Qonnaan Bultooti Oromoo Godhina Harargee Aanaa Haromaayaa , Maadhee Xinniqee Gochaa Wayyaanee Balaaleffatan

Gurraandhala 24, 2013 | Gabaasa Qeerroo Haromaya

Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa Ganda Xinniqqee keessatti qotee bultootni Oromoo walitti dhufuun dhimma Wayyaaneen yeroo ammaa sabaa fi sablammoota walitti buusuun hidhattootaan ummata Oromoo naannoo irraa buqisuu fi dhibbaatamaan miidhaa irra geessisan akkasumas dhimma QBO irratti marii gaggeessan.Qotee bultootni Ganda Xinniqqee quunnamtii bua qabeessummaa baratttoota Yuunivarsiitii Haramaayaa waliin tolchuun akeeka goototaa galmaan geessisuuf hojjechuuf waadaa kan seenan yoommuu tahu diina keennya walitti birmannee bilisa baana jechuun mariiatanii jiran.Qotee bultootni ganda Xinniqqee Maadhee XINNIQQEE 01 tti wal ijaaruun gumaata isaan irraa QBOf barbaachisu adda durummaan bahuuf irbuu seenuun ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiran.

Ibsawwan ejjennoo:-
  1. Ummanni Oromoo bakkoota adda addaa Oromiyaa keessaa haalaan dararamaa waan jiruuf qabsoo inni godhu bakka gahee hanga mirga argatutti diddaan qotee bulaa itti fufa

  2. WBO ni deeggarra,waan barbaachisaan cinaa dhaabbanna

  3. Hidhaa,ajjeechaa,saaminsaa fi dhiibbaa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu ni mormina

  4. Sagaleen qotee bultoota Oromoo fi ilmaan oromoo maraa Addunyaatti akka dhagaamu ni taasifna

  5. Dabballoota Wayyaanee yeroo dheeraa mootummaa wayyaanee jala fiiganhubannoo gahaa ni kenninaaf

  6. Yeroodhaa gara yerootti qotee bultoota hubachiisaa gumaata qotee bulltoota irraa eegamu ni baana

  7. Wayyaaneen garboomfataa waan taheef hanga Bilisummaa qabsoo irraa hin dhaabbannu

  8. Waadaa keenya tikfannee QBO haala kam keessattuu galmaan ni geenya
Kanneen jedhan yoommuu tahu wayyaaneen hidhaa fi ajjeechaa ilmaan Oromoo irraan gahu wal hubachiisaa maadhee Xinniqqee 01 irraa kaasnee maadheelee ABO ijaaraa deemna jechuun mariiatanii irbuun goolabanii
jiran.

No comments:

Post a Comment