WBOn Bifa Addaan Injifatnoo Galmeessu Itti Fufuun Loltoota Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhate

Gurraandhala 27, 2013 | Madda Oduu ABO

Humni diinaa dirmannaaf sosso'aa ture WBOn rukutame. Lola Guraandhala 18, 2013 Ona Mi'eessoo keessatti adeemsifameen humna diinaa ummataa fi WBOn rukutameef dirmachuuf kan sosso'e humni diinaa WBOn rukutame. Waraanni Wayyaanee kun Gurraandhala 19, 2013 konkolaataa waraanaan osoo bakka lolaatti sosso'uu jiruu konkolaataa waliin guutummaatti dhabamsiifame. Tarkaanfii fudhatame kanaanis ummatni naannoo gammachuu itti dhaga'ame WBOf ibsee jira.

Kana malees WBOn humna diinaa irratti itti fufa tarkaanfii fudhateen humni addaa WBO Abdii ummataa jedhamuun beekamu loltoota Wayyaanee Wallagga Bahaa Ona Haroo Limmuu qubsiifaman irratti tarkaanfii haleellaa fudhate.

Tarkaanfii Guraandhala 23/2013 Ona Haroo Limmuu daangaa ummata Gumuz bakka Tikishaa jedhamutii fudhatame kanaan loltoota diinaa irraa 4 ajjeefamanii 3 madaa'aniiru. Kana malees gootichi WBO diina irraa AK 47 2 irraa booji'uun dantaa QBO irra akka oolu taasisee jira. Humni diinaa tarkaanfii humna addaa WBOn irratti fudhate kanaan rifates dhukaasa baneen ganda ummataa gubuun beekame. Akka kanaan dhukaasa rifaatuu waraana Wayyaanee irraa manni Obbo Moosisaa Amanuu fi Ittafaa Duubee gubatuun beekameera.

Gama biraan Ummatni Ona Haroo Limmuu waajjiraalee mootummaa irratti tarkaanfii barbadeessaa fudhate. Tarkaanfii ummataa Guraandhala 23/2013 sa'aati 5:00 irraatti fudhatame kanaan waajjiraaleen Mana Murtii fi kanneen biroo barbadaa'aniiru. Diinni tarkaanfii fudhatame kanaan aares akkuma aadaa isaa ummata nagaa hidhaatti guuruun dharaan yakkaa fi dararaa akka jiru hubatamee jira. Akka kanaan ummata keessaa , Obbo Namoomsaa Lammeessaa, Saaqqataa Yaadataa fi Addunyaa Dhaabaa kanneen waraana Wayyaaneean hidhaman keessaa maqaan isaanii argamedha.

Injifatno Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment