dha (providing the leadership skill to cope with the ramifications of constant change).

Bifa kanaan yoo mooraa QBO ilaalle xiyyeefannaan keenya dhimmoota qabsoo keenya gara fuula duraatti adeemsisan moo dhimma xixiqaadhaan qabamaa jirraa? jennee ilaaluun gaarii dha. siyaasa keenya keessatti ifatti dhugaa jiru gadi baasanii dubbachuun barbaachisaa dha. qabsoo Oromoo kan sirreessu nama dhuunfaa ykn garee murta’e miti. Dhimma waloo ti. Dhimma waloo irratti ammoo namuu gahee mataa isaa qaba. yeroo tokko tokko itti gaafatama qabsoo Oromoo nama muraasaaf yeroo kenninu argina. Kun sirrii natti hin fakkatu. Dhimma qabsoo keenyaa ifatti dubbachuu fi itti hirmaachuun gahee lammii hundaati. Dhimmootiin irratti dubbachuu qabnu ammoo waanta bu’uura ta’an tauu qabu. kanaan ala aadaan atakaaroo fi qabsoo keenyaaf bu’aa hin qabne irra deddeebinee yoo iyyaa oolle fayidaa hin qabu.

Qabsoo bilisummaa Oromoo gara fuundiraatti tarkaanfachiisuuf anqinoota qabsoon keenya qabu dhugaatti walitti imuun barbaachisaa dha. dhimma ololaa irratti yeroo balleessuun qabsoo Oromoo laaffisuun ala bu’aan inni qabu hin jiru. Waltajjii haala amma qabsoon Oromoo irra jiru sirnaan isa dhugaa sana walitti imuun barbaachisaa dha. akka amma argaa jirrutti dhimma ijoo dhiifnee kaayyoo ganamaa fi kaayyoo galgalaa jechuun atakaaroo wal qabuun bu’aan keessaa argamu hin jiru. Keessumaa waa baranne warri jedhan, haala qabsoon keenya keessa jiruu fi tarsiimoo qabsoon Oromoo gaafatu otoo beekanuu, isa dhugaa diisanii darga aasa’uu ykn wal mooksuun eessanuu nama hin ga’u. gaga’ama amma yoonaa irraa barachuun barbaachisaa dha. jijjirama mooraa qabsoo Oromoo keessa jiruu fi haala waltajjii addunyaan keessa jiru walitti finnee xiinxaluun barbaachisaa dha.

Yeroo tokko tokko dadhabbinni keenya kan madde tokkummaa dhabuu irraa dhufe kan jedhu irra deddebi’amee dubatama. Tokkummaa dhabuun keenya dhugaatti nu miidhee jira. Maaliif tokkummaa dhabne kan jedhu gaaffiin yeroo ka’u gara nama dhuunfaa ykn rakkoo garee tokkoo goonee dhiyeessina. Dhimmichi rakkoo garee ykn nama dhuunfaa miti. Namni dhuunfaa qabsoo keessatti rakkoo uumuuf gumaacha xiqqoo qaba. Garuu murteessaa miti. Rakkoo amma yoonaa keessa jirruuf namni dhuunfaan ykn garee tokko kan dhalchee miti. Rakkoon qabsoo keenya mudatee fi tokkummaa nu dhoowwaa jiru gaaffii deebii argachuu qabu deebisuu dadhabuu keenya. Tokkummaan waanta faarsaniif hin dhufu. Tokkummaan kan fidu, galii siyasaa fi tarsiimoo bilchinaan maddisiisfametu fida. Kun bakka hin jirretti miiraan waanta ta’uu qaba jenneef dhufu hin jiru. Hunda dura haqa lafa jiru ofittis namatti imuu gaafata. Wal mooksuun ykn fedhii “Otoon” guutameen masakamuun itti bahi isaa kufaatii dha. adeemsi siyaasaa of jijjiraa fi haala waltajjii wajjin of muuxachiisaa deema. Hoogganni tarsiimoo fi galii isaa waltajii addunyaa fi naannoo akkasuma guddina siyaasaa sabaa wajjin wal hin simsiifne gaga’ama keessa jiraata. Injifannoo irraa fagaata. Waldhibdeen dhuma hin qabneen wal jeeqa. Kana kan dhlche garuu nama dhuunfaa ykn garee miti. Kana kan dhalchu galii fi tarsiimoo qabsoo keenyaa yeroo gara yerootti gabbifachuu dadhabuu keenya. Jewcha gara biraatiin dhugaa lafa jiru walitti imuu irra dharaan wal gowwoomsaa deemuu dha. kana irraa barachuun barbaachisaa dha.

Otoo rakkoon mooraan Oromoo qabdu nama dhuunfaa ykn garee ta’ee, yeroo namni dhuunfaan ykn gareen jaarmiyaa siyaasaa keessa bahe waanti hunduu karaa qabata. Kun garuu yeroo ta’e hin jiru. Aadaan wal mooksuu kun afuu qaba. yeroo ammaa rakkoon qabsoo akka nama dhuunfaan dhufetti, yeroo namatti imamu qaaniin hin jiru. Rakkoon qabsoo keenyaa nama dhuunfaa ykn garees miti. Rakkoon qabsoo keenyaa galii fi tarsiimoo qabsoo keenyaa bilchinaan haala waltajii yeroo wajjin lafa ka’uu dadhabuu keenya. Kana jechuun hooggana kana ifatti fudhatee haqa jiru qabsa’aas ta’ee ummatatti imu dhabamuu isaati.

Haata’uu garuu yeroo ammaa kana wal urursaa deemuu irra, rakkoo qabsoon keenya qabdu ifatti walitti imuun jalqabamee jira. kun guddina siyaasa Oromoo ti. Hanqinni qabsoon keenya qabu, rakkoo namootiin dhuunfaan dhalchan otoo hin taane hooggana haala yeroo hubatee muldhata jaarmiyaa fi tarsiimoo jaarmiyaa sirreessuu dhabuu dha. kana hadhahus ofitti himuun barbaachisaa dha. warri qabsoo keessa jirru, haqa kana ofitti himuu sodaannus ummati Oromoo haala kana sirnaan hubachaa jira. gaaffiin amma jiru, nutu uummata hoogganaa jiramoo ummatatu nu hoogganaa jira jennee of gaafachuu qabna. Olola atakaaroo keessaa baanee, rakkoo qabsoo keenya mudate akkuma amma jalqabamee jirutti walitti imuun hunda caala. Yeroon amma keessa jirru, yeroo galii ganamaa fi galgalaa jennee atakaaroo wal qabnuu miti. Yeroon isaa yeroo haqa lafa jiru ofitti imnuu dha. kan kaleessaa seenaa dha. seenaa ammoo irraa barannee waltajjii amma keessa jirruuf dhimma itti bahuu dha. akkasuma seenaa kaleessaan jiraachuu hin dandeenyu. Seenaa mataa keenyaa hojachuu qabna. Seenaan mataa keenyaa ammoo waltajjii amma keessa jirruu dha. qabsoo waltajjiin yeroo gaafatu gochuun ammo daandii injifannoo ti.
___________________________________________________________________________________
* Camadaa Hundee: camadaa@gmail.com
Gadaa.com

No comments:

Post a Comment